Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Mudhata Yohaannisii 2:2 - Waadaa Haarawa

2 Hujii kee, tataaffii keetii fi obissa kee'llee ni beeka, hamaaleyyii garuu isaan obissuu akka hin danda'in, ergamittoota uduu hin ta'in nu'u ergamittoota worra jedhan qorattee dharttoota ta'anii akka isaan arigate ni beeka.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

WAADAA LAMMATAA

2 Hujii kee, dadhabbii keetii fi obsa kee hin beeka. Akka ati worra hamaa cadhiftee hin dhiifne worra uduu ergamaa hin taane, «Ergamoota» ufiin jedhan qorattee laaltee akka isaan sobduu ta'an akka beette ani hin beeka.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

2 Hujii kee, dadhabbii keetii fi obsa kee hin beeka; akka ati worra hamaa cadhiftee hin dhiifne worra uduu ergamaa hin taane, «Ergamtoota» ufiin jedhan qorattee laaltee akka isaan sobduu ta'an beette ani hin beeka.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Mudhata Yohaannisii 2:2
21 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

«Ani'llee guyyaa sanitti ‹gonkumaa isin hin beeku! Isin hamaa raawwattoota ana irraa achi fagaadhaa!› isaaniin ni jedha.»


Yesus kana ka dubbateef Filiphosiin qorachu'uuf ture malee, waan raawwatu ammoo inni mataan isaatuu ni beeka ture.


Kana'llee ka jedheef worri dubbii isinitti bitaa taasisanii fi wongeela Kristosii'llee dabssu'uuf ka barbaadan, namoonni tokko tokko waan jiraniif malee jalqabatti wongeelli tokko qofa.


Ammaa achitti daba sossoba namootaatiin ka qophaaye, bubbee barisiisa dogoggorssa'aatii fi honbololatti'iin garanaa fi garas dhiibamanii akka daa'imman fudhatamanii hin taanu.


Waaqa keennaa fi Abbaa keenna duranatti amantiin keessan ka hojjatu, jaalalaaf ka raawwattanii fi Gooftaa keenna Yesus Kristositiin abddii qabddan obissaan eeggachuu keessan, nu'u uduu addaan hin kutin ni yaadanna.


Waan maraa qormaataa, qoradhaa, ka mishaa ta'e qabadhaa.


Garuu, «Gooftaan worra ka isaa ta'an ni beeka» akkuma kana, «Ka maqaa Goofta'aa waamu marrinuu hamaa irraa haa fagaatu!» chaaphaan jedhu ka irraa jiru, ka hin sochoone hundeen Waaqaa jabaatee ni jiraata.


Waaqinni muritteessaa dhuga'aati, kanaaf hujii keessan fi duraan ta'ee amma'llee qulqullaawota gargaaru'uun, waayee maqaa isaatiif jaalalli muldhifttan, hin irraafatamu.


Yaa waaheloota! biyya lafaa irratti nabiyyoonni dharaa baay'een waan ka'aniif hafuura maraa hin amaninaa, kana irra hafuuronni ka Waaqaa ta'uu isaaniitii fi ta'uu dhabuu isaanii qoradhaa.


bakka hagam ol aanaa ta'e irraa kufuu kee'llee yaadadhu! Dhiifaman gara Waaqaa deebi'i! jalqaba ni raawwatta ka turtte hujii kee raawwadhu, kana maraa raawwchuu yoo dhabaatte garuu gara kee ni dhufa, dhiifamaan gara Waaqaa deebi'uu yoo dhabaatte, baatuu kee ka ibisa'aa bakkaa ni kaasan.


Garuu ka si galateeffachiisu wonitti tokko ni jira, kun'llee ani ka jibbu hujii worra Niqolaawotaa jibbitee jirta.»


rakkinnaa keetii fi hiyyummaa kee'llee ni beeka, haa ta'u malee ati dureessa, Yihudota uduu hin ta'in nu'u Yihudota worri jedhan, miseenssa sheexanaa ka ta'an, maqaa kee akka balleessan ni beeka,


Maleyikkaa woldaya amanti'ii ka Saardeesiitiif akkana jedhii barreessi, Kun Hafuuronni torbban Waaqaatii fi urjjiiwwan torbban ka qabate irraa ka dubbatame, hujii kee ni beeka, maqaa keetiin jiraata'a, garuu duutee jirta.


hujii kee ni beeka, ati qabbanaayaa yookiin oo'a miti, qabbanaayaa yookiin oo'a taatee uduu jiraateetii, mishaa ni ta'a ture!


Hujii kee ni beeka, eennuu'llee cufu'uuf ka hin dandeenne, balbala baname durana keetiin kaayee jira, huminni kee shiikkoo ta'uu ni beeka, haa ta'u malee dubbii tiyya eegiddee jirta, maqaa kiyya'llee hin waakkanne.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ