Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Mudhata Yohaannisii 3:8 - Waadaa Haarawa

8 Hujii kee ni beeka, eennuu'llee cufu'uuf ka hin dandeenne, balbala baname durana keetiin kaayee jira, huminni kee shiikkoo ta'uu ni beeka, haa ta'u malee dubbii tiyya eegiddee jirta, maqaa kiyya'llee hin waakkanne.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

WAADAA LAMMATAA

8 Hujii kee hin beeka afoo keetitti balbala baname sii kenneera. Eennullee cufuu hin danda'u, hunni kee hagamillee diqqoo yoo ta'e, dubbii kiyya eeddee maqaa kiyyallee hin waakkanne.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

8 Hujii kee hin beeka; afoo keetitti balbala baname sii kenneera. Eennullee cufuu hin danda'u; hunni kee yoo hagamillee diqqoo ta'e, dubbii kiyya eeddee maqaa kiyyallee hin waakkanne.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Mudhata Yohaannisii 3:8
25 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Nama duranatti ka ana waakkatuuf ani'llee ammoo, maleyikkoota Waaqaa duranatti isa ni waakkadhaan.»


Tajaajilaan Gooftaa isaa hin caalu jedhee ka isinitti hime, yaadadhaa, ana eega ari'an isin'llee ni ari'an, dubbii kiyya yoo eegan, dubbii keessan'llee ni eegan.


«Biyya lafaa keessaa filttee namoota naa kenniteef, eennummaa kee isaanitti mulidhisee jira, isaan kee ni turan, ati'llee isaan anaaf ni kennite, isaan'llee dubbii kee eeganii jiran,


Achii'llee yeroo gayanitti worra amanttootaa bakka tokkotti wolitti qabanii, waan Waaqinni isaan woliin ta'ee raawwate maraa fi ummanni Waaqa dhugaa titti hin amanne'llee akka amananiif, attami taasisee balballi akka isaaniif bane isaanitti ni himan.


Balballi baldhaan hujii baayi'ee ufi keessaa qabu naaf banamee jira, mormittoonni garuu baayi'eewwan.


Kanaan duubatti wongeela Kristosii barsiisu'uuf gara Xiro'aasii yeroo deemutti, Gooftaan balbala baldhaa huji'ii naaf banee ture,


Huminna ka naa kennu Kristosiin waan maraa raawwachu'uuf, ni dandda'a.


kanaan woliin'llee Waaqinni dubbii isaatiif balbala akka nuuf banuu fi waayee isaatiin hidhamee bakka ani itti argamu kanatti, dhossaa Kristosii lallabu'uuf akka dandda'u nuuf'llee kadhadhaa.


Worra isaatiif, gonkumaa maatii isaa ka dhiyo'ootiif ka hin yaanne, inni amantii isaa ka waakkate, gonkumaa woruma hin amanne caala'atti'llee hamaa hammaata'a.


Lola kiyya haala misha'aan lolee jira, woldurssoo fiigicha kiyyaa'llee haga muummee titti fiigee jira, amantii kiyya'llee eegee jira.


Ka isaanitti murteeffamu ta'uu yeroo baayi'een duranatti ka isaanitti barreeffame, namoonni tokko tokko gara keessan huluuqanii aseenanii jiran, isaan'llee kennaa Waaqaa ka bilisaa gad dhiifamammuma'aan ka jijjiiran, Waaqa worra hin waaqeffanne, inni qoftti bulichaa keennaa fi Gooftaa keenna ka ta'e, Yesus Kristosiin'llee ni waakkatan.


ati bakka teessoon sheexanaa jiru jiraachuu kee ni beeka, haa ta'u malee maqaa kiyya jabeessitee qabatee jirta, amantii ana irratti qabddu'llee hin waakkanne, ragaa kiyya amanamaa ka ture Antiiphaan'llee, bakka sheexanni jiraatu magaalaa kee keessatti yoma ajjeeffametti'llee, anatti amanuu kee hin dhiifnne.


Hujii kee, tataaffii keetii fi obissa kee'llee ni beeka, hamaaleyyii garuu isaan obissuu akka hin danda'in, ergamittoota uduu hin ta'in nu'u ergamittoota worra jedhan qorattee dharttoota ta'anii akka isaan arigate ni beeka.


Yesus'llee, «Kunoo! Ani dadafaan ni dhufa! Dubbii raagaa kitaaba kanaa ka eeggatu, ka galateeffame!» jedhe.


Maleyikkaa woldaya amanti'ii ka Saardeesiitiif akkana jedhii barreessi, Kun Hafuuronni torbban Waaqaatii fi urjjiiwwan torbban ka qabate irraa ka dubbatame, hujii kee ni beeka, maqaa keetiin jiraata'a, garuu duutee jirta.


Obissa ka qabddu ta'i dubbii kiyya ka ani siin jedhe waan eegiddeef ani'llee biyya lafaa irra worra jiraattan qormmaatu'uuf arddii mara irratti saa'aatii rakkinni dhufu irraa si ni eega.


hujii kee ni beeka, ati qabbanaayaa yookiin oo'a miti, qabbanaayaa yookiin oo'a taatee uduu jiraateetii, mishaa ni ta'a ture!


Woldaya amantii Filaadelfiya'aatiif akkana jedhiitii barreessi, Kun Qulqullu'uu fi dhugaallessa ka ta'e, furttuu mana Daawiitii ka qabatee jiru irraa ka dubbatame, ka inni banu eennu'llee hin cufu, ka inni cufu'llee eennu'llee hin banu.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ