Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Mudhata Yohaannisii 3:4 - Waadaa Haarawa

4 Garuu uffata isaanii ka hin batteessin Sardees keessa namoonni muraafnni si'iin woliin ni jiran, isaan uffata adii uffachuun ka isaaniin malu waan ta'aniif, uffata adii uffatanii anaan woliin ni deeman.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

WAADAA LAMMATAA

4 Haata'uu ammoo worri uffata ufii hin batteessine Sardeesitti namoota hago'otu si woliin jira. Waan isaanii male waan ta'eef isaan uffata adii uffataniiti na woliin deeman.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

4 Haa ta'uu ammo worri uffata ufii hin batteessine Sardeesitti namoota hago'otu si woliin jira. Waan isaanii male waan ta'eef isaan uffata adii uffataniiti na woliin deeman.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Mudhata Yohaannisii 3:4
31 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Magaalaa keessa aseenittan yookiin gandoota aseenttantti nama barbaachisaa ta'e eennuun akka ta'e qoradhaa, bakka san'llee gad dhiiftanii haga deemittanitti isaanumaan woliin turaa.


Gara awwaalaa'llee yeroo aseenanitti dargaggeessi uffata adii uffate, gara mirgaatiin taa'ee arguu isaaniitiin, ni nayan.


Du'aa ka'anii biyya dhufu keessa jiraachuun namoonni isaaniin male garuu, hin fuudhan, wolitti'llee hin fuusisan.


Kanaaf waan hamaa dhufu mara jalaayyuu bayu'uuf, huminna akka argatanii fi Ilma Namaa durana'llee dhaabachu'uuf akka dandeettan, kadhata'aa yeroo maraa jabaadhaa.»


Yeroo sanitti Phexiros amanittootaa dhibba tokkoo fi diddamaa ta'an jidduu dhaabateeti akkana ni jedhe,


Wonitti kun marrinuu ka muldhisu murtiin Waaqaa sirrii ta'uu isaatii fi isin'llee Mootummaa isaa ka rakkinna fudhattaniif gayeessota ka isin taasisu ta'uu isaati.


Tokko tokkoo'llee ibiddaa keessaa baasa'aatii isaan fayyisaa, kaanniinf soda'aan garaa laafa'aafii, ta'u'llee cubbu'uun ka battaaye qaama isaanii uffatuma tuqe'llee, uduu hin hafin jibbaa.


«Waan laala'aa jirttu kana kitaabatti bareessiitii gara woldayoota amanti'ii torbanii, jechu'uun'llee gara Efesoonii, gara gara Semrnees gara Phergamoon, gara Tiyaaxiroonii, Saardeesii, gara Filaadelfiya'aatii fi gara Loodooqiyaa ergi.»


Saa'aatima sanitti sochiin arddi'ii ol aanaan ni ta'e, harka kudhan keessaa harki tokkoon magaalatti'ii'llee ni diigame, sababa sochii arddi'iitiin'llee namoonni kuma torbaa ni du'an, du'a irraa ka haalaan'llee haalaan ni sodaatan, Waaqa sami'ii'llee ni kabajatan.


Isaan worra hin fuudhin waan ta'aniif dubarttootaan woliin wol qunnamittii raawwachu'uun hin battoofnne, gara hoolchi deemu maraa isa ni horddofaniin. Isaan Waaqaa fi Hoolichaa namoota jiddu'uu akka ka jalqabaa titti ka dhiyaatan.


Faradoo adaadii ka yaabbatan, qulqulluu ka ta'e uffata adii bareedaa ka uffatan, hoomaan sami'ii isa horddofaniiniiti jira,


Uffata calaqisu qulqulluu fi bareedaa ka ta'e akka uffattuuf ni kennameef, uffanni haphiin hujii Qulqullu'uu ka qulqullaayomaat.»


Dureessa ta'u'u'uuf ibiddaan ka qoratame worqqii ana irraa akka bituuf, qaama kee ka qaani'ii dhoffachu'uuf uffata adii akka uffattuuf, argu'uuf'llee akka danddeettu qoricha ijaa bittee akka dibattuuf si gorssa.


Injifatee ka moo'u akkuma isaanii uffata adii ni uffata, maqaa isaanii'llee Abbaa kiyyaa fi maleyikkoota isaa duranatti ni beekisisaaf, maqaan worra jiraattotaa itti galmeeffamu kitaaba jireennaa irraa isa hin dhabamsiisuun.


akkuma kana naannaya teesso'oo'llee teessoowwan diddamii afurii ni jiran turan, teessoowwan irra'llee uffata adii ka uffatanii fi mataa isaanii irratti'llee gonfata worqqi'ii ka godhatan, jaarsotiin didamii afurii ta'anii jiran turan.


Tokkoo tokkoo isaaniitiif'llee uffanni adiin ni kennameef, akka isaanii ufi durana ka ajjeefaman, kuma isaanii tajaajilttoota ka ta'an waahellan isaaniitii fi laakkofssi obboleeyyan isaanii haga guututti, yeroo muraasaaf boqatanii akka turaniif isaanitti ni himame.


Kanaan duubatti ni laale, namoota haalaan baayi'e'ee ni arge, isaan'llee ummataa fi gosa maraa, worraa fi afaan adda addaa ka dubbatan irraa kan wolitti bayan ni turan, isaan kun uffata adii uffatanii, baala muka meexxi'ii harka isaanii titti qabatanii, teessoo isaatii fi Hoolicha durana dhaabatanii jiran ni ture,


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ