Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Mudhata Yohaannisii 2:5 - Waadaa Haarawa

5 bakka hagam ol aanaa ta'e irraa kufuu kee'llee yaadadhu! Dhiifaman gara Waaqaa deebi'i! jalqaba ni raawwatta ka turtte hujii kee raawwadhu, kana maraa raawwchuu yoo dhabaatte garuu gara kee ni dhufa, dhiifamaan gara Waaqaa deebi'uu yoo dhabaatte, baatuu kee ka ibisa'aa bakkaa ni kaasan.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

WAADAA LAMMATAA

5 Eeganaa maal irraa akka kufte yaadadhu. Aagiillee gali hujii kee ka duraa san hojjadhu. Yoo cubbuu irraa deebi'uu baatte sitti dhufee baattuu ibsa'aa kee hule'ee fuudha.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

5 Eeganaa maal irraa akka kufte yaadadhu. Aagiillee gali; hujii kee ka duraa san hojjadhu. Yoo cubbuu irraa deebi'uu baatte dhufee baattuu ibsa'aa kee hule'ee si jalaa fuudha.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Mudhata Yohaannisii 2:5
34 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

«Isin ifa biyya lafaati, magaalaan Gaara irratti ijaaramtte dhokachu'uuf hin dandeettu.


Namoonni ibisaa ibssanii mana keessa worra jiran maraaf akka ifuuf, bakka ol fugaatu irra ni kaayan malee, ginboolaa jala hin kaayan.


Eegaa abbaan qabeenna biqilttuu woyinni'ii maal raawwata? Abbaan mataan isaatuu ni dhufa, qotee bulttoota'llee ni ajjeesa, biqilttuu woyinni'llee kaanniiniif ni kenna.


akkuma nabiyyicha Eliyaasii hafuuraa fi huminnaan ta'ee inni onnee abbootii gara ijoollee isaanii, onnee namoota hin ajajamnne'llee gara ogummaa ququllaawotaa titti ni deebisa, ummata'llee dammaqissu'uun Goofta'aaf akka qophaayan isaan ni taasisa.»


Abbaan biqiltuu woyinni'ii mataan isaatuu ni dhufa, qonnaan bulttoota'llee ni ajjeesa, biqiltuu woyinnii'llee qonnaan bulttoota bira'aatiif ni kenna.» Namoonni'llee kana yeroo dhagayanitti, «Kun gonkumaa hin ta'in!» jedhan.


Isin seera eegu'uun qulqullaayomu'uuf ka barbaadan marrinuu Kristosiin irraa fooyamtanii jirttan, kennaa isaa ka bilisaa irraa'llee fagaattanii jirttan.


Kun'llee yoo ta'e dhaloota daba'aa fi badaa kana jiddu'utti, heeyibi'ii fi ashaan ka isaanitti hin jirre qulqulluuwwan ijoollee Waaqaa ta'u'uun, biyya lafaa kanatti akka urjjiiwwan titti ni ifittan.


Ifin eega isinii ifeen duubatti rakkinna baayi'ee fudhattanii guyyoota itti obissitan sanniin yaadadhaa.


Isin garuu yaa waahela! Kana durrsitanii waan beekittaniif, dogoggora hamaawwaniitiin harkifamittanii ijjannoo keessan jabaa irraa akka hin kufnneef ufi eeggadhaa,


Akka hin kufnne ka isin taasisu'uu fi worra ashaa hin qabnne isin taasisee gammachu'uun ulfinna isaa duranatti isin dhiyeessu'uuf ka danda'u,


Harka kiyya ka mirgaa titti ka argite urjjiiwwan torbanii fi dhossaan baattuuwwan worqqi'ii torbanii kana, urjjiiwwan torbban maleyikkoota woldaya amaniti'ii torbaniiti, baattuuwwan torban'llee, woldaya amanti'ii torbban.»


namoonni oo'a ol aana'aan ni gubatan, balaawwan kanniin irratti aangoo ka qabu maqaa Waaqaa ni arrabissan, dhiifamaan'llee gara Waaqaa titti hin deebine, isa'llee hin kabajineen.


kanaaf dhiifamaan gara Waaqaa deebi'i, yoo kana ta'uu dhabaate daddafaan gara kee dhufee akka bilaya ka jiru, dubbii afaan kiyyaa bayuun isaan ni woraanna.


«Hujii kee, jaalala kee, amantii keetii fi tajaajila kee, obissaan dhaabachuu kee'llee ni beeka, hujiin kee ka maa'ii ka duranaa akka caalu'llee ni beeka.


Hujii kee, tataaffii keetii fi obissa kee'llee ni beeka, hamaaleyyii garuu isaan obissuu akka hin danda'in, ergamittoota uduu hin ta'in nu'u ergamittoota worra jedhan qorattee dharttoota ta'anii akka isaan arigate ni beeka.


Ani worra isaan jaaladhu marattuu ni baanadha, isaan'llee ni adaba, kanaaf dammaqi, dhiifamaan gara Waaqaa'llee deebi'i,


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ