Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Mudhata Yohaannisii 13:1 - Waadaa Haarawa

1 Kanaan duubatti bineenssi tokko garba ciisaa keessaa yoo bayu ni arge, gaaffan kudhanii fi mataawwan torbaa ni qaba ture, gaaffan isaa irra'llee gonfatawwan kudhanii ni jiran ture, mataawwan isaa irra'llee maqaan arrabaa ni jira ture.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

WAADAA LAMMATAA

1 Bineensi tokkollee uduu galaana keessaa bayu arge. Gaafa kudhanii fi mataa torba qaba. Gaafa isaa irra qoobii kudhanii fi mataa isaa torban irraa maqaa arrabaatitu jira.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

1 Kanaan maayessa bineensi tokkollee uduu galaana keessaa bayu arge. Gaafa kudhanii fi mataa torba qaba. Gaafa isaa irra qoobii kudhanii fi mataa isaa torban irra maqaa arrabaatitu jira.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Mudhata Yohaannisii 13:1
21 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Ragummaa isaanii eega xumuraniin duubatti bineenssi boolla gad fago'oo keessaa bayu, isaaniin woliin wol woraanee isaan ni injifata, isaan'llee ni ajjeesa.


Akkuma kanaan'llee malikanni bira'aa sami'itti ni muldhate, mataawwan torbaa fi gaaffota kudhanii ni qaba ka ture, xaraan diimaan guddaan ni muldhate, mataawwan isaa irratti'llee gonfatawwan torbaa isaa irra'llee kaayatee jira ture,


Bineenssi bira'aa ammoo arddii keessaa yoo bayu ni arge, inni'llee akka hoola'aa gaafota lamaa ni qaba ture, haasofnni isaa'llee akkuma xara'aa ni ture,


Bineenssa jalqaba duranatti akka taasfamu sababaa baasota eeyyamameetiin, namoota arddii irra jiraatan ni dogoggorssa ture, bilayaan madaayee ka fayye ulfinna bineensichaatiif suuraa akka isaa hojjatuuf'llee, namoota arddii irra jiraatan ni ajaja.


Bineenssi lammaffaa bineenssa jalqabaatiif suuraa hafuura jireennaa isaa kennu'uuf aangoon ni kennameef, hafuura jireennaa kennu'uuf aangoon ka kennameef'llee, suuraan isaa dubbachu'uuf akka dandda'uu fi isaaf worri hin sagadinne marri'llee akka ajjeefaman akka taasisuuf.


Kanaan duubatti ibiddi ka itti makame garba ciisaa daawi'te'ee waan fakkaatu ni arge, akkuma kana bineenssichaa fi suuraan bineensichaa'llee, laakkofssa malikata maqaa isaa'llee worra injifatanii moo'ataniin ni arge, kiraara Waaqinni isaaniif kenne'llee qabatanii, garba ciisaa daawi'te'ee bira dhaabatanii jiran turan.


Afaan xarichaatii fi afaan bineensichaatii, afaan nabiyyicha dharaatii'llee, raachota wonittoonni fakkaatan hafuuronni battiiwwan sadihiin, yoo bayan ni arge.


Bineenssichaa fi gaafonni kurnnan argite sagaagaltittii ni jibban, gara badi'iitiin'llee ni gayaniin, qullaa isi'ii'llee ni hanbisaniin, foon isi'ii ni nyaatan, ibiddaan'llee ni gubaniin,


Kanaan duubatti maleyikkichi Hafuuraan gara lafa gammoojji'ii ana ni fudhate, gara inni qabu marattuu maqaa arrabaa ka itti barreeffaman, mataawwan torbaa fi gaaffiin kudhanii ka qabu, bineenssa diimaa irra ka teette, dubarttii takka ni arge.


Kallacha isi'ii irratti'llee, «Haadha sagaagalttootaatii fi haadha battiiwwan arddii maraa, Baabiloonii ol aanittuu» ka jedhu, maqaan dhossa'a itti barreeffamee jira ture.


Akkuma kana bineenssichaa fi nugusonni arddi'ii, lolttoonni isaanii'llee, fardda adii ka yaabbatee fi hoomaa isaa ka lolaatiin wol woraanu'uuf, wolgayanii ni arge,


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ