Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Mudhata Yohaannisii 3:1 - Waadaa Haarawa

1 Maleyikkaa woldaya amanti'ii ka Saardeesiitiif akkana jedhii barreessi, Kun Hafuuronni torbban Waaqaatii fi urjjiiwwan torbban ka qabate irraa ka dubbatame, hujii kee ni beeka, maqaa keetiin jiraata'a, garuu duutee jirta.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

WAADAA LAMMATAA

1 «Maleekkaa woldaa Kirstaanaa ta Sardeesiin keessa jirtuuf akkana jedhii barreessi. Ayyaanota Rabbii torbanii fi ka urjoota torbaa harkaa qabu akkana jedha. «Hujii kee hin beeka; ati maqamaaf jirta malee duuteerta.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

1 «Maleekkaa woldaa Kirstaanaa ta Sardeesiin keessa jirtuuf akkana jedhii barreessi. Ayyaanota Rabbii torbanii fi ka urjiiwwan torbaa harkaa qabu akkana jedha. «Hujii kee hin beeka; ati maqamaaf jirta malee duuteerta.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Mudhata Yohaannisii 3:1
30 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Ilmi kiyya kun du'ee ture, kunoo amma lubbu'uun ni jira, badee ture, argamee jira› » gamaduu'llee jala ni qaban.


Obboleessi kee kun garuu du'ee jira ture, amma lubbu'uun ni jira, badee ture, amma argamee jira, kanaaf haalaan gammadu'utu nurra mala.› »


Kennaa bilisaa irraa nu marri keenna kennaa isaa ka bilisaa irraan kennaa bilisaa fudhannee jirra.


Ani mataan kiyyaa hin beekuun ture, garuu bishaaniin akka cuuphuuf ka ana erge, ‹Hafuurri Qulqulluun yoo bu'uu fi isa irra yoo taa'u ka argitu, Hafuura Qulqullu'uun ka cuuphu isa› yoo jedhu natti himee jira.


Kana'llee jedhee ufi isaanitti jedheeti, «Hafuura Qulqulluu ni fudhatan,


Waaqinni Hafuura isaa ka kennu diqqeessee waan hin ta'iniif, ka Waaqinni erge dubbii Waaqaa ni dubbata.


Mirga Waaqaatiin taa'uuf ol yeroo jedhee fi abddii Hafuura Qulqullu'uu'llee Waaqa Abbaa irraa yeroo fudhatetti, kana ka argitanii fi ka dhagaya'aa jirttan kana ni dhangalaase.»


Isin waayee balleessaa keessan fi waayee cubbuu keessaniitiin, jireenna keessan ka hafuuraatiin ka du'e ni turttan,


balleessaa keennaan ka duune yoma taane'llee, Waaqinni Kristosiin woliin akka jiraannuuf nu taasisee jira, isin'llee ka fayyitan keennaa isaa ka bilisaatiin.


Cubbuu hojjachuu keessan fi foon keessan cubbamaan sababa Kristostti amanu'uu dhabuu isaatiin waan hin gadoominiif isin du'oota ni turttan, amma garuu Waaqinni Kristosiin woliin jiraattota isin taasisee jira, cubbuu keessan maraaf'llee dhiifama isiniif taasisee jira.


Haati hiyyeessaa ta gammachuu biyya lafaa kana qofa jaalattu garuu, isiin ta dhaabattatti duute.


Qaaminni lubbuu malee ka du'e, akkuma kana amantiin hujii irraa adda baye ka du'e.


Ka isaan keessa ture Hafuurri Kristosii'llee Masihicha irra waayee rakkinnaa fi rakkinnaan duubatti'llee waayee ulfinna argamuu, durssee mulidhisee jira ture, isaan'llee kun marri yeroo kamittii fi haala attam jiruun akka ta'u qoratanii ture,


Namoonni kunniin saalifata malee wiriqachu'uun tokkumma'aan afeerrii irratti yoo argaman gufuu isaanitti ni ta'an, isaan ka yaadan waayee mataa isaanii qofa, akka waan bubbe'een dhiibamanii isaan akka duumessa rooba hin qabnne ka bubbe'een dhiibamuuti. Ji'umaa firi'ii tittuu akka muka firiin irratti hin argaminne, akka muka jalaan buqqifameetii fi isaan akka muka yeroo lama du'eeti.


«Waan laala'aa jirttu kana kitaabatti bareessiitii gara woldayoota amanti'ii torbanii, jechu'uun'llee gara Efesoonii, gara gara Semrnees gara Phergamoon, gara Tiyaaxiroonii, Saardeesii, gara Filaadelfiya'aatii fi gara Loodooqiyaa ergi.»


Harka isaa ka mirgaa titti urjjiiwwan torbaa qabatee jira ture, gara lamaaniinuu qara ka qabu biloofnni afaan isaatii ni baya ture, fuulli isaa guutuun ifiinssi isaa akka aduu ifuu ni ture.


Harka kiyya ka mirgaa titti ka argite urjjiiwwan torbanii fi dhossaan baattuuwwan worqqi'ii torbanii kana, urjjiiwwan torbban maleyikkoota woldaya amaniti'ii torbaniiti, baattuuwwan torban'llee, woldaya amanti'ii torbban.»


Yohaannisiin irraa woldayoota amanti'ii torbban Asiya'aatiif, Ka jiru, ka turee fi Waaqa dhufu irraa, teessoo duranaa ka jiran hafuurota torbban, akkuma kana du'aa ka'uun hangafa ka ta'e, bitaatii nugusa nugusota arddi'iitii fi akkuma kana du'aa kaiinssaan ka jalqabaa ka ta'e,


ati bakka teessoon sheexanaa jiru jiraachuu kee ni beeka, haa ta'u malee maqaa kiyya jabeessitee qabatee jirta, amantii ana irratti qabddu'llee hin waakkanne, ragaa kiyya amanamaa ka ture Antiiphaan'llee, bakka sheexanni jiraatu magaalaa kee keessatti yoma ajjeeffametti'llee, anatti amanuu kee hin dhiifnne.


«Hujii kee, jaalala kee, amantii keetii fi tajaajila kee, obissaan dhaabachuu kee'llee ni beeka, hujiin kee ka maa'ii ka duranaa akka caalu'llee ni beeka.


Hujii kee, tataaffii keetii fi obissa kee'llee ni beeka, hamaaleyyii garuu isaan obissuu akka hin danda'in, ergamittoota uduu hin ta'in nu'u ergamittoota worra jedhan qorattee dharttoota ta'anii akka isaan arigate ni beeka.


rakkinnaa keetii fi hiyyummaa kee'llee ni beeka, haa ta'u malee ati dureessa, Yihudota uduu hin ta'in nu'u Yihudota worri jedhan, miseenssa sheexanaa ka ta'an, maqaa kee akka balleessan ni beeka,


hujii kee ni beeka, ati qabbanaayaa yookiin oo'a miti, qabbanaayaa yookiin oo'a taatee uduu jiraateetii, mishaa ni ta'a ture!


Dammaqi, du'u'uuf ka dhiyaatee fi huminna tee shiikkoo si hafitte jirttu jabeessi, Waaqa kiyya duranatti hujiin kee muda maleessa ta'ee hin arganneen.


Hujii kee ni beeka, eennuu'llee cufu'uuf ka hin dandeenne, balbala baname durana keetiin kaayee jira, huminni kee shiikkoo ta'uu ni beeka, haa ta'u malee dubbii tiyya eegiddee jirta, maqaa kiyya'llee hin waakkanne.


Teessoo irraa'llee qooniqqa bakakka'aatii fi hangaasu'uu'llee ni bayan turan, teessoo durana'llee ka bararan xomborraawwan torbaa ni jira turan, isaan'llee hafuurota torbban Waaqaati.


Kanaan duubatti teessoo isaatii fi bineensota arfan jiddu'utti, jaarsotii jiddu'utti'llee Hoolaan waan qalame fakkaatu dhaabatee ni arge, Hoolaan kun'llee gaafota torbaa fi ija torba ni qaba ture, isaan'llee gara arddi'ii mara ka ergaman Hafuurota Waaqaa torbban.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ