Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Mudhata Yohaannisii 4:4 - Waadaa Haarawa

4 akkuma kana naannaya teesso'oo'llee teessoowwan diddamii afurii ni jiran turan, teessoowwan irra'llee uffata adii ka uffatanii fi mataa isaanii irratti'llee gonfata worqqi'ii ka godhatan, jaarsotiin didamii afurii ta'anii jiran turan.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

WAADAA LAMMATAA

4 Naannaya teessoo isaa teessoo diddamii afurtu jira. Teessoo sanniin irrallee manguddoonni diddamii afurii uffata adii uffatanii badhaadha muudamaa ka worqii irraa hojjatame mata'atti godhatanii tataa'aniiran.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

4 Naannaya teessoo isaa teessoo diddamii afurtu jira. Teessoo sanniin irrallee manguddoonni diddamii afurii uffata adii uffatanii badhaasa muudamaa ka worqii irraa hojjatame mata'atti godhatanii tataa'aniiran.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Mudhata Yohaannisii 4:4
24 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Yesus'llee akkana isaaniin ni jedhe, «Dhugamaan isiniin jedha, Ilmi Namaa teessoo isaa ka ulfinnaa irra yeroo taa'u arddii haarawatti, horddofittoota kiyya worri taatan isin'llee, teessoowwan kudha lamaan irra ni teettan, gosoota kudha lamaan Israa'eelii irratti'llee ni murtteessitan.


Mootummaa kiyyatti'llee yaataaf teettanii ni nyaattan, ni dhugiddan, teessoo irra teettanii gosoota kudha lamaan Israa'eelii irratti'llee, ni murtteesitan.»


Ammaa achitti gonfanni qulqullumma'aa qophaayee ana ni eeggata, gonfaa kana'llee Gooftaan murtii sirri'ii murtteessaa ta'e sun guyyaa sanitti naaf ni kenna, ka kennu'llee ana qofaaf uduu hin ta'in, muldhachuu isaa worra jaalatan maraaf.


Waaqa duranatti teessoowwan isaanii irra ka taa'an jaarsotiin diddamii arffan'llee kallacha isaaniitiin gonbbifamanii, Waaqaaf ni sagadan,


Teessichaa fi bineensota arffan, jaarsotii duranatti namoonni kuma dhibba fi afurtamii afurii faaruu haarawa ni faarsan, arddii irraa ka fayyan namoota kuma afurtamii afurii malee eennu'llee barachuuf hin dandeenne.


Faradoo adaadii ka yaabbatan, qulqulluu ka ta'e uffata adii bareedaa ka uffatan, hoomaan sami'ii isa horddofaniiniiti jira,


Jaarsotiin diddamii afuriitii fi bineensonni afurii'llee Waaqa teessoo isaa irra taa'ee jiruuf, kallacha isaaniitiin gonbbifamanii, «Ameen, haalleeluyaa!» jedha'aa, ni sagadan.


Ufi durana rakkinna sirraa gayu hin sodaatin, kunoo, akka qormaattamtaniif isin keessaa tokko tokko sheexanni gara mana hidha'aa titti isin ni galcha, guyyaa kudhaniif'llee rakkinna ni fudhattan, haga du'aa titti'llee amanamaa ta'i, gonfata jireennaa siif ni kenna.


Kanaan duubatti teessoowwan ni arge, teessoowwan irra'llee worri aangoon murtteessu'uu isaanii kenname ta'anii ni arge, waayee Yesusii ragaa bayuu isaaniitii fi waayee dubbii Waaqaatiif namoota mataawwan isaanii irraa muraman lubbuuwwan isaanii ni arge, isaan'llee bineensichaa fi suuraa isaatiif ka hin sagadin, malikata isaa'llee kallacha isaanii ta'ee harka isaanii irratti ka hin godhatin, isaan du'aa ka'anii Kristosiin woliin woggaa kumaa ni moo'an.


Dureessa ta'u'u'uuf ibiddaan ka qoratame worqqii ana irraa akka bituuf, qaama kee ka qaani'ii dhoffachu'uuf uffata adii akka uffattuuf, argu'uuf'llee akka danddeettu qoricha ijaa bittee akka dibattuuf si gorssa.


jaarsotiin didamii afurii baraa haga bara baraa titti ka jiraatuun, teessoo isaa irra ka taa'e jiru duranatti kallacha isaaniitiin gonbbifamanii ni sagadan, gonfatawwan isaanii'llee teessoo isaa durana kaayanii, akkana ni jedhan.


Teessoo isaa durana qulqulluu ka ta'ee fi ka garbi ciisaan daawi'ite'ee ka calaqisu ni jira ture, jiddu'uu fi naannaya teesso'oo duraaf gara duubaatiin ija baayi'ee ka qaban bineensonni, afurii ni jiran turan.


Garasi'llee yoo laalu teesso'oo fi bineensota, naannaya jaarsota'llee qoonqqa maleyikkoota baayi'e'ee ni dhagaye, baayi'nni isaanii'llee kuma baayi'e'ee fi miliiyoona baayi'e'etti ka lakkaayamu ture,


Bineensonni arfan'llee, «Ameen!» ni jedhan, jaarsotiin'llee kallacha isaaniitiin gonbbifamanii, ni sagadan.


Kanaan duubatti teessoo isaatii fi bineensota arfan jiddu'utti, jaarsotii jiddu'utti'llee Hoolaan waan qalame fakkaatu dhaabatee ni arge, Hoolaan kun'llee gaafota torbaa fi ija torba ni qaba ture, isaan'llee gara arddi'ii mara ka ergaman Hafuurota Waaqaa torbban.


kitaaba kaldho'oo maramaa yeroo fudhatetti, bineensonni arffanii fi jaarsotiin diddamii arffanuu Hoolicha duranatti kallacha isaaniitiin ni gonbbifaman, tokkoon tokkoon isaanii'llee kiraara guddaa qabatanii jiran turan, akkuma kana kadhannaa Qulqullu'uu ka ta'e, ixaanni ka itti guuttamee jiru gilgilii worqqi'ii qabatanii jiran turan.


Tokkoo tokkoo isaaniitiif'llee uffanni adiin ni kennameef, akka isaanii ufi durana ka ajjeefaman, kuma isaanii tajaajilttoota ka ta'an waahellan isaaniitii fi laakkofssi obboleeyyan isaanii haga guututti, yeroo muraasaaf boqatanii akka turaniif isaanitti ni himame.


Maleyikkoonni marri teessoo isaatii fi jarsotii, bineensota arfan naanaya'llee dhaabatanii jira ture, teessoo isaa duranatti'llee kallacha isaaniitiin gonbbifamanii, Waaqaaf ni sagadan.


Kanaan duubatti ni laale, namoota haalaan baayi'e'ee ni arge, isaan'llee ummataa fi gosa maraa, worraa fi afaan adda addaa ka dubbatan irraa kan wolitti bayan ni turan, isaan kun uffata adii uffatanii, baala muka meexxi'ii harka isaanii titti qabatanii, teessoo isaatii fi Hoolicha durana dhaabatanii jiran ni ture,


Awwaannisoonni'llee faradoo woraanaaf qophaayan ni fakkaatan turan, mataa isaanii irra waan gonfaan worqqi'ii fakkaatutu jira ture, fuulli isaanii fuula namaa ni fakkaata ture,


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ