Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Mudhata Yohaannisii 17:8 - Waadaa Haarawa

8 bineenissichi argitee duraan ni jira ture, amma hin jiru, maa'ii boolla gadi fago'ootii ni baya, gara badii isaa'llee ni deema, biyyiti lafaa yeroo uumamee jala qabee worra maqaan isaanii kitaaba jireennaa irratti hin barreeffamin jiraattonni arddi'ii, bineenissichi durssee ka ni jira ture, amma ka hin jirre, maa'ii ka dhufu ta'uu isaa yoo argan, ni maalalan.»

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

WAADAA LAMMATAA

8 Bineensi ati argite duri jira, amma ammoo hin jiru, ashuuteen keessaa bayu'uuf ta'a, gara badi'iillee hin deema, worri maqaan isaanii uumama adunya'aa irraa jalqabee Kitaaba jireennaatitti hin barreeffamne, worri lafa irra jiraatan akka bineensi jiru, ka amma hin jirre, deebi'ee akka dhufe haga argan hin maalalfatan.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

8 Bineensi ati argite dur jira, amma ammo hin jiru, ashuuteen keessaa bayu'uuf ta'a; gara badi'iillee hin deema; worri maqaan isaanii uumama adunya'aa irraa jalqabee Kitaaba jireennaatitti hin barreeffamne, worri lafa irra jiraatan akka bineensi jiru, ka amma hin jirre, deebi'ee akka dhufe haga argan hin maalalfatan.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Mudhata Yohaannisii 17:8
28 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Yeroo sanitti nugusichi gara mirga isaatiin worra jiraniin akkana ni jedha, isin Abbaan kiyya ka isin eebbise! Kootaa! biyyi lafaa yeroo uumamee jala qabee mootummaa isiniif qophaaye dhaalaa!


Garuu maqaan keessan galmmee sami'ii titti waan barreeffameef gammadaa malee, hafuuronni waan isiniif ajajamaniif, hin gammadinaa.»


Bakkumatti hafuuronni'llee, «Yabo'oo gara qilee gad fago'oo titti nu hin ergin!» jechu'uun, ni kadhataniin.


«Yaa Abbaa! Biyyi lafaa uduu hin uumamiin waan ana jaalateef, ulfinna kiyya ka anaaf kennite akka arganiif, isaan kunniin ati naa kennite'llee bakka ani jiru, anaan woliin akka jiraataniif ni jaaladha.


Duri irraa jalqabee kana maraa ka beekisise› ani Waaqinni akkana ni jedha.»


Qulqullaawotaa fi ka ashaan nutti hin jirre taanee isa duranatti akka arigaminnuuf, biyyiti lafaa uduu hin uumamin Kristosiin nu ni filate.


Amantiin kun'llee abddii dubbii jireenna bara baraa irratti ka hunddaaye, Waaqinni hin sobinne jireenna kana kennu'uuf barootaan duranatti, waadaa nuuf ni aseene.


Inni ka beekkame biyyi lafaa uduu hin uumaminniin duranatti yoo ta'u, amma bara muumme'ee titti waayee keessaniif mulidhatee jira.


Ragummaa isaanii eega xumuraniin duubatti bineenssi boolla gad fago'oo keessaa bayu, isaaniin woliin wol woraanee isaan ni injifata, isaan'llee ni ajjeesa.


Nugufnni saddeetaffaa ka duraan turee fi bineenssa amma hin jirre, inni'llee torbban keessaa tokko, gara badi'ii'llee ni deema.»


nugusonni arddi'ii'llee isii woliin sagaagalanii jiran, jiraattonni arddi'ii'llee daadhii woyinni'ii ka sagaagalummaa isi'iitiin machaayanii jiran.»


Ka isaan dogoggorssiise daabiloos, bineenissichii fi nabiyyichi dharaa gara jiran, dinni'iin ka gubatu ibidda garba ciisa'aa keessatti ni gataman, achitti'llee halkanii fi guyya baraa haga baraa titti, ni makkaraaran.


Maandhotaa fi du'oota hangaffan'llee teessoo isaa durana dhaabatanii isaan ni arge, kitaabban'llee ni banaman, kitaaba jireennaa ka ta'e kitaabnni biraa'llee ni baname, du'oon'llee akkaataa hujii isaanii ka kitaabban keessatti barreeffamee argameetiin murtii ni fudhatan,


Ka maqaan isaa kitaaba jireennaa irratti barreeffamee hin argamin marrinuu, gara garba ibiddaa titti ni gatame.


Obissa ka qabddu ta'i dubbii kiyya ka ani siin jedhe waan eegiddeef ani'llee biyya lafaa irra worra jiraattan qormmaatu'uuf arddii mara irratti saa'aatii rakkinni dhufu irraa si ni eega.


Injifatee ka moo'u akkuma isaanii uffata adii ni uffata, maqaa isaanii'llee Abbaa kiyyaa fi maleyikkoota isaa duranatti ni beekisisaaf, maqaan worra jiraattotaa itti galmeeffamu kitaaba jireennaa irraa isa hin dhabamsiisuun.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ