Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Mudhata Yohaannisii 2:18 - Waadaa Haarawa

18 Maleyikkaa woldaya amantii Tiyaaxirooniitiif akkana jedhii barreessi, Kun arraba ibiddaa ija fakkaatan ka qabu irraa fi sibiila diimaa mukukula ibiddaatiin baqe miila fakkaatan ka qabu, Ilma Waaqaa irraa ka dubbatame.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

WAADAA LAMMATAA

18 «Gara Maleekkaa woldaa Kiristaanaa ta Tiyaaxiroon keessa jirttu akkana jedhii barreessi. Ilmi Rabbii ka ija akka arraba ibiddaa ka lutti isaa akka sibiila boola ibiddaa keessatti oo'ee diimate fakkaatu qabu akkana jedha.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

18 «Maleekkaa woldaa Kiristaanaa ta Tiyaaxiroon keessa jirtu akkana jedhii barreessi. Ilmi Rabbii ka ija akka arraba ibiddaa, ka lutti isaa akka sibiila boolla ibiddaa keessatti oo'ee diimate fakkaatu qabu akkana jedha.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Mudhata Yohaannisii 2:18
22 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Uduma Phexiros kana dubbata'aa jiru duumessi ifaan isaan ni dayeesse, duumessa keessaa'llee, «Ilmi kiyya ka ani jaaladhuu fi itti gammadu'llee kana, isa dhagayaa!» qooniqqi jedhu, ni dhufe.


Ajajaan dhibbaatii fi isaan woliin Yesusiin ni eegan worri turan, sochii arddi'iitii fi waan ta'e maraa yeroo arganitti haalaan sodaatanii, «Dhugamaanuu kun Ilma Waaqaa ture!» jedhan.


Yeroma sanitti, «Kunoo, ka ani itti gammadu fi jaaladhu, Ilmi kiyya kana» qooniqqi jedhu, sami'ii ni dhufe.


Maleeyikkichi'llee akkana jechu'uun ni deebise, «Hafuurri Qulqulluun gara kee ni dhufa, humnniti Waaqa Ol Aana'aa'llee si irra ni ta'a, kanaaf daai'minni si irraa dhalatu'llee Qulqullu'u, Ilma Waaqaa ni jedhama.


Dubbiin'llee foon ni ta'e, kennaa bilisaatii fi dhuga'aan'llee guuttamee jidduu keenna ni jiraate, Ilmi Abbaa isaa tokkochi ulfinna inni Abbaa isaa biraa qabu ka fakkaatu, arginee jirra.


Yeroo sanitti Naatinaa'el, «Yaa Barsiisaa! Ati Ilma Waaqaati! Ati nugusa worra Israa'eeliiti!» jedhe.


eegaa ka Waaqinni Abbaan qulqulleessee fi gara biyya lafaa ka erge, ‹ani Ilma Waaqaati› waan jedhe, waayee maali'iitiif, Waaqa irraatti dubbii arrabaa dubbattee jirta jettaniin?


Ka isatti amanu marrinuu jireenna bara baraa akka qabaatuuf malee akka hin badinne Waaqinni biyya lafaa haalaan waan jaalateef, Ilma isaa tokko ni kenne.


Ka isatti amanu itti hin muritteeffamu, ka isatti hin amanne garuu tokko Ilma Waaqaa titti waan hin amaniniif, durumaanuu itti murtteeffamee jira.


Dhugaa isiniin jedha, namoonni du'an qooniqqa Ilma Waaqaa yeroon itti dhagaya ni dhufa, yeroon'llee ammuma, worri dhagayaniin marri'llee lubbu'uun ni jiraatan.


Dubarttoota nu dhageeffatan turan keessaa'llee takka, dhalattuu magaalaa Tiyaaxiroon ka taate, daldalttuu uffata diimaa, dubarttii Liidiyaa jedhamttu takka ni turtte, Isiin'llee dubarttii Waaqaaf sagaddu ni turtte, Gooftaan'llee onnee waan isii baneef, waan Phaawulos dubbatu ni dhageeffatti ture,


Yoo deemaan'llee gara bakka bishaan jiru ni gayan, yakkataman'llee, «Kunoo akka hin cuuphamnneef wonitti ana dhoogu maali'i?» jedhe. [


akkuma kana Gooftaan keenna Yesus Kristos hafuura qulqullummaa isaatiin du'aa ka'uu isaatiin Ilma Waaqaa ta'uun isaa, huminna ol aana'aan ni beekame.


Waaqinni Ilmi isaa tokkochaafuu uduu garaa hin laafin waayee keennaaf dabarssee eega kenne, attamitti Ilma isaa woliin waan maraa bilisaan nu'uuf hin kennine ree?


«Waan laala'aa jirttu kana kitaabatti bareessiitii gara woldayoota amanti'ii torbanii, jechu'uun'llee gara Efesoonii, gara gara Semrnees gara Phergamoon, gara Tiyaaxiroonii, Saardeesii, gara Filaadelfiya'aatii fi gara Loodooqiyaa ergi.»


Maleyikkaa woldaya Efesoniitiif akkana jedhii barreessi, «Kun urjjiiwwan torbban harka isaa ka mirgaa titti ka qabatee jiruu fi baattuuwwan worqqi'ii torbban jidduu ka dedeebi'u irraa ka dubbatame,


«Tiyaaxiroonii ka jirttan ergaa badaa kana worra hin fudhatin maraaf, akkuma kana tokko tokko, ‹dhossaa sheexanaa ka gad fago'ooti› ka jedhaniin, isin worra hin horddofinitti, fe'aa bira'aa isinitti hin fe'u,


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ