Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Mudhata Yohaannisii 7:3 - Waadaa Haarawa

3 «Kallacha tajaajiltoota Waaqa keennaa irratti chaaphaa haga isaanitti chaaphessinutti, arddii ta'ee garbi ciisa'aa'llee yookiin mukkiin hin miidhinaa» jedhe, ni iyye.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

WAADAA LAMMATAA

3 «Garboota Waaqa keennaa haga kallacha isaanii chaappeessinuuf lafa, galaana yookiin mukkiin hin miidhinaa'a» isaaniin jedhe.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

3 «Garboota Waaqa keennaa haga kallacha isaanii chaappeessinuuf lafa, galaana yookaan mukkiin hin miidhinaa'a» isaaniin jedhe.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Mudhata Yohaannisii 7:3
31 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Guyyoonni sunniin gabaabachuu uduu dhabaataniitii, naminni tokko'llee fayyu'uuf hin danda'u ture, garuu waayee namoota filatamaniitiif guyyoonni sunniin ni gabaabatan.


Maleyikkaan qoonqqa ol aanaa xurunbbaa laali'ii dhageessisan ni erga, isaan'llee kallattiiwwan arffan biyya lafaatiinuu deemanii, daangaa sami'iitii haga daangaa sami'ii ka jiran, namoota isaa filatamoota wolitti ni qaban.»


Ana tajaajilu'uuf ka barbaadu ana haa horddofu, bakka ani jirutti tajaajilaan kiyya'llee achi ni ta'a, ka ana tajaajilu'llee Waaqinni Abbaan ni kabajaan.»


Ragummaa isaa ka fudhatu garuu, Waaqinni dhugaalessa ta'uu isaa ni mirkaneessa.


Amma garuu garbrummaa cubbu'uu jalaa bilisa baatanii jirttan, tajaajilttoota Waaqaa ta'uu keessaniin qulqullaayomaa ni argattan, muummeen Qulqullummaa'llee jireenna bara baraati.


Bineenssi lammaffaa maandhota'llee ta'anii hangafoonni, dureeyyii ta'anii hiyyeesota, goofttota ta'anii tajaajilttoota, marrinuu harka isaanii ka mirgaa titti yookiin kallacha isaanii irratti, malikata akka taasisaniif, isaan ni dirqisiise.


Bifa kanaan malkanni maqaa bineenssichaa muldhisu yookiin ka laakkofssa maqaa isaa hin qabnne naminni kum'llee, bitu'uuf ta'ee gurguru'uuf'llee hin danda'u.


Kanaan duubatti kunoo Hoolichi Gaara Xiyoonii irra dhaabatee ni arge, isaan woliin maqaan isaatii fi maqaan Abbaa isaa kallacha isaanii irratti worri itti barreeffame, namoonni kuma dhibba tokkoo fi afurtamii afurii ni turan.


Ka bira'aa maleyikkichi sadaffa'aa'llee qoonqqa ol aana'aan akkana jedha'aa isaan ni horddofe, «Bineensichaa fi suuraa isaatiif ka sagadan, malikata isaa kallacha isaanii irratti yookiin harka isaanii titti ka godhatan marrinuu,


Murtiin isaa dhuga'aa fi sirri'i, arddii sagaagaluttummaa isi'iitiin ta batteessite sagaagaltittii ol aanttuu murti'iin adabeenii jira, isii adabu'uun'llee dhiiginni tajaajilttoota isaa haloo bayee jira.»


Kanaan duubatti teessoowwan ni arge, teessoowwan irra'llee worri aangoon murtteessu'uu isaanii kenname ta'anii ni arge, waayee Yesusii ragaa bayuu isaaniitii fi waayee dubbii Waaqaatiif namoota mataawwan isaanii irraa muraman lubbuuwwan isaanii ni arge, isaan'llee bineensichaa fi suuraa isaatiif ka hin sagadin, malikata isaa'llee kallacha isaanii ta'ee harka isaanii irratti ka hin godhatin, isaan du'aa ka'anii Kristosiin woliin woggaa kumaa ni moo'an.


fuula isaa'llee ni argan, maqaan isaa'llee kallacha isaanii maratti irra ni ta'a,


Bineensota arfan jiddu'uu waan baye ka fakkaatu qooniqqa ni dhagaye, qoonni kun, «Qamadii kiilogiraam tokko gayu mindaa guyyaa tokkoo, garbuu kiloo tokko gayu mindaa guyyaa tokkootiif haa ta'u, zayiiti'ii fi woyinnii garuu hin miidhin!» yoo jedhu, ni dhagaye.


Kanaan duubatti maleyikkoonni afurii kallattii arfan arddi'iitiinuu dhaabatanii ni arge, isaan'llee arddii irra'llee ta'ee garba ciisaa yookiin muka irratti'llee bubbeen woyiituu akka hin bubbifnneef, kallattii arfaniinuu ka dhufan bubbeewwan ariddi'ii ni qaban.


Chaaphaa Waaqa jiraata'aa ka qabatee jiru maleyikkaan bira'aa'llee gara baya adu'uutii yoo dhufu ni argge, arddi'ii fi garba ciisaa akka miidhaniif gara isaan aangoon kennameefii gara maleyikkoota arffanii qooniqqa isaa ol fudhatee,


Marga arddi'ii ta'ee wonittoota lalise kamiinuu yookiin muka kamiinuu akka hin miineef isaanitti ni himame, miidhuun ka qaban garuu kallacha isaanii irratti chaaphaa Waaqa namoota hin qabnne qofa ture.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ