Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Mudhata Yohaannisii 18:2 - Waadaa Haarawa

2 Qoonqqa ol aana'aan'llee akkana jechu'uun ni iyye, «Baabilooniiin ol aanittuun Kuftte! Kuftte! Bakka jireenna jinniiwwan battiiwwanii ni taate, bakka bulttii hafuurota batti'ii'llee ni taate! Bakka bulttii hafuurota batti'ii'llee ni taate! Waan fuula guursisuu fi boqata sinbirrootaa jibbisiisan'llee ni taate!

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

WAADAA LAMMATAA

2 Laagaa gudda'aan, «Baabilooniin guddittiin kufte! kufte! hulee jinniin jiraatu taate, hulee ayyaanni baatti'ii marti itti irkatan ayyaanoonni hamaaniif ka simbirroonni jibbaman maruu itti irkatan taate.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

2 Laagaa gudda'aan, «Baabilooniin guddittiin kufte! kufte! hulee jinniin jiraatu taate; hulee ayyaanni batti'ii marti itti irkatan ayyaanoonni hamaanii fi ka simbirroonni jibbaman maruu itti irkatan taate.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Mudhata Yohaannisii 18:2
26 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Miilli isaa'llee akka sibiila diimaa mukukula ibidda keessatti diimatee ni fakkaatan ture, qooniqqi isaa'llee akka qoonqqa fincaayaa bishaan ol aana'aa ni ture.


Qoonqqa leencca aaduu ka fakkaatu qoonqqa ol aana'aan ni iyye, yeroo iyyetti'llee bakakkaawwan torbanuu qoonqqa isaanii ni dhageesisan.


Reeffi isaanii waamiinssa fakkeennumma'aatiin Sodoom yookiin Gibxi ka jedhamttu bakka yaa'ii magaalaa ol aanttu'utti ni irkifama, magaalattiin tun'llee ta Gooftaan isaanii itti fannifame.


maleyikkaan bira'aa Mana Waaqeffanna'aatii bayeeti, ka duumessa irra taa'een qoonqqa ol aana'aan, «Callaa ardi'ii gayee jira, yeroon haama'aa'llee dhiyaatee jira!»


Maleyikkaan bira'aa lamaffaan'llee, «Ka macheessu daadhii sagaagala isi'ii ka woyinni'ii ummata mara ka obaaftte, Baabilooniin ol aanttuun sun ni kuftte! kuftte!» jedha'aa, maleyikkicha jalqabaa ni horddofe.


Afaan xarichaatii fi afaan bineensichaatii, afaan nabiyyicha dharaatii'llee, raachota wonittoonni fakkaatan hafuuronni battiiwwan sadihiin, yoo bayan ni arge.


Magaalaan ol aanttuun'llee bakka sadihitti ni qoodamtte, magaalonni ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amannee'llee ni didiigaman, Waaqinni'llee Baabiloonii ol aanittuu taate ni yaadate, duloo dheekkamissaa cima'aa daadhii woyinnii itti guuttame'llee, akka dhugiddu'llee isii ni taasiseen.


«Dubarttiin argite'llee nugusota arddi'ii irratti ta mootomttu, magaalattii ol aanttu'u.»


Kallacha isi'ii irratti'llee, «Haadha sagaagalttootaatii fi haadha battiiwwan arddii maraa, Baabiloonii ol aanittuu» ka jedhu, maqaan dhossa'a itti barreeffamee jira ture.


Makkaraarnna isi'ii sodaachu'uun'llee fagoo dhaabatanii, «Ati magaalattiin ol aanittuu, ati magaalattiin cimttuu yaa Baabiloon! Murtiin kee sa'aatii tokko keessatti waan dhufeef si uunisha'a! Si uunisha'a!» ni jedhan.


Kanaan duubatti maleyikkaan cimaan tokko, dhagaa guddaa daakka'aa ka gayu dhagaa tokko fuudhee, gara garba ciisa'aa ni dabrre, «Magaalattiin ol aanttuun Baabiloon kana huminnaan dhiibamttee ni kuftti, ammaa achitti'llee gonkumaa deebitee hin argamittu,


maleyikkichi cimaan tokko qoonqqa ol aana'aan, «Chaaphaawwan hiiku'uu fi kitaaba maramaa koldho'oo banuun ka isaan malu eennu?» jedhee, yoo dubbatu ni arge.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ