Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Mudhata Yohaannisii 7:2 - Waadaa Haarawa

2 Chaaphaa Waaqa jiraata'aa ka qabatee jiru maleyikkaan bira'aa'llee gara baya adu'uutii yoo dhufu ni argge, arddi'ii fi garba ciisaa akka miidhaniif gara isaan aangoon kennameefii gara maleyikkoota arffanii qooniqqa isaa ol fudhatee,

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

WAADAA LAMMATAA

2 Maleekkaan biraa ka chaappaa Waaqa jiraata'aa qabu gara baya biiftu'uutii hennaa bayu arge. Maleekkota arfan lafaaf Galaana miidhu'uuf baalliin kennameefiitti laagaa gudda'aan iyya'aa,

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

2 Maleekkaan biraa ka chaappaa Waaqa jiraata'aa qabu gara baya biiftu'uutii hennaa bayu arge. Maleekkota arfan lafaa fi galaana miidhu'uuf baalliin kennameefiitti laagaa gudda'aan iyya'aa,

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Mudhata Yohaannisii 7:2
29 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Yeroo sanitti Simoon Phexiros, «Ati Ilma Waaqa jiraata'aa Masihicha» jechu'uun, ni deebiseef.


Yesus garuu ni caldhise. Itti gaafatamaan qeesotaa'llee irra deebi'ee Yesusiin, «Maqaa Waaqaa jiraata'aatiin si qabee jira! Ati Ilma Waaqaa Masihicha akka taate nutti himi!» jedheen.


Nyaata baduuf hin hojjatinaa, kana irra Waaqinni Abbaan chaaphaa mirkaneessee ka caaphesse, Ilmi Namaa ka isinii kennu, nyaata jireenna bara baraa ta'eef hojjadhaa.»


Ka isaa ta'uu keennaaf ragaa ka ta'u chaaphaa isaa ka nurratti taasisee fi ufi durana qabeenna nu'uuf kennuuf, onnee keennatti Hafuura Qulqulluu, akka wobi'ii taasisee ka nuuf kenne isa.


Isin'llee fayyina keessaniif oduu mishaa ka ta'e dubbii dhuga'aa yeroo dhageettanitti Kristostti amanttanii jirttan, akkuma kana inni isinii kennu'uuf abddii ka isiniif taasise, Hafuura Qulqullu'uun chaapofttanii jirttan.


Guyyaa itti fayyitaniif mirkaneessaa akka isinii ta'uuf, ka ittiin caapheffamttan Qulqulluu Hafuura Waaqaa, hin gaddisiifnnaa.


Gara keessan yeroo dhufinnetti attamitti akka ufitti nu fudhattan, Waaqa jiraata'aa fi dhugaalessa tajaajilu'uuf, waaqolee harkaan hojjataman irraa fooyamittanii gara Waaqaa attamitti akka deebitan, namoonni sunniin mataan isaaniituu ragaa ni bayan.


Garuu, «Gooftaan worra ka isaa ta'an ni beeka» akkuma kana, «Ka maqaa Goofta'aa waamu marrinuu hamaa irraa haa fagaatu!» chaaphaan jedhu ka irraa jiru, ka hin sochoone hundeen Waaqaa jabaatee ni jiraata.


Isin garuu gara Gaara Xiyoonii dhiyaatanii jirttan, isiin'llee magaalaa Waaqa jiraata'aa ka taate Yerusaalemii sami'iit, gammachu'uun gara itti wolitti qabamanii, kuma baayi'etti gara worra lakkaayamanii titti dhiyaattanii jirttan.


Kun marrinuu yeroon itti raawwatamu dhiyoo waan ta'eef, dubbii raagaa kana ka dubbisu ka eebbifame! Akkuma kana dubbii raagaa ka dhagayanii fi raagicha keessatti'llee waan barreeffame ka raawwatan, ka eebbifaman.


Kanaan duubatti duumessa ka uffate maleyikkichi cimaan bira'aa sami'ii yoo bu'u ni arge, nannoo mataa isaa funyaan karaabaa ni jira ture, fuulli isaa akka adu'uu, miila isaa'llee akka utubaawwan ibiddaa ni turan,


Bakakkaawwan torbban qooniqqa isaanii yeroo dhageesisanitti ani barreessu'uuf ni yaade, garuu, «Bakakkaawwan torbanuu waan dubbatan cufiitii dhossa'aa qabi malee hin barreessiniin!» qooniqqa jedhu, sami'ii ni dhagaye.


Maleyikkaan jahaffaa duloo laga ol aanaa Efraaxiisii irratti ni jisse, nugusota gara baya adu'uutii dhufaniif karaa qopheesu'uuf, bishaan lagichaa ni goge.


maleyikkichi cimaan tokko qoonqqa ol aana'aan, «Chaaphaawwan hiiku'uu fi kitaaba maramaa koldho'oo banuun ka isaan malu eennu?» jedhee, yoo dubbatu ni arge.


Girgiraa worqqi'ii ka qabatee jiru maleyikkaan bira'aa dhufeeti, furdda biraan ni dhaabate, teessoo duranaan ka jiru furdda worqqi'ii irratti'llee, kadhannaa Qulqullu'uu woliin ka dhiyeessu ixaanni baayi'een ni kennameef.


Qooniqqi isaa'llee xurunbbaa isaa ka laali'ii ka qabate maleyikkaan jahaffaa, «Laga ol aanaa Efraaxiisii titti ka hidhaman, maleyikkoota arfanii isaan hiiki!» ni jedheen.


Marga arddi'ii ta'ee wonittoota lalise kamiinuu yookiin muka kamiinuu akka hin miineef isaanitti ni himame, miidhuun ka qaban garuu kallacha isaanii irratti chaaphaa Waaqa namoota hin qabnne qofa ture.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ