Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Mudhata Yohaannisii 14:3 - Waadaa Haarawa

3 Teessichaa fi bineensota arffan, jaarsotii duranatti namoonni kuma dhibba fi afurtamii afurii faaruu haarawa ni faarsan, arddii irraa ka fayyan namoota kuma afurtamii afurii malee eennu'llee barachuuf hin dandeenne.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

WAADAA LAMMATAA

3 Teessoo afo'otti busaayota arfanii fi afoo manguddootaatitti faaruu haarawa faarfatan. Worra lafa irratti fayyan keessaa kuma dhibba tokkoo fi kuma afurtamii afurii malee faaruu san baratuun eennufillee hin danda'amne.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

3 Teessoo afo'otti busaayota arfanii fi afoo manguddootaatitti faaruu haarawa faarfatan. Worra lafa irratti fayyan keessaa kuma dhibba tokkoo fi kuma afurtamii afurii malee faaruu san baratuun eennuufillee hin danda'amne.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Mudhata Yohaannisii 14:3
17 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Dubbiin fanno'oo namoota badaniif akka gowwumma'aa titti ni laakkayama, worra fayyinu nuu'uuf garuu huminna Waaqaati.


Hafuura Waaqaa ka hin qabnne nama foonii garuu kennaa Hafuura Waaqaa irraa ka kennamu fudhachu'uuf hin danda'u, ol aanaa ta'uun kenna'aa'llee ka qoratamu karaa Hafuura Waaqaatiin waan ta'eef, hubachu'uniif hin danda'u, gonkumaa kun isaaf gowummaa ta'ee itti ni muldhata.


Kanaan duubatti kunoo Hoolichi Gaara Xiyoonii irra dhaabatee ni arge, isaan woliin maqaan isaatii fi maqaan Abbaa isaa kallacha isaanii irratti worri itti barreeffame, namoonni kuma dhibba tokkoo fi afurtamii afurii ni turan.


Tajaajilaa Waaqaa faarffannaa Muse'eetii fi faarffannaa Hoolchaa akkana jedha'aa ni faarsan ture, «Maraa ka danddeettu yaa Waaqa Gooftaa! hujiin kee ol aana'aa fi maalalchiisa'a, yaa nugusa ummatootaa! karaan kee sirri'ii fi dhuga'a.


«Hafuurri woldayoota amanti'iitiin waan jedhu, ka gurra qabu haa dhagayu! Injifatee ka moo'uuf mannaa dhoffame irraa'llee ni kennaaf, maqaan haarofinni ka irratti barreeffame dhagaa adii'llee ni kennaaf, ka fudhatu malee kana ka bira'aa eennu'llee hin beekuun.»


Faarfannaa haarawa'llee akkana jedhu'uun ni faarssan, «Dhiiga keetiin gosa maraa fi afaan mara irraa, gosaa isaanii mara irraa fi ummata mara keessaa, namoota Waaqaaf bitu'uuf, ati waan qalamitteef, kitaaba kaldho'oo maramaa fudhachu'uu fi chaaphaawwan'llee banu'uuf, ka siin male taatee jirta.


Laakkofssa namoota chaapheffamanii'llee ni dhagaye, gosoota Israa'eelii mara keessaa laakkofssi namoota chaapheffamanii, kuma dhibbaa fi afurtamaa ni ture.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ