Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Mudhata Yohaannisii 15:4 - Waadaa Haarawa

4 Yaa Gooftaa, si'i ka hin sodaannee fi maqaa kee'llee ka hin kabajine eennu? ati qoftti Qulqullu'u, murtiin kee ka dhuga'aa waan muldhateef, ummatoonni marrinuu dhufanii, si duranatti ni sagadan.»

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

4 Gooftaa! ka si hin sodaanne; ka maqaa kee hin kabajjine eennu? waan ati callaan woyyuu taateef hujiin kee qajeellumma'aan waan mudhateef, worri Yihuudii hin taane maruu dhufanii, afoo keetitti sagadan» jedha'aa faaruu garbicha Rabbii ka Muuse'eetii fi faaruu hoolaa Rabbiitii faarfatan.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Mudhata Yohaannisii 15:4
44 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Kristos tajaajilaa Yihudotaa ka itti ta'e sababinni bira'aa'llee, ummanni Waaqa dhuga'aa titti hin amanne Waaqa waayee dhiifama isaatiif akka isa galateeffataniif, kun'llee, «Kanaaf ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanne jiddu'utti si ni galateeffadha, maqaa keetiif'llee faarfanna'aan galata ni dhiyeessa» jedhamee, akkuma barreeffame.


«Ani Qulqulluu waan ta'eef, isin'llee Qulqulluuwwan ta'aa» jedhamee, barreeffamee jira.


Maleyikkaan torbaffaa'llee xurumbbaa isaa ka laali'ii ni afuufe, sami'itti'llee, «Mootummaan biyya lafaa ka Masihicha Waaqa Gooftaa keennaa taatee jirtti, inni baraa haga baraa titti ni mootoma» ka jedhan qooniqqi ol aanttonni ni dhagayaman.


Qoonqqa ol aana'aan'llee, «Waaqa sodaadhaa! kabaja'aan'llee! yeroon murtii isaa gayee jira, sami'ii fi arddii, garba ciisa'aa fi burqqaawwan bishaanii Waaqa uumeef sagadaa!» ni jedhe.


bishaan irratti maleyikkaan aangoo qabu'llee akkana yoo jedhu ni dhagaye, «Ka jirttuu fi ka turtte yaa Gooftaa Qulqulluu! Akkana waan murtteessiteef ati sirri'i,


Furdda isaa titti'llee, «Ee! Maraa ka dandeettu yaa Waaqa Gooftaa! Murtiiwwan kee dhaga'aa fi sirri'i» qoonqqa jedhu, ni dhagaye.


Murtiin isaa dhuga'aa fi sirri'i, arddii sagaagaluttummaa isi'iitiin ta batteessite sagaagaltittii ol aanttuu murti'iin adabeenii jira, isii adabu'uun'llee dhiiginni tajaajilttoota isaa haloo bayee jira.»


Uffata calaqisu qulqulluu fi bareedaa ka ta'e akka uffattuuf ni kennameef, uffanni haphiin hujii Qulqullu'uu ka qulqullaayomaat.»


Woldaya amantii Filaadelfiya'aatiif akkana jedhiitii barreessi, Kun Qulqullu'uu fi dhugaallessa ka ta'e, furttuu mana Daawiitii ka qabatee jiru irraa ka dubbatame, ka inni banu eennu'llee hin cufu, ka inni cufu'llee eennu'llee hin banu.


Bineensonni arffanuu tokkoon tokkoon isaanii koola jaha ni qaban turan, naannoo isaaniitii fi keessa isaanii titti'llee, ijoonni itti guutanii jiran, halkanii fi guyyaa, «Qulqulluu, Qulqulluu, Qulqulluu, Waaqa Gooftaa mara danda'u, ka ture, ka jiruu fi ka dhufu'llee, jechuu addaan hin kutan turan.»


Isaan'llee qoonqqa ol aana'aan, «Qulqullu'uu fi dhugaalessa, yaa Waaqa jiraataa, namoota arddii irra jiran irratti ka hin murtteesine fi waayee dhiiga keennaatiif'llee haloo ka hin baanne, haga yoomii titti!» jedha'aa ni iyye.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ