Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Mudhata Yohaannisii 4:1 - Waadaa Haarawa

1 Kanaan duubatti ni laale, kuunoo sami'itti balbala banametu jira ture, Jalqaba dhagayee ka ture qooniqqi akka qoonqqa xurunbbaa laali'ii jiru akkana ni jedhe, «Koottuu garana bayi, ufidurana ta'uuf wonittoota qaban sitti ni mulidhisa»

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

WAADAA LAMMATAA

1 Achiin maayii ani ol laalee samii keessatti balbala baname arge. Laagaa akka Xurumba'aatitti natti dubbatu dhagaye. Laagaan duraan dhagaye, «As bayi ani waan duranaa ta'u'uuf ta'u sitti mudhisaa» naan jedhe.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

1 Achiin maayii ani ol laalee samii keessatti balbala baname arge. Laagaa akka xurumba'aatitti natti dubbatu dhagaye. Laagaan duraan dhagaye, «As bayi ani waan duranaa ta'u'uuf ta'u sitti mudhisaa» naan jedhe.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Mudhata Yohaannisii 4:1
21 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Yesus cuuphamee bakkumatti akkuma bishaan keessaa bayeen samiin ni baname, Hafuurri Waaqaa'llee fakkeenna handari'iitiin bu'ee Yesusiin irra yoo taa'u ni arge.


Bakkumatti Yesus bishaan keessaa akkuma bayeen, samiin yoo banamuu fi Hafuurri Qulqulluun fakkeenna bifa handari'iitiin, isa irratti yoo bu'u ni arge.


Namoonni marrinuu eega cuuphamaniin duubatti, Yesus'llee ni cuuphame, uduma inni kadhata'aa jiru'llee samiin ni banamtte,


Hafuurri dhuga'aa yeroo dhufetti, gara dhugaa maraa isin ni eemara. Inni ka dubbatu waan dhagaye malee, ka isaa waan hin ta'iniif, inni ufi durana wonittoota ta'an maraa isinitti ni hima.


Muldhanni arge'llee samiin banamee kallattii arffaniin ka qabame wonitti uffata guddaan golgata fakkaatuu, gara lafaa yoo bu'u.


kanaaf, «Kunoo samiin banamee Ilmi Namaa mirga Waaqaatiin dhaabatee ni arga!» jedhe.


guyyaa Goofta'aa titti fudhatama Hafuura keessa uduu jiru, qoonqqa xurunbbaa ilaali'ii ka fakkaatu qoonqqa ol aanaa akkana yoo jedhu ni dhagaye,


Eennu akka natti dubbate beeku'uuf gara duuba kiyyaa ni garagale, yeroo garagaletti'llee baattuuwwan worqqi'ii torbban ni arge,


Eegaa ka argite, ka amma jiruu fi maa'ii ka dhufu'llee barreessi.


Kanaan duubatti nabiyyoonni lamaan, «Garana gara olii ni bayaa!» qoonqqa jedhu ol aanaa sami'ii ni dhagayan, uduma diinonni isaanii isaan laalan'llee, duumessa keessa gara sami'ii ol ni bayan.


Samii ka jiru Manni Waaqaa ka waaqeffanna'aa'llee ni baname, taabonni isaa ka waada'aa'llee Mana Waaqeffanna'aa keessatti ni mulidhate. Bakakkaa, qoonqqa manddiisu'uu, sochii arddi'iitii fi baradaan ol aanaan'llee ni ta'e.


Maleyikkaan torbaffaa'llee duloo qilleensa irratti ni jisse, teessoo Mana Waaqeffanna'aa keessa jiru irraa, «Raawwatame!» ka jedhu, qooniqqi ol aanaan ni baye.


Kanaan duubatti samiin banamttee ni arge, kunoo fardda adii ni arge, ka fardda yaabbate'llee amanama'aa fi dhugaalessa ka jedhamu, inni'llee qajeelatti ni murtteessa, ni woraana'lle'e,


Kanaan duubatti maleyikkicha akkana naan ni jedhe, «Jechi kunniin ka amanamanii fi dhugaaleyyi'i, Waaqinni nabiyyoota dubbachiisu yeroo dhiyoo keessatti waan ta'u, tajaajilttoota isaatiif ibisu'uuf maleyikkichaa isaa ni erge.»


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ