Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Mudhata Yohaannisii 4:11 - Waadaa Haarawa

11 «Gooftaa keennaa fi yaa Waaqa keenna, waan maraa waan uumitteef, wonitti marrinuu ka uumamee fi ka jiraatu (jireenna ka argate) fedha keetiin waan ta'eef, ol aanttummaan, ulfinnii fi huminniti'llee si'iif ni male» ni jedhan turan.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

11 «Gooftaa keennaa fi Waaqa keenna, «Ati maraa waan uumteertuuf, fedhii keetiif waan jiraataniif, ulfinni, jajamuunii fi hunnillee keeti» jedha'aa afoo teessoo isaatitti sagadan.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Mudhata Yohaannisii 4:11
31 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

«Isin namoota nana maali'iif kana raawwattan? nu'llee akkuma keessan bee namootaa, nu'u asi ka dhufnneef isin waan tasa kana mara irraa fagaattanii, sami'ii fi arddii, garba ciisa'aa fi wonittoota isaan keessatti argaman mara gara ka uumee, gara Waaqa jiraata'aa akka deebitaniif, oduu Gammachu'uu isinitti himu'uuf,


Inni biyya lafaatii fi biyya lafaa irra ka jiru mara ka uume, Gooftaa sami'ii fi arddi'iit'lle'e, Inni mana waaqeffanna'aa ka harka namaatiin ijaarame keessa hin jiraatu.


Wonitti marrinuu ka argame isa irraa, isaan, isaaf, bara baraan ulfinni haa ta'u! Ameen.


Akkuma kana baroota dabrranitti maraayyuu ka uume Waaqaan dhokatee dhossaa tureef, kaayyoon Waaqaa maal akka ta'e maraafuu akka ibisuuf, kennaan bilisaa naaf ni kenname.


Akkuma kana, «Yaa Gooftaa! Ati jalqaba arddii ni hundeeste, samiiwwan hujii harka keetiiti,


amma garuu baroota maa'ii kanniintti waan maraa dhaaltota ka isa taasise karaa Ilma isaatiin nutti ni dubbate, biyya lafaa mara'llee ka uume isaan.


Waaqa fi Abbaa Yesus Kristosii akka tajaajilluuf, mootummaa qeesotaa ka nu taasise, Yesus Kristositiif ulfinnii fi huminni, bara haga baraa titti haa ta'u! Ameen.


baraa haga baraa titti ka jiraatuun, sami'ii fi wonittoota isa keessa jiran, arddi'ii fi wonittoota isii keessa jiran, garba ciisa'aa fi wonittoota isa keessa jiran maqaa Waaqa uumeetiin kakatee akkana ni jedhe, «Ammaa achitti hin turu!


Qoonqqa ol aana'aan'llee, «Waaqa sodaadhaa! kabaja'aan'llee! yeroon murtii isaa gayee jira, sami'ii fi arddii, garba ciisa'aa fi burqqaawwan bishaanii Waaqa uumeef sagadaa!» ni jedhe.


Kanaan duubatti akkana ka jedhu qooniqqa ol aanaa namoota baayi'ee fakkaatu, sami'itti ni dhagaye, «Hallee luyyaa! Fayyisu'uu fi ulfinni, huminniti'llee, ka Waaqa keennaati!


Qoonqqa ol aana'aan'llee, Hoolaan qalame, huminna, qabeenna, ogummaa, jabeenna, ol aanttummaa, ulfinnaa fi galata fudhachuun, ka maluun ni jedhan.


maleyikkichi cimaan tokko qoonqqa ol aana'aan, «Chaaphaawwan hiiku'uu fi kitaaba maramaa koldho'oo banuun ka isaan malu eennu?» jedhee, yoo dubbatu ni arge.


Faarfannaa haarawa'llee akkana jedhu'uun ni faarssan, «Dhiiga keetiin gosa maraa fi afaan mara irraa, gosaa isaanii mara irraa fi ummata mara keessaa, namoota Waaqaaf bitu'uuf, ati waan qalamitteef, kitaaba kaldho'oo maramaa fudhachu'uu fi chaaphaawwan'llee banu'uuf, ka siin male taatee jirta.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ