Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Mudhata Yohaannisii 2:9 - Waadaa Haarawa

9 rakkinnaa keetii fi hiyyummaa kee'llee ni beeka, haa ta'u malee ati dureessa, Yihudota uduu hin ta'in nu'u Yihudota worri jedhan, miseenssa sheexanaa ka ta'an, maqaa kee akka balleessan ni beeka,

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

WAADAA LAMMATAA

9 Rakkinna keetiif hiyyummaa kee hin beeka. Haata'uu ammoo ati dureessa, arraba worra uduu Yihuudii hin taane nu Yihuudi'i ufiin jedhan san hin beeka isaan woldaa seexanaati.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

9 Rakkinna keetii fi hiyyummaa kee hin beeka. Haa ta'uu ammo ati dureessa; arraba worra uduu Yihuudii hin taane nu Yihuudi'i ufiin jedhan san hin beeka; isaan woldaa seexanaati.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Mudhata Yohaannisii 2:9
29 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Yeroo sanitti Yesus, «Gooftaa Waaqa keetiif sagadi, isuma qofa'llee Waaqeffadhu! jedhamee barreeffamee jiraatii, ati sheexanni narraa fagaadhu!» jedheen.


«Mataa isaatiif arddii irratti qabeenna ka wolitti qabatu, Waaqa duranatti garuu naminni hiyyeessa ta'e, akkanuma kana ni ta'a.»


Isa irratti'llee waan baayi'ee dubbata'aa, ni arrabisaniin turan.


«Hafuurri Goofta'aa ana irra ni jira, oduu mishaa hiyyeesota titti akka lallabu, ana muudee jira, worra hidhamaniif hiikkamuu, worra jaamaniif arggiinssa, akka labissuu fi worra sarddaman'llee bilisa akka baasuuf ana ergee jira,


Yesus'llee ol jedhee gara barattoota isaa laala'aa akkana isaaniin jedhe, Mootummaan Waaqaa teessaniitii, isin hiyyeesonni ka eebbifamittan!


Kana isinitti dubbachuun kiyya ana keessa taatanii nageenna akka qabaattaniif jedheeti, biyya lafaa kana irra haga jirttanitti rakkinnatu isinitti jira, garuu jabaadhaa, ani biyya lafaa injifadhee jira.»


Biyyoota sanniin mara keessattuu amanttoonni amantii isaaniitiin akka jajabaatan jajabeessuu fi gorssaan, «Gara Mootummaa Waaqaa titti galu'uuf rakkinna baayi'ee fudhachuu qabnna» jedha'aa isaan ni barsiisan.


Yeroo baay'ee'llee bakka wolgayii titti akka adabamanii fi Gooftaa irraatti jecha arrabaa akka dubbatan, isaan ni dirqissiisan ture, isaan irratti'llee haalaan dalanee garuma magaalota biyya alaa'llee bayee, isaan ni ari'a ture.»


Abddi'iin gammadaa, yeroo rakkinnaa titti obissaa, yeroo maraa kadhadhaa.


Kunoo ati, «Ani Yihudicha» ni jetta, seeratti ni irkatta, ka Waaqaa ta'uu keetiin'llee ni dhaadatta.


Kana qofaan uduu hin ta'in rakkinni obissa akkuma nuuf argamisiisu waan beekinuuf, rakkinna keennaan'llee ufi ni dhaanna.


Jaalala Kristosii irraa ka nu fooyuu dandda'u eennu? Rakkinna moo yookiin sarddama, ari'atama moo yookiin beela? Yookiin daara, yookiin galttee yookiin billaya?


Haa ta'u malee dubbiin Waaqaa diigamee jira jechu'uu miti, fiixaan Israa'eelii marrinuu Israa'eeloota dhuga'aatii miti.


Gaddi yoo nurra gayu'llee yeroo maraa ni gammadinna, hiyyeeyyii taanee uduu jirru, baayi'eewwan dureessota ni taasfnna, womaayuu ka hin qabnne yoo taanu, waan maraa ni qabnna.


Isaan rakkinnaa baayi'e'een qormaatamanii jiran, haa ta'u malee gammachuun isaanii ol aanaa ni ture, haalaan hiyyeeyyii yoma ta'ani'llee, arjooma ol aanaa raawwatanii jiran.


Isin kennaa bilisaa ka Gooftaa keenna Yesus Kristosii ni beekittan, inni yoma dureessa ta'e'llee hiyyeessa ta'uu isaatiin, isin dureeyyii akka taataniif waayee keessaniif jedhee hiyyeessa ni ta'e.


Gonkumaa isin woliin yeroo turetti rakkinni akka narra gayu durssinee isinitti ni himnna ture, akkuma beekittantti'llee rakkinni narra gayee jira.


Yoma asiin durana'llee Kristosiin ka arrabssee fi ka isa ari'e, ka isa salphiseen'llee yoo ta'e, inni dhiifama naaf ni taasise, inni'llee dhiifama kana ka naaf taasise, ani kana mara ka raawwadhe beekkomissa dhabuu kiyyaa fi amanuu dhabuu kiyyaan ture.


Akkuma kana hujii mishaa akka hojjataniif, hujii misha'aan'llee dureeyyii akka ta'aniif, arijjoomu'uu fi waan qaban'llee qooduuf qophaayota akka ta'aniif, isaan ajaji.


Yesus Kristosiin ka rakkinna isaatii fi ka mootummaa isaa, akkuma kana qoodama obissa isaa'llee isin woliin ka ta'e, ani obboleessi keessan Yohaannis, dubbii Waaqaatii fi sababa ragummaa Yesusiitiin hidhamee, eddoolaa Phaaximoo jedhamttu irra ni ture,


ati bakka teessoon sheexanaa jiru jiraachuu kee ni beeka, haa ta'u malee maqaa kiyya jabeessitee qabatee jirta, amantii ana irratti qabddu'llee hin waakkanne, ragaa kiyya amanamaa ka ture Antiiphaan'llee, bakka sheexanni jiraatu magaalaa kee keessatti yoma ajjeeffametti'llee, anatti amanuu kee hin dhiifnne.


Hujii kee, tataaffii keetii fi obissa kee'llee ni beeka, hamaaleyyii garuu isaan obissuu akka hin danda'in, ergamittoota uduu hin ta'in nu'u ergamittoota worra jedhan qorattee dharttoota ta'anii akka isaan arigate ni beeka.


«Tiyaaxiroonii ka jirttan ergaa badaa kana worra hin fudhatin maraaf, akkuma kana tokko tokko, ‹dhossaa sheexanaa ka gad fago'ooti› ka jedhaniin, isin worra hin horddofinitti, fe'aa bira'aa isinitti hin fe'u,


Eegaa, Yihudota uduu hin ta'in nu'u Yihudota worra jedhan sanniin miseenssa yaa'ii sheexanaa ka ta'an sobddoonni dhufanii miila kee jalatti akka kufan isaan ni taasisa, akka ani si jaaladhe'llee akka beekan isaan ni taasisa.


Ani'llee, «Yaa Gooftaa, ati ni beekita» ni jedheen. Inni'llee akkana naan jedhe, «Kunniin rakkinna ol aanaa bira dabrranii worra dhufan, uffata isaanii'llee diiga Hoolichaatiin miicanii, adii taasisaanii jiran.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ