Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Mudhata Yohaannisii 5:11 - Waadaa Haarawa

11 Garasi'llee yoo laalu teesso'oo fi bineensota, naannaya jaarsota'llee qoonqqa maleyikkoota baayi'e'ee ni dhagaye, baayi'nni isaanii'llee kuma baayi'e'ee fi miliiyoona baayi'e'etti ka lakkaayamu ture,

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

WAADAA LAMMATAA

11 Achiin maayessa naannaya teessoo busaawotaatiif mangudootaatitti laagaa Maleekkaa hedduu dhagayee, laakkofsi isaanillee shikita hennaa shikitaatiif kuma hennaa kumaatamaati.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

11 Achiin maayessa naannaya teessoo busaawotaatii fi manguddootaatitti laagaa Maleekkaa hedduu dhagaye; laakkobsi isaanillee shikita hennaa shikitaatii fi kuma hennaa kumaatamaati.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Mudhata Yohaannisii 5:11
18 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Isin garuu gara Gaara Xiyoonii dhiyaatanii jirttan, isiin'llee magaalaa Waaqa jiraata'aa ka taate Yerusaalemii sami'iit, gammachu'uun gara itti wolitti qabamanii, kuma baayi'etti gara worra lakkaayamanii titti dhiyaattanii jirttan.


Addaamiin irraa jala qabee dhaloota torbaffaa ka ta'e Heenok yoo dubbatu akkana jedhee jira, «Kunoo Waaqinni maleyikkoota isaa Qulqullaayomota kuma harka kumaatamaa woliin ta'ee, mara irrattuu murtteessu'uuf ni dhufa,


Qooniqqi namoota baayi'ee, qoonqqa bishaanii yaa'uu, qoonqqa bakakkaa cimittu'uu'llee qooniqqi fakkaatu akkana yoo jedhu ni dhagaye, «Haalle luyyaa!» Waaqinni keenna Gooftaa maraa dandda'u ni moo'a!


akkuma kana naannaya teesso'oo'llee teessoowwan diddamii afurii ni jiran turan, teessoowwan irra'llee uffata adii ka uffatanii fi mataa isaanii irratti'llee gonfata worqqi'ii ka godhatan, jaarsotiin didamii afurii ta'anii jiran turan.


Teessoo isaa durana qulqulluu ka ta'ee fi ka garbi ciisaan daawi'ite'ee ka calaqisu ni jira ture, jiddu'uu fi naannaya teesso'oo duraaf gara duubaatiin ija baayi'ee ka qaban bineensonni, afurii ni jiran turan.


Bineensonni arfan'llee, «Ameen!» ni jedhan, jaarsotiin'llee kallacha isaaniitiin gonbbifamanii, ni sagadan.


Kanaan duubatti teessoo isaatii fi bineensota arfan jiddu'utti, jaarsotii jiddu'utti'llee Hoolaan waan qalame fakkaatu dhaabatee ni arge, Hoolaan kun'llee gaafota torbaa fi ija torba ni qaba ture, isaan'llee gara arddi'ii mara ka ergaman Hafuurota Waaqaa torbban.


kitaaba kaldho'oo maramaa yeroo fudhatetti, bineensonni arffanii fi jaarsotiin diddamii arffanuu Hoolicha duranatti kallacha isaaniitiin ni gonbbifaman, tokkoon tokkoon isaanii'llee kiraara guddaa qabatanii jiran turan, akkuma kana kadhannaa Qulqullu'uu ka ta'e, ixaanni ka itti guuttamee jiru gilgilii worqqi'ii qabatanii jiran turan.


Maleyikkoonni marri teessoo isaatii fi jarsotii, bineensota arfan naanaya'llee dhaabatanii jira ture, teessoo isaa duranatti'llee kallacha isaaniitiin gonbbifamanii, Waaqaaf ni sagadan.


Baayi'inni hoomaa worra farado'oo miliiyoona kuma dhibba lama ta'uu isaa, ni dhagaye.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ