Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Mudhata Yohaannisii 8:3 - Waadaa Haarawa

3 Girgiraa worqqi'ii ka qabatee jiru maleyikkaan bira'aa dhufeeti, furdda biraan ni dhaabate, teessoo duranaan ka jiru furdda worqqi'ii irratti'llee, kadhannaa Qulqullu'uu woliin ka dhiyeessu ixaanni baayi'een ni kennameef.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

WAADAA LAMMATAA

3 Maleekkaan biraa dhufeeti girgiraa worqi'ii qabateeti hulee ciinca'aa bira dhaabatee afoo teesso'oo ka jiru ciincaa worqi'ii irratti qulqulloota maraaf faatee akka itti eda'u hixaanni guddaan itti keename.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

3 Maleekkaan biraa dhufee girgiraa worqi'ii qabatee hulee ciinca'aa bira dhaabatee ka afoo teesso'oo jiru ciincaa worqi'ii irratti faatee qulqullootaa maraa woliin akka dhiyeessu hixaanni hedduu kennameef.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Mudhata Yohaannisii 8:3
32 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Mana Waaqeffanna'aa keessatti'llee ixaanni yeroo aarffamutti, ummanni marrinuu ala dhaabatanii ni kadhatan turan.


Eennu ka muritteessu? Yesus Kristos isaanitti ni murtteessa ree? Inni waayee kennaaf ka du'e, du'aa'llee ka'ee mirga Waaqa Abba'aatiin ka taa'e, waayee keennaaf'llee ni kadhatu.


Kanaaf isaaniif kadhachu'uun bara baraaf jiraataa ta'ee waan jiraatuuf karaa isaatiin gara Waaqaa worra dhufan maraa, muda maleessumma'aan isaan fayyisu'uuf ni danda'a.


Kutattii kana keessa'llee girgiraan worqqi'iitii fi taabonni waada'aa ka worqqi'iin ka dibaman ni jiran turan, taabotattii waada'aa kana keessa'llee mannaan ka keessa jiru masoobiin worqqi'ii, lalifttuu ka turtte uleen Aarooniitii fi gabateen ajajoonni kudhanii irratti barreeffaman'llee ni jiran turan.


Kanaan duubatti duumessa ka uffate maleyikkichi cimaan bira'aa sami'ii yoo bu'u ni arge, nannoo mataa isaa funyaan karaabaa ni jira ture, fuulli isaa akka adu'uu, miila isaa'llee akka utubaawwan ibiddaa ni turan,


Ibidda irratti aangoo ka qabu maleyikkaan bira'aa furdda biraan bayeeti, maleyikkicha haamttuu qaramitte qabatee jiruun, «Mataan firiiwwanii waan bilchaataniif haammittuu kee qaramaa ergi! mataawwan woyinni'ii maraa arddii irraa muriitii wolitti qabi!» jechu'uun, qoonqqa ol aana'aan ni iyye.


kitaaba kaldho'oo maramaa yeroo fudhatetti, bineensonni arffanii fi jaarsotiin diddamii arffanuu Hoolicha duranatti kallacha isaaniitiin ni gonbbifaman, tokkoon tokkoon isaanii'llee kiraara guddaa qabatanii jiran turan, akkuma kana kadhannaa Qulqullu'uu ka ta'e, ixaanni ka itti guuttamee jiru gilgilii worqqi'ii qabatanii jiran turan.


Chaaphaa shanaffaa yeroo itti banametti, waayee dubbii Waaqaatii fi waayee ragummaa isaan kennaniitiif, lubbuuwwan namoota ajjeefamanii furddaa gaditti ni arge,


Chaaphaa Waaqa jiraata'aa ka qabatee jiru maleyikkaan bira'aa'llee gara baya adu'uutii yoo dhufu ni argge, arddi'ii fi garba ciisaa akka miidhaniif gara isaan aangoon kennameefii gara maleyikkoota arffanii qooniqqa isaa ol fudhatee,


Aarri ixaanaa kadhannaa Qulqullu'uu woliin harka maleyikkichaatii, gara durana Waaqa titti ni baye.


Kanaan duubatti maleyikkichi girgiraa qabatee furidda irraa ibidda itti guutee gara arddi'ii ni darbbeen, qoonqqa hangaasu'uu, bakakka'aa fi sochiin arddi'ii'llee ni ta'e.


Maleyikkaan jahaffaa xurubbaa isaa ka laali'ii ni afuufe, kunoo, Waaqa duran ka jiru furdda worqqi'iin hojjatame, gara kallattii arfan furddootaatiin, qooniqqi yoo bayu ni dhagaye.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ