9 Kanaan duubatti ni laale, namoota haalaan baayi'e'ee ni arge, isaan'llee ummataa fi gosa maraa, worraa fi afaan adda addaa ka dubbatan irraa kan wolitti bayan ni turan, isaan kun uffata adii uffatanii, baala muka meexxi'ii harka isaanii titti qabatanii, teessoo isaatii fi Hoolicha durana dhaabatanii jiran ni ture,
Kanaaf damee baala meexxi'ii qabatanii isa simachu'uuf ni bayan, «Hosaa'inaa! Ka maqaa Goofta'aatiin dhufu, Nugufnni Israa'eelii ka eebbifame!» jedha'aa, ni iyyan ture.
Kanaaf akka nama du'ee titti ka laakkayamu Abrahaamii tokko irraa, akka urjjii sami'ii ka baayi'atee fi akka cirracha garba ciisaa keessaa titti ka hin laakkayamnne, fiixaan ni argame.
Maleyikkaan torbaffaa'llee xurumbbaa isaa ka laali'ii ni afuufe, sami'itti'llee, «Mootummaan biyya lafaa ka Masihicha Waaqa Gooftaa keennaa taatee jirtti, inni baraa haga baraa titti ni mootoma» ka jedhan qooniqqi ol aanttonni ni dhagayaman.
Ammaa achitti abaarssi bifa kamiituu hin jiraatu, teessoon Waaqaatii fi Hoolchaa'llee magaalattii keessa ni ta'an, tajaajilttoonni isaa'llee isa ni waaqeffatan,
Faarfannaa haarawa'llee akkana jedhu'uun ni faarssan, «Dhiiga keetiin gosa maraa fi afaan mara irraa, gosaa isaanii mara irraa fi ummata mara keessaa, namoota Waaqaaf bitu'uuf, ati waan qalamitteef, kitaaba kaldho'oo maramaa fudhachu'uu fi chaaphaawwan'llee banu'uuf, ka siin male taatee jirta.