Mudhata Yohaannisii 13:2 - Waadaa Haarawa2 Bineenssi arge'llee qeerranssa ni fakkaata ture, miilli isaa miila goljja'aa, afaan isaa'llee afaan leeniccaa ni fakkaata ture. Xaraan huminna fi teessoo aangoo guddaa'llee, bineesichaaf ni kenne. အခန်းကိုကြည့်ပါ။WAADAA LAMMATAA2 Bineensi ani arge sun, Qeerransa fakkaata; lutti isaa akka luka Awaaldiigessaa, afaan isaa akka afaan leencaa ti, Jawweenillee hunna ufii, teessoo ufiitii fi baallii ufii guddaa kenneef. အခန်းကိုကြည့်ပါ။Kitaaba Woyyuu2 Bineensi ani arge sun qeerransa fakkaata; lutti isaa akka luka Awwaaldiigessaati; afaan isaa akka afaan leencaati; Jawweenillee hunna ufii, teessoo ufiitii fi baallii ufii guddaa kenneef. အခန်းကိုကြည့်ပါ။ |
garuu bineenssichi ni qabame, isa woliin'llee isa duranatti baasa baayi'ee ni taasisa ka ture nabiyyichi dharaa'llee ni qabame, inni malikanni bineenssichaa isaan irra ni jira worra turanii fi suuraa bineensichaatiif'llee ni sagadan ka turan, maalalee raawwata'aa isaan ni dogoggorssa ture, kunniin marrinuu gara ibidda garba ciisa'aa dinni'iin gubatuu titti, lubbuma isaanii woliin ni gataman.
ati bakka teessoon sheexanaa jiru jiraachuu kee ni beeka, haa ta'u malee maqaa kiyya jabeessitee qabatee jirta, amantii ana irratti qabddu'llee hin waakkanne, ragaa kiyya amanamaa ka ture Antiiphaan'llee, bakka sheexanni jiraatu magaalaa kee keessatti yoma ajjeeffametti'llee, anatti amanuu kee hin dhiifnne.