Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Mudhata Yohaannisii 4:6 - Waadaa Haarawa

6 Teessoo isaa durana qulqulluu ka ta'ee fi ka garbi ciisaan daawi'ite'ee ka calaqisu ni jira ture, jiddu'uu fi naannaya teesso'oo duraaf gara duubaatiin ija baayi'ee ka qaban bineensonni, afurii ni jiran turan.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

WAADAA LAMMATAA

6 Afoo teessoo isaa waan galaana bilillee fakkaatu ka akka uf arga'aa qulqullaayeerutu jira. Wodhakkaa naannoo teessoo sanii bineensonni uumamaa afurtu jira. Isaanillee duraa duubaa ija qaban.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

6 Afoo teessoo isaa waan galaana bilillee fakkaatu ka akka uf arga'aa qulqullaayeerutu jira. Wodhakkaa naannoo teessoo sanii bineensonni uumamaa afurtu jira. Isaanillee duraa duubaa ija qaban.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Mudhata Yohaannisii 4:6
25 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Teessichaa fi bineensota arffan, jaarsotii duranatti namoonni kuma dhibba fi afurtamii afurii faaruu haarawa ni faarsan, arddii irraa ka fayyan namoota kuma afurtamii afurii malee eennu'llee barachuuf hin dandeenne.


Kanaan duubatti ibiddi ka itti makame garba ciisaa daawi'te'ee waan fakkaatu ni arge, akkuma kana bineenssichaa fi suuraan bineensichaa'llee, laakkofssa malikata maqaa isaa'llee worra injifatanii moo'ataniin ni arge, kiraara Waaqinni isaaniif kenne'llee qabatanii, garba ciisaa daawi'te'ee bira dhaabatanii jiran turan.


Bineensota arfan keessaa tokkochi maleyikkoota torbaniif, baraa haga baraa titti ka jiraatu dheekkamissi Waaqaa ka itti guuttamee jiru duloowwan worqqi'ii torbaan, isaanii ni kenne.


Jaarsotiin diddamii afuriitii fi bineensonni afurii'llee Waaqa teessoo isaa irra taa'ee jiruuf, kallacha isaaniitiin gonbbifamanii, «Ameen, haalleeluyaa!» jedha'aa, ni sagadan.


ulfinna Waaqaatiin'llee ni ibisite ture, ifin ibisaa isi'ii'llee akka dhagaa gatiin isaa haalaan gudda'aati fi akka bilile'ee qulqulluu ka ta'e akka dooqa Yaasphisii ni ture,


Kaabaan dhaga'aa'llee ka hojjatame Yaasphisiin irraa ture, magaalattiin'llee akka daawi'ite'ee ka qulqullaawome, worqqii Qulqullu'uun ka ijaaramtte turtte,


Balballan kudha lamaanuu dooqan kudha lamaan ni turan, tokkoon tokkoon balbalaa dooqa tokko irraa ka hojjatame ture, karaan magaalatti'ii'llee ifa daawi'te'ee akka ka dabarssuu, worqqii qulqulluu irraa ka hojjataman ture.


Kanaan duubatti maleyikkichi Waaqaa fi teessoo Hoolchaa biraa ka bayu, akka daawi'tee ifuu titti qulqulluu ka ta'e laga bishaan jireennaa natti ni muldhise,


akkuma kana naannaya teesso'oo'llee teessoowwan diddamii afurii ni jiran turan, teessoowwan irra'llee uffata adii ka uffatanii fi mataa isaanii irratti'llee gonfata worqqi'ii ka godhatan, jaarsotiin didamii afurii ta'anii jiran turan.


Garasi'llee yoo laalu teesso'oo fi bineensota, naannaya jaarsota'llee qoonqqa maleyikkoota baayi'e'ee ni dhagaye, baayi'nni isaanii'llee kuma baayi'e'ee fi miliiyoona baayi'e'etti ka lakkaayamu ture,


Bineensonni arfan'llee, «Ameen!» ni jedhan, jaarsotiin'llee kallacha isaaniitiin gonbbifamanii, ni sagadan.


Kanaan duubatti teessoo isaatii fi bineensota arfan jiddu'utti, jaarsotii jiddu'utti'llee Hoolaan waan qalame fakkaatu dhaabatee ni arge, Hoolaan kun'llee gaafota torbaa fi ija torba ni qaba ture, isaan'llee gara arddi'ii mara ka ergaman Hafuurota Waaqaa torbban.


kitaaba kaldho'oo maramaa yeroo fudhatetti, bineensonni arffanii fi jaarsotiin diddamii arffanuu Hoolicha duranatti kallacha isaaniitiin ni gonbbifaman, tokkoon tokkoon isaanii'llee kiraara guddaa qabatanii jiran turan, akkuma kana kadhannaa Qulqullu'uu ka ta'e, ixaanni ka itti guuttamee jiru gilgilii worqqi'ii qabatanii jiran turan.


Kanaan duubatti Hoolchi chaaphaawwan torbban keessaa ka jalqabaa yoo banu ni arge. Bineensota arfan keessaa'llee tokkochi qoonqqa akka hangaasu'uu qoonqqa gigissuun, «Koottu!» yoo jedhu, ni dhagaye.


Bineensota arfan jiddu'uu waan baye ka fakkaatu qooniqqa ni dhagaye, qoonni kun, «Qamadii kiilogiraam tokko gayu mindaa guyyaa tokkoo, garbuu kiloo tokko gayu mindaa guyyaa tokkootiif haa ta'u, zayiiti'ii fi woyinnii garuu hin miidhin!» yoo jedhu, ni dhagaye.


Maleyikkoonni marri teessoo isaatii fi jarsotii, bineensota arfan naanaya'llee dhaabatanii jira ture, teessoo isaa duranatti'llee kallacha isaaniitiin gonbbifamanii, Waaqaaf ni sagadan.


teessicha jidduu Hoolichi jiru'llee tissee isaanii ni ta'a, gara burqqaa bishaan jireennaa'llee isaan ni eemara, Waaqinni'llee imimmaan isaanii mara ija isaanii irraa, isaaniif ni haqa.»


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ