Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Mudhata Yohaannisii 14:2 - Waadaa Haarawa

2 Sami'ii'llee qooniqqa fincaayaa bishaan ol aanaa fi qoonqqa hangaasuu ol aana'aa fakkaatu ni dhagaye, qooniqqi dhagaye'llee kiraara sirreesttoonni haala qoonqqa kiraara itti sirreessanii qoonqqa dhagayan ka fakkaatu ture.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

WAADAA LAMMATAA

2 Laagaa akka bisaan gudda'aa akka gigissaa gudda'aa sami'ii dhagaye. Laagaa akka worra dibbee dhayuu dhagaye.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

2 Laagaa akka bisaan gudda'aa akka gigissaa gudda'aa sami'ii dhagaye. Laagaa akka worra dibbee dhayuu dhagaye.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Mudhata Yohaannisii 14:2
29 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Afaan namootaatiin ta'ee afaan maleyikkootaatiin dubbachu'uuf danddeettii uduma qabaadhe'llee, jaalala qabaachuu yoo dhabaadhe akka sibiila diimaa iyyuu yookiin akka kabalaa shakkisuu, ta'uu kiyya.


guyyaa Goofta'aa titti fudhatama Hafuura keessa uduu jiru, qoonqqa xurunbbaa ilaali'ii ka fakkaatu qoonqqa ol aanaa akkana yoo jedhu ni dhagaye,


Miilli isaa'llee akka sibiila diimaa mukukula ibidda keessatti diimatee ni fakkaatan ture, qooniqqi isaa'llee akka qoonqqa fincaayaa bishaan ol aana'aa ni ture.


Kanaan duubatti nabiyyoonni lamaan, «Garana gara olii ni bayaa!» qoonqqa jedhu ol aanaa sami'ii ni dhagayan, uduma diinonni isaanii isaan laalan'llee, duumessa keessa gara sami'ii ol ni bayan.


Maleyikkaan torbaffaa'llee xurumbbaa isaa ka laali'ii ni afuufe, sami'itti'llee, «Mootummaan biyya lafaa ka Masihicha Waaqa Gooftaa keennaa taatee jirtti, inni baraa haga baraa titti ni mootoma» ka jedhan qooniqqi ol aanttonni ni dhagayaman.


Kanaan duubatti ibiddi ka itti makame garba ciisaa daawi'te'ee waan fakkaatu ni arge, akkuma kana bineenssichaa fi suuraan bineensichaa'llee, laakkofssa malikata maqaa isaa'llee worra injifatanii moo'ataniin ni arge, kiraara Waaqinni isaaniif kenne'llee qabatanii, garba ciisaa daawi'te'ee bira dhaabatanii jiran turan.


Qooniqqi worra kiraara sirreessaniitii fi qooniqqi worra sirbitootaa, qooniqqi worra ulullee afuufittotaatii fi qooniqqi worra xurunbbaa laali'ii afuufittotaa, deebi'ee si keessatti hin dhagayamu, ogummaa hujii harkaa ka bifa kamiituu naminni ogeessi hojjatu ammaa achitti si keessatti hin argamu, qooniqqiti dhagaa daakka'aa'llee ammaa achitti si keessatti hin dhagayamu.


kitaaba kaldho'oo maramaa yeroo fudhatetti, bineensonni arffanii fi jaarsotiin diddamii arffanuu Hoolicha duranatti kallacha isaaniitiin ni gonbbifaman, tokkoon tokkoon isaanii'llee kiraara guddaa qabatanii jiran turan, akkuma kana kadhannaa Qulqullu'uu ka ta'e, ixaanni ka itti guuttamee jiru gilgilii worqqi'ii qabatanii jiran turan.


Kanaan duubatti Hoolchi chaaphaawwan torbban keessaa ka jalqabaa yoo banu ni arge. Bineensota arfan keessaa'llee tokkochi qoonqqa akka hangaasu'uu qoonqqa gigissuun, «Koottu!» yoo jedhu, ni dhagaye.


Maleyikkaan jalqabaa xurunbbaa isaanii ka laali'ii ni afuufe, barada'aa fi dhiiginni ka itti wolitti makame ibidda ni ta'e, gara arddi'ii titti'llee ni gatame, harka sadihi keessa harki tokkoon arddi'ii ni gubate, mukkiin keessaa'llee harka sadihi keessaa harki tokko ni gubate, margi lalise marri'llee ni gubate.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ