Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Mudhata Yohaannisii 14:4 - Waadaa Haarawa

4 Isaan worra hin fuudhin waan ta'aniif dubarttootaan woliin wol qunnamittii raawwachu'uun hin battoofnne, gara hoolchi deemu maraa isa ni horddofaniin. Isaan Waaqaa fi Hoolichaa namoota jiddu'uu akka ka jalqabaa titti ka dhiyaatan.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

WAADAA LAMMATAA

4 Worri kun qulqullumma'aan uf eeganiiran. Worra dubartii bira dhaqanii uf batteessanii miti; isaan kunniin qeerro'o. Worri gara hoolaan Rabbii deemu faanaa deeman kanniin fa'a. Rabbii fi hoolaa Rabbiitii akka hangafa isaanii ta'an namoota keessaa worri fayyan kanniin fa'a.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

4 Worri kun qulqullumma'aan uf eeganiiran. Worra dubartii bira dhaqanii uf batteessanii miti; isaan kunniin qeerro'o. Worri gara hoolaan Rabbii deemu faanaa deeman kanniin fa'a. Rabbii fi hoolaa Rabbiitii akka hangafa isaanii ta'an namoota keessaa worri fayyan kanniin fa'a.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Mudhata Yohaannisii 14:4
32 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Yakkatamoota ta'anii ka dhalatan ni jiran, worri naminni irraa yakkate'llee ni jira, Mootummaa Sami'iitiif jedhanii worri mataa isaanii akka yakkatama'aa taasisan'llee ni jiran, kanaaf kana fudhachu'uuf ka barbaadu, haa fudhatu.»


Itti aanissee'llee Yesus akkana ni jedhe, «Yeroo sanitti Mootummaan Sami'ii ibisaa isaanii qabatanii ka fuudhu simachu'uuf ka bayan, shamarran shanan ni fakkaatti.


Kanaan duubatti barsiisaan seeraa tokko, gara Yesusii dhufee, «Yaa barsiisaa, gara ati deemittu mara si haa horddofuu!» jedheen.


Hoolonni tiyya qooniqqa kiyya ni dhagayan, ani'llee isaan ni beeka, isaan'llee ana ni horddofan.


Ana tajaajilu'uuf ka barbaadu ana haa horddofu, bakka ani jirutti tajaajilaan kiyya'llee achi ni ta'a, ka ana tajaajilu'llee Waaqinni Abbaan ni kabajaan.»


Phexiros'llee, «Yaa Gooftaa! Waayee maali'iitiif amma si horddofu'uuf hin danddeenne? Ani lubbuma kiyya yoo taate'llee waayee keetiif, dabarssee ni kenna!» jedheen.


Deebi'ee'llee Yesus, «Ani ifa biyya lafaati, ka ana horddofu marrinuu ifa jireennaa ni argata, dukkanaan'llee hin dedeebi'u» jechu'uun, isaanitti ni dubbate.


Hafuurri Qulqulluun isin ephis qophoosota taasisee isin muudee jira, eegaa mataa keessan fi gobbu'uuf'llee ufi eeggadhaa, woldaya amanti'ii ta Waaqinni dhiiga ilma isaatiin fayyiseen eegaa.


Yaa obboleeyyan! Maatii Isxifaanosii biyya Akaayiya'aa titti amanttoota jalqabaa akka ta'anii fi amanttoota tajaajilu'uuf mataa isaanii dabarsanii akka kennan ni beekittan.


Inni gati'iin isin bitee jira, kanaaf qaama keessaniin Waaqa kabajaa.


Garuu ati haadha worraa yoo fuute cubbuu sitti ta'a jechu'uu miti, akkuma kana durbbi duudaan takka abbaa worraa titti yoo heerumtte, cubbuu isi'itti ta'a jechu'uu miti. Haa ta'u malee namoonni fuudhan biyya lafaa kanatti rakkinni jireenni baayi'een isaan ni qunnama, hawwiin kiyya'llee rakkinna kana jalaa akka baataniif.


Akka durbba duudaa qulqullittiin takka durbummaa isi'iitiin abbaa worra tokkoof qaadhimamittuu titti, ani'llee isin Kirstosiif waan isin qaadhimeef, waayee keessaniif hinaaffaa hafuuraa ni hinaafa.


Hafuurri kun galata ulfinna isaatiif akka ta'u Waaqinni ka isaa worra ta'an mara haga fayyisutti, argachu'uuf ka jirru qabiyyee keennaaf qabddi'i.


Bifa kanaan huubinni yookiin wolitti guuramuu fuulaatiin yookiin kana ka fakkaatu waan badaa bira'aa uduu isii irratti hin argamin, Qulqullittii, ta mudaa hin qabnnee fi bareedduu taasisee, gara mataa isaa ni dhiyeessaan.


Namoonni akkanaa jiran kunniin fuudha ni dhoogan, ka amananii fi namoonni dhugaa beekan'llee isa galateeffata'aa akka soorataniif nyaata Waaqinni isaaniif uume, «Hin nyaatnaa» jedha'aa ni dhoogan.


Gara worra maqaan isaanii sami'itti barreeffame jiruu, ijoollee woldayaa ka hangafan gara worra ta'anii gara wolgayii amanttootaa, gara Waaqa muritteessaa maraa ta'ee fi gara worra qulqullaawota muda maleeyyummaa argatanii gara lubbuu Qulqullu'uu dhiyaattanii jirttan.


Waaqinni jalqaba uumama isaa maraa akka taanuuf fedhii mataa isaatiin, dubbii dhugaatiin nu ni uumate.


Isin garuu dukkana keessaa gara ifa maalalchiisuu titt ka isin waame, hujii maalalchiisaa Waaqaa akka labissitaniif dhaloota filatame, qeesota nugusaa, Waaqinni mataa isaatiif ka isin taasise, ummata Qulqullu'u.


Isaan Hoolcha irratti woraanni ni banan, garuu Hoolchi Gooftaa Gooftotaatii fi nugusa nugusotaa waan ta'eef injifatee isaan ni moo'a, isaan woliin ka jiran, ka waamaman, ka filatamanii fi ka amanamaan.»


Maraa ka danda'u Waaqinni Gooftaanii fi Hoolchi'llee Mana Waaqeffannaa isi'ii waan ta'aniif, magaalattii keessatti Mana Waaqeffanna'aa hin argine,


ulfinni Waaqaa waan isi'ii ibisuu fi Hoolchi ifa isi'ii waan ta'eef, magaalattiin aduu yookiin jiin akka isi'ii ibisuuf isii hin barbaachifnne.


Garuu uffata isaanii ka hin batteessin Sardees keessa namoonni muraafnni si'iin woliin ni jiran, isaan uffata adii uffachuun ka isaaniin malu waan ta'aniif, uffata adii uffatanii anaan woliin ni deeman.


Faarfannaa haarawa'llee akkana jedhu'uun ni faarssan, «Dhiiga keetiin gosa maraa fi afaan mara irraa, gosaa isaanii mara irraa fi ummata mara keessaa, namoota Waaqaaf bitu'uuf, ati waan qalamitteef, kitaaba kaldho'oo maramaa fudhachu'uu fi chaaphaawwan'llee banu'uuf, ka siin male taatee jirta.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ