Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Mudhata Yohaannisii 15:2 - Waadaa Haarawa

2 Kanaan duubatti ibiddi ka itti makame garba ciisaa daawi'te'ee waan fakkaatu ni arge, akkuma kana bineenssichaa fi suuraan bineensichaa'llee, laakkofssa malikata maqaa isaa'llee worra injifatanii moo'ataniin ni arge, kiraara Waaqinni isaaniif kenne'llee qabatanii, garba ciisaa daawi'te'ee bira dhaabatanii jiran turan.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

WAADAA LAMMATAA

2 Garba bilille'ee ka ibiddaan makame fakkaatu arge. Bineensaa fi fakii isaa laakkoofsa maqaa isaallee worri mooyatan meeshaa Rabbii kaddaamama'aa qabatanii hennaa galaana bilille'ee irra dhaabatan arge.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

2 Garba bilille'ee ka ibiddaan makame fakkaatu arge. Bineensaa fi fakii isaa laakkobsa maqaa isaallee worri mooyatan meeshaa Rabbii waaqeffata'aa qabatanii hennaa galaana bilille'ee irra dhaabatan arge.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Mudhata Yohaannisii 15:2
14 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Kunoo, ani gara Waaqaa titti akka deebitaniif bishaaniin isin ni cuupha, ka ana duubaan dhufu garuu Hafuura Qulqullu'uu fi ibiddaan isin ni cuupha, inni ana haalaan ni caala, ani kophee miila isaatuu baadhachu'uuf ka malee miti.


Qormmaanni kun ka isin irra gayu dhugummaa amantii keessan mirkaneessu'uuf, Woriqqimmaan baduu ibiddaan ni qormaatama, woriqqii caalaa ka kabajamu amanitiin keessanuu akkuma kana qormaatamu ni qaba, amanitiin keessan ka qormaatame kun'llee Yesus Kristos yeroo itti mulidhatutti galata, ulfinnaa fi faarfannaa isiniif ni arigamisiisa.


Yaa waaheloota! Rakkinna akka ibiddaa titti nu qormmaatu keessatti yoo argamittan wonitti keessummaan hin baratamin akka waan isin qunnamee taasfttanii hin dinqisiifatinaa,


isaan diiga Hoolichaatii fi jecha ragumma'aa ka dubbataniin isa injifataniinii jiran, lubbuu isaaniitiif'llee uduu hin sodaatiin mataa isaanii du'aaf dabarsanii kennanii jiran,


Kanaan duubatti bineenssi tokko garba ciisaa keessaa yoo bayu ni arge, gaaffan kudhanii fi mataawwan torbaa ni qaba ture, gaaffan isaa irra'llee gonfatawwan kudhanii ni jiran ture, mataawwan isaa irra'llee maqaan arrabaa ni jira ture.


Bineenssa jalqaba duranatti akka taasfamu sababaa baasota eeyyamameetiin, namoota arddii irra jiraatan ni dogoggorssa ture, bilayaan madaayee ka fayye ulfinna bineensichaatiif suuraa akka isaa hojjatuuf'llee, namoota arddii irra jiraatan ni ajaja.


Bifa kanaan malkanni maqaa bineenssichaa muldhisu yookiin ka laakkofssa maqaa isaa hin qabnne naminni kum'llee, bitu'uuf ta'ee gurguru'uuf'llee hin danda'u.


Kaabaan dhaga'aa'llee ka hojjatame Yaasphisiin irraa ture, magaalattiin'llee akka daawi'ite'ee ka qulqullaawome, worqqii Qulqullu'uun ka ijaaramtte turtte,


Teessoo isaa durana qulqulluu ka ta'ee fi ka garbi ciisaan daawi'ite'ee ka calaqisu ni jira ture, jiddu'uu fi naannaya teesso'oo duraaf gara duubaatiin ija baayi'ee ka qaban bineensonni, afurii ni jiran turan.


kitaaba kaldho'oo maramaa yeroo fudhatetti, bineensonni arffanii fi jaarsotiin diddamii arffanuu Hoolicha duranatti kallacha isaaniitiin ni gonbbifaman, tokkoon tokkoon isaanii'llee kiraara guddaa qabatanii jiran turan, akkuma kana kadhannaa Qulqullu'uu ka ta'e, ixaanni ka itti guuttamee jiru gilgilii worqqi'ii qabatanii jiran turan.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ