Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Mudhata Yohaannisii 2:1 - Waadaa Haarawa

1 Maleyikkaa woldaya Efesoniitiif akkana jedhii barreessi, «Kun urjjiiwwan torbban harka isaa ka mirgaa titti ka qabatee jiruu fi baattuuwwan worqqi'ii torbban jidduu ka dedeebi'u irraa ka dubbatame,

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

WAADAA LAMMATAA

1 Gara Maleekkaa Woldaa Kiristaanaa Efesooniin keessa jirtuutiif akkana jedhii barreessi. Ka urjoota torbaa harka mirgaatitti qabate ka baattuu worqi'ii torbaa jidduu deddeebi'u akkana jedha.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

1 Maleekkaa Woldaa Kiristaanaa Efesooniin keessa jirtuutiif akkana jedhii barreessi. «Ka urjiiwwan torbaa harka mirgaatitti qabate ka baattuu worqi'ii torbaa jidduu deddeebi'u akkana jedha.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Mudhata Yohaannisii 2:1
20 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

«Lama yookiin sadihi ta'anii bakka maqaa kiyyaan wolgeettanitti, ani jidduu isaanitti ni argama.»


Waan isin ajaje mara'llee akka raawwatan isaan barsiisaa! Kunoo, ani'llee haga muummee biyya lafaa titti, yeroo maraa isin woliin ni jira» isaaniin jedhe.


Yohaannis akka ifa bobayuu fi ifuu ni ture, isin'llee yeroo muraasaaf ifa isaatiin gammadu'uu ni barbaaddan.


Gara Efesoon yeroo gayanitti, Phrisqiilaa fi Aqiilaa achitti isaan ni dhiisan, inni garuu gara bakka wolgayii aseenee, worra Yihudotaa Kristosiitiif haasaya ni taasisa ture.


Garuu, «Fedhii Waaqaa yoo ta'e, yeroo biraa gara keessan deebi'ee, ni dhufa» isaaniin jedhee, Efesoonii doonii yaabbatee ni deeme.


Apholos Qorontoos yeroo turetti, Phaawulos biyya irraatiin dabrre gara Efesoonii ni gaye, achitti'llee amanttoota muraasa argateeti,


Manni Waaqeffannaa ka Waaqaa waaqolee harkaan hojjatamaniin woliin woliigalttee maal qaba? Waaqinni'llee, «Bakka jireenna kiyyaa ummata kiyya jidduu ni taasisa, isaan woliin'llee ni jiraadha, Ani Waaqa isaanii ni ta'a, isaan'llee ummata kiyya ni ta'an» jedhee akkuma dubbate, nu'u tokkoon tokkoon keenna Mana Waaqeffannaa Waaqa jiraata'aati.


Harka isaa ka mirgaa titti urjjiiwwan torbaa qabatee jira ture, gara lamaaniinuu qara ka qabu biloofnni afaan isaatii ni baya ture, fuulli isaa guutuun ifiinssi isaa akka aduu ifuu ni ture.


Harka kiyya ka mirgaa titti ka argite urjjiiwwan torbanii fi dhossaan baattuuwwan worqqi'ii torbanii kana, urjjiiwwan torbban maleyikkoota woldaya amaniti'ii torbaniiti, baattuuwwan torban'llee, woldaya amanti'ii torbban.»


Kanaan duubatti ol aana'aa fi malakanni dinqisiisaan sami'itti ni muldhate, aduu ta uffatte, ji'a miila isi'ii jalaan ta taasfatte, urjjiiwwan kudha lamaa akka gonfataa mataa isi'ii irratti ta godhatte, dubarttiin takka ni muldhatte.


Maleyikkaa woldaya Phergamooniitiif akkana jedhii barreessi, Kun bilaya gara lamaan qara qabu ka qabate ka dubbatame,


Maleyikkaa woldaya amantii Tiyaaxirooniitiif akkana jedhii barreessi, Kun arraba ibiddaa ija fakkaatan ka qabu irraa fi sibiila diimaa mukukula ibiddaatiin baqe miila fakkaatan ka qabu, Ilma Waaqaa irraa ka dubbatame.


Maleyikkaa woldaya Semrineestiif akkana jedhii barreessi, Kun ka jalqabaatii fi ka muumme'ee ka ta'e, du'ee'llee ka turee fi jiraataa ka ta'e irraa ka dubbatame,


Maleyikkaa woldaya amanti'ii ka Saardeesiitiif akkana jedhii barreessi, Kun Hafuuronni torbban Waaqaatii fi urjjiiwwan torbban ka qabate irraa ka dubbatame, hujii kee ni beeka, maqaa keetiin jiraata'a, garuu duutee jirta.


Maleyikkaa woldaya amantii Loodooqiya'aatiif akkana jedhii barreessi, Kun Ameenii ka ta'e, amanama'aa fi ragaa dhugaalessa ka ta'e irraa, uumama Waaqaa maraaf argama ka ta'e irraa ka himame,


Woldaya amantii Filaadelfiya'aatiif akkana jedhiitii barreessi, Kun Qulqullu'uu fi dhugaallessa ka ta'e, furttuu mana Daawiitii ka qabatee jiru irraa ka dubbatame, ka inni banu eennu'llee hin cufu, ka inni cufu'llee eennu'llee hin banu.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ