Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Mudhata Yohaannisii 13:6 - Waadaa Haarawa

6 Waaqaa fi maqaa Waaqaa, mana jireenna isaatii fi sami'itti bakka inni jiraatu'llee arrabssuu, jala ni qabe.»

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

WAADAA LAMMATAA

6 Rabbiinillee arrabsu'uuf maqaa isaatiif hulee bultii isaa ta sami'ii worra bulullee arrabsu'uuf afaan banate.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

6 Rabbiinillee arrabsu'uuf maqaa isaatii fi hulee bultii isaa ta sami'ii worra bulullee arrabsu'uuf afaan banate.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Mudhata Yohaannisii 13:6
26 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Isin yaa ilmaan bofaa! hamaaleyyiiwwan yoo taatan, waan mishaa dubbachu'uuf attamitti dandeettan ree? Naminni afaan isaatiin dubbatu, onnee isaa guutee waan hafe.»


Hamaa yaaduu, nama ajjeesuu, sagaagaluu, gocha sagaagalaa raawwachuu, hatuu, dharaan ragaa bayuu, maqaa namaa balleessuu, kun marrinuu onnee namaa keessa ni baya.


Dubbiin'llee foon ni ta'e, kennaa bilisaatii fi dhuga'aan'llee guuttamee jidduu keenna ni jiraate, Ilmi Abbaa isaa tokkochi ulfinna inni Abbaa isaa biraa qabu ka fakkaatu, arginee jirra.


Nama ka miidhu dubbii badaa dubbachu'uuf, afaan isaanii akka awwaalaa titti ka baname, haasofnni afaan isaanii'llee akka summii bofaa titti, ka miidhu,


Kun'llee ka ta'e guutummaan Waaqummaa isaa Ilma isaatiin akka jiraatuuf, fedhii Waaqa Abba'aa waan ta'eef.


Guutummaan Waaqumma'aa ka dhuga'aa muldhatee ka jiraatu, Kristosiin.


dukkaaniin kutaawwan lama qabddu qophoofttee jirtti ture. Baattuun ibisa'aatii fi minjaalli, hibsttiin ciincca'aa'llee keessa jira ka ture kutaan jalqabaa, «Qulqullittii» ni jedhamtti ture.


Kristos fakkeenna «Mana Waaqeffannaa dhuga'aa» gara ta taateetii fi gara fakkeenna ta harka namaa titti hin hojjataminii gara Qulqullittii Qulqullu'uu hin aseenne, inni amma waayee keennaaf Waaqa duranatti muldhachu'uuf gara sami'ii ni aseene.


Kanaan duubatti nabiyyoonni lamaan, «Garana gara olii ni bayaa!» qoonqqa jedhu ol aanaa sami'ii ni dhagayan, uduma diinonni isaanii isaan laalan'llee, duumessa keessa gara sami'ii ol ni bayan.


kanaaf samiiwwanii fi ka isaan keessa jiraatan marrinuu gammadaa! Yeroon muraafnni qoftti akka isa hafe waan beekeef daabiloos dallanissuu ol aana'aan gara keessan bu'ee jiraatii, arddi'ii fi garbi ciisaan isinii uunsha'a!»


Kanaan duubatti ni laale, kunoo, ragummaa ka ta'e dukkaanni Manni Waaqeffanna'aa, sami'itti ni baname,


Yaa samii! Isi'iin gammadi! Waaqinni waayee keessaniif isii irratti waan murtteesseef, isin Qulqulloonni fi ergamittoonni, nabiyyoonni'llee, gammadaa!


Akkana ka jedhu qooniqqi ol aanaan teesso'oo isaatii yoo bayu ni dhagaye, «Kunoo, bakki bulttii Waaqaa namootaan woliin, isaan woliin'llee ni jiraata, isaanii'llee ummata isaa ni ta'an. Waaqinni mataan isaatuu isaan woliin ni ta'a, Waaqa isaanii'llee ni ta'a.


Kanaan duubatti ni laale, kuunoo sami'itti balbala banametu jira ture, Jalqaba dhagayee ka ture qooniqqi akka qoonqqa xurunbbaa laali'ii jiru akkana ni jedhe, «Koottuu garana bayi, ufidurana ta'uuf wonittoota qaban sitti ni mulidhisa»


akkuma kana naannaya teesso'oo'llee teessoowwan diddamii afurii ni jiran turan, teessoowwan irra'llee uffata adii ka uffatanii fi mataa isaanii irratti'llee gonfata worqqi'ii ka godhatan, jaarsotiin didamii afurii ta'anii jiran turan.


Sami'ii fi ardi'itti, ardi'ii gadii fi garba ciisaa keessa isaanii titti uumaminni marri'llee, «Ka teessoo irra taa'ee fi Hoolichaaf'llee, galata, ol aanttummaa, ulfinnii fi huminni'llee, baraa haga baraa titti haa ta'u!» yoo jedhan, ni dhagaye.


Kanaaf teessoo Waaqaa durana ta'anii halkanii fi guyyaa, Mana Waaqeffanna'aa titti isa ni tajaalilaniin, ka teessoo irra taa'e'llee gaadisa isaanii ni ta'a.


Kanaan duubatti ni laale, namoota haalaan baayi'e'ee ni arge, isaan'llee ummataa fi gosa maraa, worraa fi afaan adda addaa ka dubbatan irraa kan wolitti bayan ni turan, isaan kun uffata adii uffatanii, baala muka meexxi'ii harka isaanii titti qabatanii, teessoo isaatii fi Hoolicha durana dhaabatanii jiran ni ture,


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ