Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Gara Worra Filiphisiiyusii 1:5 - Waadaa Haarawa

5 Guyyaa jalqabaatii kaasee haga ammaa titti wongeela lallabu'uuf, hirmmaatotaa hujii kiyyaa waan taataniif, Waaqa ni galateeffadha,

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Gara Worra Filiphisiiyusii 1:5
23 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Isaan'llee barsiisa ergamittootaa dhagayu'uun, tokkumma'aan jiraachu'uun, nyaata'llee woliin nyachu'uu fi kadhanna'aan ni jabaatan turan.


Akka dameewwan muka ejerssaa ka dawo'oo ka ta'an Yihudonni muramanii uduu kufaniitii fi isin akka dameewwan muka ejerssaa ka bosonaa ka taatan, Ummanni Waaqa dhuga'aa titti hin amanne bakka isaanii buutanii, qoodamtoota qabeennaa fi eebba isaanii uduu taatanii,


Amanttoota obboleeyyan ta'an rakkinna isaaniitiin isaan gargaaraa, keessumumma'aan worra dhufan'llee ufitti fudhadhaa.


Kun'llee Maqedooniya'aa fi Akaayiya'atti ka argaman worri Waaqaa hiyyeeyyii Yerusaalemiin jiraniif gargaarssa qarshi'ii ergu'uuf, fedhii isaaniitiin waan murteessaniif.


Ilma isaa Gooftaa keenna Yesus Kristosiin woliin tokkummaa akka qabaattaniif, Waaqinni isin waame ka amaname.


Yaa obboleeyyan! Kennaa bilisaa ka Waaqinni woldayoota kristaanota Maqedooniyaa jiraniif kenne, akka beekitaniif ni barbaanna.


Kun'llee ka muldhisu ummanni Waaqa dhuga'aa titti hin amanne Yihudotaan woliin dhaalttota qabiyyee isaatii fi kutaawwan qaama tokkoo ta'anii abddii Waaqinni kenneef karaa wongeelaatiin, Yesus Krstosiin qoodamtoota ta'uu isaaniit.


Yaa obboleeyyan! Wonitti ana irra gaye marrinuu wongeelli caalatti akka babaldhatu taasisuu isaa, akka beekittaniif ni jaaladha.


Isaan kunniin'llee dubbii Waaqaa onnee fayyaatiin ka lallaban, jaalala irraa ka ka'een, isaan'llee ani wongeela kana baraaru'uuf asitti ka gatame ta'uu kiyya waan beekaniif.


Eegaa waan maraayyuu olitti jireenni keessan wongeela Kristosii ka galteeffachiisu haa ta'u, kun'llee ani dhufee yoo isin laale'llee yookiin isin irraa yoo fagaadhe'llee kaayyoo tokkoon jabaattanii dhaabachuu keessan fi wongeela tokkummaan woliin gayuuf tataafachuu keessan ni dhagaya.


Amma yeroo mana hidha'aa jiruttii fi hidhamuu kiyyaan duranatti'llee, dhugaa wongeelaatiif ittifachuu fi isa'llee jabeessu'uuf, Waaqinni kennaa isaa ka bilisaatiin carraa naaf kenne keessatti, isin marrinuu qoodamtoota waan taataniif isin yeroo maraa onnee tiyya keessa ni jirttan. Kanaaf waayee keessaniif miirri natti dhagayamu sirri'i.


Yaa waaheloota! Ani yeroo isin woliin turetti yeroo maraa ajajamoota akka turttan, gonkumaa amma yeroo isin irraa fagaadhee jirutti caala'atti ajajamoota akka taataniif isin ni yaadachiisa, Kanaaf tokko tokkoon keessan fayyinna keessan muda maleessa taasisu'uuf, soda'aa fi kabajaan hisadha'aatii hojjadhaa.


Ximotewos amanamummaan isaa qormaatamee ragaan ka bayameef ta'uu isaatii fi anaan woliin'llee akka abba'aatii fi akka ilmaa titti, woliigallee wongeela barsiisu'uun woliin yoo hojjata'aa turuu keenna, isin mataan keessanuu ni beekittan.


Ati'llee ka achi jirttu waahelli amanamaan hujii kiyyaa, dubarttoota kanniin akka isaan gargaartuuf si ni kadhadha, dubarttoonni kunniin anaan woliin Kleeminxoosii fi worra maqaan isaanii kitaaba jireennaa irratti barreeffaman kaaniin waahellan hujii kiyyaa woliin ta'u'uun, karaa wongeela itti woliin gayu'uutiin qabssaayanii jiran.


Eegaa ana akka obboleessa keetii taasfttee yoo ana laakkoftte, akkuma kiyya taasisiitii simadhuun.


Amantii keenna ka jalqaba irraa qabnnu haga muumme'ee titti jabeessinee yoo qabanne, Kristosiin woliin dhaalttota ni taana.


Tajaajilaa Yesus Kristositii fi ergamitticha ka ta'e, Simoon Phexirosiin irraa, Waaqa keennaa fi qoricha kennaa Yesus Kristosiin irraa karaa qulqullaawoma argamuutiin, akkuma amantii nu'u arigannee ka jiru amantii kabajame worra argattaniif,


Nu'uun woliin tokkummaa akka qabaattaniif ka arginee fi ka dhageenne'llee isinitti'llee ni himnna. Tokkummaan keenna'llee Waaqa Abba'aa fi Ilma isaa Yesus Kristosiin woliin.


Garuu inni ifa keessa akka jiru nu'llee ifa keessa uduu jiraannee, ufii keenna tokkummaa ni qabaanna. Deebi'ee'llee dhiiginni Ilma isaa Yesus Kristosii, cubbuu mara irraayyuu nu ni qulqulleessa.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ