Mudhata Yohaannisii 6:2 - Waadaa Haarawa2 Kunoo fardda adii ni arge, ka farda irra taa'ee jiru'llee xiyyaa qabatee jira ture, gonfataan'llee ni kennameef, inni'llee injifataa ta'ee moo'aa injifanno'oo gara injifanno'oo titti, deemu'uuf ni baye. အခန်းကိုကြည့်ပါ။WAADAA LAMMATAA2 Anillee midhadhee farda adii tokko afoo kiyyatti arge. Ka Farda san yaabbateeru eboo qabatee ture. Badhaasa kennameefii mooyata'aati moyyatu'uuf baye. အခန်းကိုကြည့်ပါ။Kitaaba Woyyuu2 Anillee midhadhee farda adii tokko afoo kiyyatti arge. Ka farda san yaabbateeru eboo qabatee ture. Badhaafni kennameefii Inni mooyataan mooyatu'uuf baye. အခန်းကိုကြည့်ပါ။ |
Ummanni Waaqa dhuga'aa titti hin amanne ni dallanan, dheekamssuun kee'llee ni dhufe, worri du'an yeroon murtii itti argatan'llee ni gaye, tajaajilttoota keetiif nabiyyoota keetii fi, qulqullaawota maqaa kee ka kabajaniif, maandhotaa fi hangafootaaf'llee, yeroo ati gatii isaanii itti kennitu ni gaye. arddii worra balleessan yeroon itti balleesitu, ni gaye.»
Kanaan duubatti ibiddi ka itti makame garba ciisaa daawi'te'ee waan fakkaatu ni arge, akkuma kana bineenssichaa fi suuraan bineensichaa'llee, laakkofssa malikata maqaa isaa'llee worra injifatanii moo'ataniin ni arge, kiraara Waaqinni isaaniif kenne'llee qabatanii, garba ciisaa daawi'te'ee bira dhaabatanii jiran turan.