Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Mudhata Yohaannisii 7:17 - Waadaa Haarawa

17 teessicha jidduu Hoolichi jiru'llee tissee isaanii ni ta'a, gara burqqaa bishaan jireennaa'llee isaan ni eemara, Waaqinni'llee imimmaan isaanii mara ija isaanii irraa, isaaniif ni haqa.»

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

WAADAA LAMMATAA

17 Hoolaan teessoo wodhakkaa jiru tissee isaanii ta'a. Gara burqaa bisaan jireennaa isaan geessa; Rabbillee imimmaan maraa ija isaanii irraa haqa.»

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

17 Hoolaan teessoo wodhakkaa jiru tissee isaanii ta'a. Gara burqaa bisaan jireennaa isaan geessa; Rabbillee imimmaan maraa ija isaanii irraa haqa.»

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Mudhata Yohaannisii 7:17
42 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

‹konyaa arddii Yihuda'aa titti ka argamittu, ati yaa Beetlihem! Ummata kiyya Israa'eeliin ka eegu durssaan si keessaa waan bayuuf, magaalota guguddoo Yihuda'aa womaanuu hin hanqattu.› »


Waaqinni jajjabinna waan isaanii kennuuf, worri gaddan ka eebbifaman.


«Tissichi mishaan ana, tisseen mishaan lubbuu isaa waayee hoolota isaatiif dabarssee ni kenna.


Tisseen mishaan ana, ani hoolota tiyya ni beeka, hoolonni tiyya'llee ana ni beekan.


Yesus'llee, «Kennaa Waaqaatii fi ‹bishaan ana obaasi!› ka siin jedhu eennuun akka ta'e uduu ka isa beekittu ta'ee, isa kadhachuun ka sirraa malu si ture, inni'llee bishaan jireennaa siif ni kennaa ture» jedheen.


Isiin'llee akkana jechu'uun ni deebifitte, «Yaa Gooftaa! Ati waan woraabdduun hin qabddu, boollitti'llee gad fago'o, eegaa, bishaan jireennaa eessaa argatta ree?


bishaan ani kennu irraa ka dhugu garuu bara baraaf gonkumaa hin dheebotu, bishaan ani kennu nama dhuguuf, jireenna bara baraatiif ka burqqu, burqqaa bishaan jireennaa ni ta'a.»


Hafuurri Qulqulluun isin ephis qophoosota taasisee isin muudee jira, eegaa mataa keessan fi gobbu'uuf'llee ufi eeggadhaa, woldaya amanti'ii ta Waaqinni dhiiga ilma isaatiin fayyiseen eegaa.


Yabo'oon ka isinitti kenname gobbuu Waaqaa eegaa, gobbuu ka eegiddan'llee huminnaan uduu hin ta'in, bifa Waaqinni barbaaduun, fedhi'iin haa ta'u, qarshi'iif joojoru'uun uduu hin ta'in tajaajilu'uuf fedhii qabddaniin haa ta'u.


Isaan worra hin fuudhin waan ta'aniif dubarttootaan woliin wol qunnamittii raawwachu'uun hin battoofnne, gara hoolchi deemu maraa isa ni horddofaniin. Isaan Waaqaa fi Hoolichaa namoota jiddu'uu akka ka jalqabaa titti ka dhiyaatan.


Maraa ka danda'u Waaqinni Gooftaanii fi Hoolchi'llee Mana Waaqeffannaa isi'ii waan ta'aniif, magaalattii keessatti Mana Waaqeffanna'aa hin argine,


ulfinni Waaqaa waan isi'ii ibisuu fi Hoolchi ifa isi'ii waan ta'eef, magaalattiin aduu yookiin jiin akka isi'ii ibisuuf isii hin barbaachifnne.


Imimmaan mara ija isaanii irraa ni haqa, seerri duraanii waan dabrreef duuti yookiin gaddi yookiin bootti yookiin makkaraarnni, ammaa achitti hin jiraatu.»


Kanaan duubatti'llee akkana naan ni jedhe, «Raawwatamee jira! Alfa'aa fi Omeegaan, ka jalqabaatii fi ka muumme'ee'llee ana, ka dheeboteef bishaan burqqaa jireennaa irraa gatii tokko malee bilisaan ni kennaaf,


Kanaan duubatti maleyikkichi Waaqaa fi teessoo Hoolchaa biraa ka bayu, akka daawi'tee ifuu titti qulqulluu ka ta'e laga bishaan jireennaa natti ni muldhise,


«Gooftaa keennaa fi yaa Waaqa keenna, waan maraa waan uumitteef, wonitti marrinuu ka uumamee fi ka jiraatu (jireenna ka argate) fedha keetiin waan ta'eef, ol aanttummaan, ulfinnii fi huminniti'llee si'iif ni male» ni jedhan turan.


Kanaan duubatti teessoo isaatii fi bineensota arfan jiddu'utti, jaarsotii jiddu'utti'llee Hoolaan waan qalame fakkaatu dhaabatee ni arge, Hoolaan kun'llee gaafota torbaa fi ija torba ni qaba ture, isaan'llee gara arddi'ii mara ka ergaman Hafuurota Waaqaa torbban.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ