Mudhata Yohaannisii 3:10 - Waadaa Haarawa10 Obissa ka qabddu ta'i dubbii kiyya ka ani siin jedhe waan eegiddeef ani'llee biyya lafaa irra worra jiraattan qormmaatu'uuf arddii mara irratti saa'aatii rakkinni dhufu irraa si ni eega. အခန်းကိုကြည့်ပါ။WAADAA LAMMATAA10 Ciniinnattee obsitee ajaja an sii kenne waan eeddeef anillee hennaa ataabee worra adunyaa tana irra jiraatan ataabu'uuf dhufu maraa jalaa si baasa. အခန်းကိုကြည့်ပါ။Kitaaba Woyyuu10 Ciniinnattee obsitee ajaja ani sii kenne waan eeddeef anillee hennaa ataabee worra adunyaa tana irra jiraatan ataabu'uuf dhufu maraa jalaa si baasa. အခန်းကိုကြည့်ပါ။ |
Qormmaata nama irra gayuun alatti, qormmaanni bira'aa isin irra hin geenne. Waaqinni amanama'a, qormmaanni huminna keessanii ol ta'e akka isin irra gayu hin eeyyamu, yeroo itti qormaatamttantti'llee huminna ittiin obissitan isinii kennu'uun, karaa qormaataa keessaa ittiin baatan isiniif ni qopheessa.
bineenissichi argitee duraan ni jira ture, amma hin jiru, maa'ii boolla gadi fago'ootii ni baya, gara badii isaa'llee ni deema, biyyiti lafaa yeroo uumamee jala qabee worra maqaan isaanii kitaaba jireennaa irratti hin barreeffamin jiraattonni arddi'ii, bineenissichi durssee ka ni jira ture, amma ka hin jirre, maa'ii ka dhufu ta'uu isaa yoo argan, ni maalalan.»