Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Mudhata Yohaannisii 21:2 - Waadaa Haarawa

2 Magaalaan Qulqullittiin, Yerusaalemiin haarofitti, akka idaayyaa abbaa worraa isi'iitiif bareeddee titti qophoofttee, sami'ii Waaqa biraa yoo buutu ni arge,

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

WAADAA LAMMATAA

2 Qachaatiin woyyittiin haarofti Yeruusaalem akka idaayyaa abbaa manaatiif qandhaftee qophooftee Rabbiin biraa hennaa sami'ii buutu arge.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

2 Qachattiin woyyittiin haarofni Yerusaalem akka idaayyaa abbaa manaatiif qandhaftee qophooftee Rabbiin biraa hennaa sami'ii buutu arge.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Mudhata Yohaannisii 21:2
28 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Idaayyittii naminni qabu idaayya'a, jaaltichi ka fuudhuu garuu ka fuudhu bira dhaabatee ni dhageeffataan, qooniqqa isaa'llee dhagayu'uun ni gammada, kanaaf gammachuun kiyya'llee kana, inni'llee amma muda maleessa ta'ee jira.


Akka durbba duudaa qulqullittiin takka durbummaa isi'iitiin abbaa worra tokkoof qaadhimamittuu titti, ani'llee isin Kirstosiif waan isin qaadhimeef, waayee keessaniif hinaaffaa hafuuraa ni hinaafa.


Kana'llee ka raawwate hunddee jabdduu ka qabddu, magaalaa Waaqinni karoorssee fi hojjateen ni eega waan tureef.


Amma garuu ka caalu, biyya samii jiru ni yaadan, kanaaf Waaqinni magaalaa isaanii waan qopheesseef, «Waaqa keenna» jedhanii yoo waamaniin, isa hin saalfachiisuun.


Isin garuu gara Gaara Xiyoonii dhiyaatanii jirttan, isiin'llee magaalaa Waaqa jiraata'aa ka taate Yerusaalemii sami'iit, gammachu'uun gara itti wolitti qabamanii, kuma baayi'etti gara worra lakkaayamanii titti dhiyaattanii jirttan.


Nu'u magaalaa ufi durana dhufttu ni eegganna malee, magaalaa jabaattee dhaabattee jiraattu arddii tana irratti hin qabnnu.


Muldhanni kun yeroo dhiyoo keessatti waan ta'u tajaajilttoota isaa titti akka muldhisuuf ka Waaqinni Yesus Kristosiif kenne, Yesus Kristos'llee maleyikkaa isaa ergee tajaajilaa isaa Yohaannisiif, muldhata kana ni ibiseef.


Yohaannisiin irraa woldayoota amanti'ii torbban Asiya'aatiif, Ka jiru, ka turee fi Waaqa dhufu irraa, teessoo duranaa ka jiran hafuurota torbban, akkuma kana du'aa ka'uun hangafa ka ta'e, bitaatii nugusa nugusota arddi'iitii fi akkuma kana du'aa kaiinssaan ka jalqabaa ka ta'e,


Yesus Kristosiin ka rakkinna isaatii fi ka mootummaa isaa, akkuma kana qoodama obissa isaa'llee isin woliin ka ta'e, ani obboleessi keessan Yohaannis, dubbii Waaqaatii fi sababa ragummaa Yesusiitiin hidhamee, eddoolaa Phaaximoo jedhamttu irra ni ture,


Mana Waaqeffanna'aatiin ala ka jiru bakka duwwaa garuu dhiis, inni ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanneef ka kenname waan ta'eef hin bikkin, ummanni Waaqa dhuga'aa titti hin amanne'llee magaalaa Qulqullittii, ji'oota afurtamii lamaaf ni dhitaniin,


Hafuuraan'llee gara gaara gudda'aa fi dheeraa tokkoo ana fideeniiti, magaalaan Qulqullittiin Yerusaalem Waaqa biraa sami'ii yoo buutu natti ni muldhise,


Balaawwan torbban muumme'ee ka itti guutaman duloowwan torbaan, qabatanii ka maleyikkoota torbaan keessaa tokko dhufee, «Koottu! Haadha worraa Hoolchaa ka taate idaayyittii sitti ni muldhisaa» naan jedhe.


Hafuurri Qulqullu'uu fi Idaayyittiin, «Koottu!» ni jedhan, Ka dhagayu'llee, «Koottu!» haa jedhu, ka dheebote'llee haa dhufu, ka barbaade'llee bishaan burqqaa jireennaa gatii woyiituu malee, bilisaan haa dhugu.


Eennu'llee dubbii kitaaba raagaa kana keessatti barreeffaman keessaa waan tokko yoo dhidhise, kitaaba kana keessatti ka himaman firii muka jireennaatii fi magaalaa Qulqullitti'ii, Waaqinni gayaa isaa irraa in dhidhisa.


Injifatee ka moo'u utubaa Mana Waaqeffannaa Waaqa kiyyaa isa ni taasisaan, achii'llee gonkumaa hin bayu, maqaa Waaqa kiyyaatii fi maqaa magaalaa Waaqa kiyyaa isa irratti ni barreessa, magaalaan tun'llee sami'ii Waaqa kiyya biraa ta buutu, Yerusaalemii haarofititti'i, maqaa kiyya haarawa'llee isa irratti ni barreessa.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ