Mudhata Yohaannisii 3:5 - Waadaa Haarawa5 Injifatee ka moo'u akkuma isaanii uffata adii ni uffata, maqaa isaanii'llee Abbaa kiyyaa fi maleyikkoota isaa duranatti ni beekisisaaf, maqaan worra jiraattotaa itti galmeeffamu kitaaba jireennaa irraa isa hin dhabamsiisuun. အခန်းကိုကြည့်ပါ။WAADAA LAMMATAA5 Ka mooyatellee akkasuma uffata adii uffata. Maqaa isaallee galmee jireennaa keessaa hin haqu. Anillee abbaa kiyyaa fi Maleekkota afo'otti maqaa isaatii raga. အခန်းကိုကြည့်ပါ။Kitaaba Woyyuu5 Ka mooyatellee akkasuma uffata adii uffata. Maqaa isaallee galmee jireennaa keessaa hin haqu. Anillee abbaa kiyyaa fi Maleekkota afo'otti maqaa isaatii raga. အခန်းကိုကြည့်ပါ။ |
Ati'llee ka achi jirttu waahelli amanamaan hujii kiyyaa, dubarttoota kanniin akka isaan gargaartuuf si ni kadhadha, dubarttoonni kunniin anaan woliin Kleeminxoosii fi worra maqaan isaanii kitaaba jireennaa irratti barreeffaman kaaniin waahellan hujii kiyyaa woliin ta'u'uun, karaa wongeela itti woliin gayu'uutiin qabssaayanii jiran.
bineenissichi argitee duraan ni jira ture, amma hin jiru, maa'ii boolla gadi fago'ootii ni baya, gara badii isaa'llee ni deema, biyyiti lafaa yeroo uumamee jala qabee worra maqaan isaanii kitaaba jireennaa irratti hin barreeffamin jiraattonni arddi'ii, bineenissichi durssee ka ni jira ture, amma ka hin jirre, maa'ii ka dhufu ta'uu isaa yoo argan, ni maalalan.»
Injifatee ka moo'u utubaa Mana Waaqeffannaa Waaqa kiyyaa isa ni taasisaan, achii'llee gonkumaa hin bayu, maqaa Waaqa kiyyaatii fi maqaa magaalaa Waaqa kiyyaa isa irratti ni barreessa, magaalaan tun'llee sami'ii Waaqa kiyya biraa ta buutu, Yerusaalemii haarofititti'i, maqaa kiyya haarawa'llee isa irratti ni barreessa.