Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Mudhata Yohaannisii 8:10 - Waadaa Haarawa

10 Maleyikkaan sadaffaa'llee xurunbbaa isaa ka laali'ii ni afuufe, urjjiin ol aanaan akka xomborra'aa titti gubatu'llee sami'ii ni kufe, ka kufe'llee harka sadihi keessaa harka tokkoo laggiin irrattii fi burqaawwan bishaanii irratti.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

WAADAA LAMMATAA

10 Maleekkaan sadaffa'aallee xurumbaa afuufe. Urjiin guddaan akka shawa'aa gubatu sami'ii darbame. Lagootaaf bisaan burqa'aa sadi keessa harki tokko irratti kufe. Maqaan urji'iille Irreetoo jedhama.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

10 Maleekkaan sadeesso'oollee xurumbaa afuufe. Urjiin guddaan akka shawa'aa gubatu sami'ii darbame. Laggiinii fi bisaan burqa'aa sadihi keessa harki tokko irratti kufe. Maqaan urji'iille Irreetoo jedhama.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Mudhata Yohaannisii 8:10
21 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Maleyikkaan sadaffaa duloo laggiinii fi burqqaalee bishaanii irratti ni jisse, isaan'llee diigaa ni ta'an,


Maleyikkaan shanaffaa xurubbaa isaa ka laali'ii ni afuufe, kunoo sami'ii gara ardi'ii ka kufe urjjii tokko ni arge, furttuun boolla gad fago'oo'llee ni kennameef.


Ji'oota gannaatiin bubbeen cimaan muka harbbu'uu yoo sochoosu akkuma firiin isaa muka irraa harca'utti, urjjiiwwan sami'ii'llee ni harca'an.


Qoonqqa ol aana'aan'llee, «Waaqa sodaadhaa! kabaja'aan'llee! yeroon murtii isaa gayee jira, sami'ii fi arddii, garba ciisa'aa fi burqqaawwan bishaanii Waaqa uumeef sagadaa!» ni jedhe.


Eegee isaatiin harka sadihi keessaa harka tokkoo urjjiiwwanii sami'ii harkisee gara arddi'ii isaan ni gate, dubarttiin yeroo deetutti ilma isi'ii liqimssu'uuf yaadee, xaraan gara dubarttii dayu'uuf dhiyaatee durana isi'iitiin ni dhaabate,


Harka kiyya ka mirgaa titti ka argite urjjiiwwan torbanii fi dhossaan baattuuwwan worqqi'ii torbanii kana, urjjiiwwan torbban maleyikkoota woldaya amaniti'ii torbaniiti, baattuuwwan torban'llee, woldaya amanti'ii torbban.»


Hoomacha gocha isaanii saalifachiisa'aa ka dafiqqan, isaan akka danbalii garba ciisa'aa dallaneeti, dukkantti jimiin bara baraaf akka isaan eeggatuu fi akka urjjiiwwan raanttayaniiti.


Yesus'llee akkana isaaniin ni jedhe, «Sheexanni akka bakakka'aa titti darbamee sami'ii yoo bu'u ni argeen,


Itti aanissee'llee Yesus akkana ni jedhe, «Yeroo sanitti Mootummaan Sami'ii ibisaa isaanii qabatanii ka fuudhu simachu'uuf ka bayan, shamarran shanan ni fakkaatti.


Maleyikkaan jalqabaa xurunbbaa isaanii ka laali'ii ni afuufe, barada'aa fi dhiiginni ka itti wolitti makame ibidda ni ta'e, gara arddi'ii titti'llee ni gatame, harka sadihi keessa harki tokkoon arddi'ii ni gubate, mukkiin keessaa'llee harka sadihi keessaa harki tokko ni gubate, margi lalise marri'llee ni gubate.


Saa'aatii kanaa fi guyyaa kanaaf, ji'a kanaa fi woggaa kanaaf ka qophaayan maleyikkoonni arfan, fiixaa namaa harka sadihi keessaa harka tokko akka ajjeesaniif, ni hiikaman.


Ibidda afaan isaaniitii baasaniin, aaraa fi dinni'iin, balaawwan kanniin sadiin kanaan, fiixaan ilma namaa harka sadihi keessaa harki tokko ni ajjeefame.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ