Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Mudhata Yohaannisii 17:2 - Waadaa Haarawa

2 nugusonni arddi'ii'llee isii woliin sagaagalanii jiran, jiraattonni arddi'ii'llee daadhii woyinni'ii ka sagaagalummaa isi'iitiin machaayanii jiran.»

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

WAADAA LAMMATAA

2 Mootonni biyya lafaa isii woliin seebaran, worri lafa irra jiraatan daadhii woyini'ii seebara isi'iitiin machaayan» jedhee natti dubbate.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

2 Mootonni biyya lafaa isii woliin seebaran, worri lafa irra jiraatan daadhii woyini'ii seebara isi'iitiin machaayan» jedhee natti dubbate.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Mudhata Yohaannisii 17:2
14 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

«Naminni marrinuu durssee ka dhiyeessu daadhii woyinni'ii mishaa ta'e, afeeramitoonni eega dhuganiin duubatti daadhii laafaa ta'e ni dhiyeessa, ati garuu daadhii woyinni'ii mishaa ta'e haga ammaa ni tursiiftte» jedheen.


Maleyikkaan bira'aa lamaffaan'llee, «Ka macheessu daadhii sagaagala isi'ii ka woyinni'ii ummata mara ka obaaftte, Baabilooniin ol aanttuun sun ni kuftte! kuftte!» jedha'aa, maleyikkicha jalqabaa ni horddofe.


Nugusonni kurnnan kunniin'llee yaada tokko ni qaban, isaan huminna isaaniitii fi aangoo isaanii'llee bineenssichaaf ni kennaan,


Karoora isaa akka raawwataniif yaada kana onnee isaanii keessa ka kaaye Waaqa, kanaaf dubbiin Waaqaa haga raawwatamutti isaan yaada tokkotti wolii ni galan, aangoo nugusa ta'uu isaanii'llee bineenssichaaf ni kennan.»


Kallacha isi'ii irratti'llee, «Haadha sagaagalttootaatii fi haadha battiiwwan arddii maraa, Baabiloonii ol aanittuu» ka jedhu, maqaan dhossa'a itti barreeffamee jira ture.


bineenissichi argitee duraan ni jira ture, amma hin jiru, maa'ii boolla gadi fago'ootii ni baya, gara badii isaa'llee ni deema, biyyiti lafaa yeroo uumamee jala qabee worra maqaan isaanii kitaaba jireennaa irratti hin barreeffamin jiraattonni arddi'ii, bineenissichi durssee ka ni jira ture, amma ka hin jirre, maa'ii ka dhufu ta'uu isaa yoo argan, ni maalalan.»


Ibisaan ifaa ammaa achitti si keessatti hin ibisu, qooniqqi ka fuudhuutii fi qooniqqi idaayyitti'ii'llee ammaa achitti si keessatti hin dhagayamu, daldalittoonni tee namoota ol aanttota arddi'ii ni turan, asimmaa keetiitiin ummata kee mara dogoggorssiiftee jirta.»


Ka batteessu daadhii woyinni'ii ka sagaagalititti'ii ummata maraa obaafttee jirtti, nugusonni arddi'ii isii woliin sagaagalanii jiran, daldalittoonni arddi'ii'llee qananii isi'ii baayi'ee irraa ka ka'een, dureessota ta'anii jira.»


Isii woliin worri sagaagalanii fi titti toliinssaan ka jiraatan nugusonni ardi'ii, isiin yoo gubattu aara bayu yoo argan waayee isi'iitiif iyya'aa ni booyan,


Kanaaf siree sarddamaa irratti isii ni gata, hujii hamaa isii woliin hojjatan irraa dhiifamaan gara Waaqaa yoo deebi'an malee, worri isi'iin woliin sagaagalan mara irrattuu, rakkinna cimaa ni fida.


Obissa ka qabddu ta'i dubbii kiyya ka ani siin jedhe waan eegiddeef ani'llee biyya lafaa irra worra jiraattan qormmaatu'uuf arddii mara irratti saa'aatii rakkinni dhufu irraa si ni eega.


Akkuma kana lubbuu ajjeefttummaa isaanii, falfaalaa isaanii, sagaagalttummaa isaaniitii fi hattummaa isaanii irraa gara Waaqaa titti hin deebine.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ