Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Mudhata Yohaannisii 3:3 - Waadaa Haarawa

3 Eegaa barsiisa attamii akka fudhattee fi akka dhageette yaadadhu, eeggadhuun'lle'e, dhiifamaan'llee gara Waaqaa deebi'i, dammaquu yoo dhabaatte garuu akka hattu'uu dimmaa si'itti ni dhufa, saa'aatii kamittu gara kee akka dhufu hin beekittu.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

WAADAA LAMMATAA

3 Eeganaa attamitti akka fudhatteef akka dhageette yaadi. Aagii gali; ajajamiifille'e. Yoo ati dammaquu dhabaatte, akka hattu'uutitti dimmaa sitti dhufa. Sa'aatii attami'ititti akka ani sitti dhufu sirimaa hin beettu.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

3 Eeganaa attamitti akka fudhattee fi akka dhageette yaadi. Aagii gali; ajajamiifille'e. Yoo ati dammaquu dhabaatte, akka hattu'uutitti dimmaa sitti dhufa. Sa'aatii attami'ititti akka ani sitti dhufu sirimaa hin beettu.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Mudhata Yohaannisii 3:3
24 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

«Kanaaf, guyya'aa fi saa'aatii waan hin beekinneef, isin hisadha'aatii eegaa.»


Yeroon isaa yoom akka ta'u hin beekittaniitii ufi eeggadhaa, ka'aa.


Dimmaa dhufee raffittanii, akka isin hin arganneef dammaqaa.»


Guyyaan Goofta'aa ka dhufu, hattuun halkaniin akkuma bifa dhufuu titti ta'uu isaa, isin mataan keessanuu midhaastanii ni beekittan.


Yaa Ximotewos! Yabo'oon waan sitti kenname eegi, beekkomissa uduu hin ta'in, «Beekkomissa» waan fakkaatu, woca tasaa irraa'llee fagaadhu.


Dubbii amanisiisaa ana irraa baratte akka fakkeennaa taasfttee, Yesus Kristosiin amantii fi jaalala qabnnu eegi.


Kanaaf waan dhageenne irraa mucucaannee akka hin kufnneef waayee waan dhageenneetiif, haalaan ufi eeggachuu qabnna.


Jireenna kanaan haga yeroo ittiin jiraadhuu titti isin yeroo maraa kakaasuun, sirrii ta'eeti natti mulidhata.


Yaa waahellan! Kun ka isiniif barreessu ergaa lammaffa'aat, ergaa lamaanuu ka isiniif barreesse wonittoota kanniin yaadachu'uun yaada qajeelaa akka qabaattan, isin kakaasu'uuf jedheeti.


Guyyaan Goofta'aa garuu akka hattu'uu dimmaa ni dhufa, guyyaa sanitti samiiwwan qooniqqa ol aana'aan ni dabrran, umaan marrinuu ibiddaan gubatee ni bada. Arddi'ii wonittoonni isi'ii irra jiran marrinuu ni gubatan,


«Kunoo! Ani akka hattu'uu dimmaa ni dhufa! Qullaa isaa akka hin taanee fi qaama isaa ka saalaa namoonni akka jalaa hin argineef, dammaqee uffata isaa naminni eeggatu ka galateeffame!»


ta'u'llee haga ani dhufutti ka qabddan jabeessa'aatii qabadhaa.


bakka hagam ol aanaa ta'e irraa kufuu kee'llee yaadadhu! Dhiifaman gara Waaqaa deebi'i! jalqaba ni raawwatta ka turtte hujii kee raawwadhu, kana maraa raawwchuu yoo dhabaatte garuu gara kee ni dhufa, dhiifamaan gara Waaqaa deebi'uu yoo dhabaatte, baatuu kee ka ibisa'aa bakkaa ni kaasan.


Yesus'llee, «Kunoo! Ani dadafaan ni dhufa! Dubbii raagaa kitaaba kanaa ka eeggatu, ka galateeffame!» jedhe.


Kunoo dadafaan ni dhufa, gonfaan kee eennu'llee isii irraa akka hin fudhanneef, ka qabddu jabeessiitii qabadhu.


Ani worra isaan jaaladhu marattuu ni baanadha, isaan'llee ni adaba, kanaaf dammaqi, dhiifamaan gara Waaqaa'llee deebi'i,


Dammaqi, du'u'uuf ka dhiyaatee fi huminna tee shiikkoo si hafitte jirttu jabeessi, Waaqa kiyya duranatti hujiin kee muda maleessa ta'ee hin arganneen.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ