Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Mudhata Yohaannisii 21:4 - Waadaa Haarawa

4 Imimmaan mara ija isaanii irraa ni haqa, seerri duraanii waan dabrreef duuti yookiin gaddi yookiin bootti yookiin makkaraarnni, ammaa achitti hin jiraatu.»

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

WAADAA LAMMATAA

4 Imimmaan ija isaan maraa irraa haqa. Duuti ammaa achi hin jiru, seerri duraanii waan lufeeruuf jedhee hennaa dubbatu dhagaye.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

4 Imimmaan ija isaan maraa irraa haqa. Duuti ammaa achi hin jiru; seerri duraanii waan lufeeruuf» jedhee hennaa dubbatu dhagaye.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Mudhata Yohaannisii 21:4
26 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Sami'ii fi ardiin ni dabrran, dubbiin kiyya garuu hin dabrru.»


Injifatamee muummee irratti diinni dhabamisiifamu du'a.


Qabeenna biyya lafaa kanatti ka fayyadaman marrinuu, akka waan itti hin fayyadaminnee ta'anii haa jiraatan, haalli biyya lafaa ka ammaa kun dabrra'a.


Kanaaf naminni kum'llee gara worra Kristositii yoo ta'e uumama haarawa, uumaminni moofaan dabrree jira, bakka isaa'llee uumaminni haarofnni bu'ee jira.


Dabalee'llee Gooftaan akkana jedhee jira, «Isaan jiddu'uu fooyama'aatii bayaa, waan battii ta'e'llee hin tuqinaa, ani'llee isin ufitti ni fudhadha,


Kun ka, «Yeroo tokko irra deebi'ee» dubbii jedhu ka muldhisu, wonittoonni hin sochoone jabaatanii akka jiraataniif ka socho'an yookiin wonittoonni uumaman, dhabamisiifamuu isaaniiti.


Guyyaan Goofta'aa garuu akka hattu'uu dimmaa ni dhufa, guyyaa sanitti samiiwwan qooniqqa ol aana'aan ni dabrran, umaan marrinuu ibiddaan gubatee ni bada. Arddi'ii wonittoonni isi'ii irra jiran marrinuu ni gubatan,


Biyyi lafaatii fi hawwiin isaa'llee ni dabrran. Fedhii Waaqaa ka raawwatu garuu, bara baraaf ni jiraata.


garbi ciisaan'llee worra du'an ka isa keessatti argaman ni kenne, du'aa fi siooli'llee worra du'an ka isaan keessa turan ni kennan, tokko tokkoon namaa'llee akkaatama hujii isaatiin murtii ni fudhate.


Du'aa fi siooli'llee gara garba ibiddaa titti ni gataman, garbi Ibiddaa kun'llee, du'a lammaffa'aat,


Kanaan duubatti samii haarawaa fi arddii haarawa ni arge, samiin jalaqabaatii fi arddiin jalaqabaa'llee dabrranii jiran ture, garbi ciisaan'llee ammaa achitti hin jiraatu.


Ammaa achitti abaarssi bifa kamiituu hin jiraatu, teessoon Waaqaatii fi Hoolchaa'llee magaalattii keessa ni ta'an, tajaajilttoonni isaa'llee isa ni waaqeffatan,


teessicha jidduu Hoolichi jiru'llee tissee isaanii ni ta'a, gara burqqaa bishaan jireennaa'llee isaan ni eemara, Waaqinni'llee imimmaan isaanii mara ija isaanii irraa, isaaniif ni haqa.»


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ