Mudhata Yohaannisii 20:4 - Waadaa Haarawa4 Kanaan duubatti teessoowwan ni arge, teessoowwan irra'llee worri aangoon murtteessu'uu isaanii kenname ta'anii ni arge, waayee Yesusii ragaa bayuu isaaniitii fi waayee dubbii Waaqaatiif namoota mataawwan isaanii irraa muraman lubbuuwwan isaanii ni arge, isaan'llee bineensichaa fi suuraa isaatiif ka hin sagadin, malikata isaa'llee kallacha isaanii ta'ee harka isaanii irratti ka hin godhatin, isaan du'aa ka'anii Kristosiin woliin woggaa kumaa ni moo'an. အခန်းကိုကြည့်ပါ။WAADAA LAMMATAA4 Teessoollee hin arge. Worra isarra taa'anii baalliin kennameef waan ragaa Yesuusiitiif waan dubbii Rabbiitiif namoota mataan isaanii irraa murame, worra bineensaaf fakii isaatii hin saganne worra malkata kallacha isaaniitiif harka isaanii irratti hin godhanne arge. Kiristoosiin woliinillee woggaa kumaa mooyanii jiraatan. အခန်းကိုကြည့်ပါ။Kitaaba Woyyuu4 Kanaan maayessa teessoowwanillee hin arge; worra isa irra taa'anii baalliin kennameef, waan ragaa Yesuusiitiif, waan dubbii Rabbiitiif namoota mataan isaanii irraa murame, worra bineensaa fi fakii isaatii hin saganne, worra malkata kallacha isaaniitii fi harka isaanii irratti hin godhanne arge. Kiristoosiin woliinillee woggaa kumaa mooyanii jiraatan. အခန်းကိုကြည့်ပါ။ |
Kanaan duubatti ibiddi ka itti makame garba ciisaa daawi'te'ee waan fakkaatu ni arge, akkuma kana bineenssichaa fi suuraan bineensichaa'llee, laakkofssa malikata maqaa isaa'llee worra injifatanii moo'ataniin ni arge, kiraara Waaqinni isaaniif kenne'llee qabatanii, garba ciisaa daawi'te'ee bira dhaabatanii jiran turan.
bineenissichi argitee duraan ni jira ture, amma hin jiru, maa'ii boolla gadi fago'ootii ni baya, gara badii isaa'llee ni deema, biyyiti lafaa yeroo uumamee jala qabee worra maqaan isaanii kitaaba jireennaa irratti hin barreeffamin jiraattonni arddi'ii, bineenissichi durssee ka ni jira ture, amma ka hin jirre, maa'ii ka dhufu ta'uu isaa yoo argan, ni maalalan.»