Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Mudhata Yohaannisii 12:9 - Waadaa Haarawa

9 Xaraan ol aanaan'llee gara gadii ni gatame, inni'llee arddii mara ka dogoggorssiisu daabiloos yookiin sheexana jedhamee ka waamamu, bofa duraaniiti. Inni gara arddi'ii gadi ni gatame, maleyikkoonni isaa'llee isa woliin gadi ni gataman.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

WAADAA LAMMATAA

9 Ka adunyaa maraa dogoggorsu, daabiloos yookiin ka seexana jedhamu, Jawween guddaan innillee bofni duraa sun gad-gara lafaa darbame. Maleekkonnillee isaan wol lolan.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

9 Ka adunyaa maraa dogoggorsu, daabiloos yookaan ka seexana jedhamu, Jawween guddaan innillee bofni duraa sun gad gara lafaa darbame. Maleekkonnillee isaan wol lolan.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Mudhata Yohaannisii 12:9
68 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Ingirdaada ka facaase sheexana diina ta'e, callaan muummee biyya lafaati, haamittonni maleyikkoota,


Masihoonni dharaatii fi nabiyyoonni dharaa ni ka'an, isaan uduu danda'aniitii worruma filatamoota Waaqaa'llee dogoggorssu'uuf, baasa ol aana'aa fi wonittoota maalale'ee'llee ni muldhisan.»


«Kanaan duubatti gara bira'aatiin worra jiraniin'llee, akkana ni jedha, ‹isin worri abaaramttan nana! Ana irraa garas fagaadhaa! Sheexanaa fi maleyikkootaa horddofttoota isaatiif gara bakka qophaayee, gara ibidda bara baraa deemaa!


Kanaan duubatti, Yesus sheexanaan akka qormmaatamuuf Hafuurri Waaqaa gara lafa gammoojji'ii ni fudhateen.


Yeroo sanitti Yesus, «Gooftaa Waaqa keetiif sagadi, isuma qofa'llee Waaqeffadhu! jedhamee barreeffamee jiraatii, ati sheexanni narraa fagaadhu!» jedheen.


Kanaan duubatti'llee sheexanni Yesusiin gara Magaalaa Qulqullittii, gara Yerusaalemii fidee, baaxii Mana Waaqeffanna'aa irra ni dhabachiiseen,


Deebi'ee'llee sheexanni Yesusiin gara gaara haalaan ol fagaatuu irra baaseenii, mootummoota biyya lafaa maraa ulfinna isaanii woliin itti muldhiseeti,


Yesus'llee akkana isaaniin ni jedhe, «Sheexanni akka bakakka'aa titti darbamee sami'ii yoo bu'u ni argeen,


Kunoo, fiixaa Abrahaamii ka taate dubarttiin tun woggaa kudha saddeetii guutuu, sheexanaan hidhamttee sarddama'aa jiraattee jirtti, eegaa, bakka isiin hidhamttee ittiin makkaraarttuu guyyaa Sanbbataatiin hiikamuun isi'iin irraa hin maluu ree?»


Yeroo sanitti barattoota isaa kudha lamaan keessaa tokko ka ta'e, Yihudaa nama biyya Asiqortu'uu titti Sheexanni ni gale.


Itti aansee'llee Yesus akkana ni jedhe, «Simoon! Simoon! Kunoo, akkuma qotee bulaan qamadii hafarssee ibbiqiin adda baasu, akkuma kana sheexanni isin hafarssu'uuf ni barbaade.


sanyiin karaa biratti bu'e ka muldhisu, namoota yero'oof dubbii Waaqaa dhageeffatan, garuu isaan amananii akka hin fayyineef sheexanni dhufee, dubbii onnee isaanii keessaa ni fudhata.


Biyya lafaa kun yeroon itti murtteeffamu amma, bulichaan biyya lafa kanaa sheexanni gara alaa tiit ka gatamu amma,


Bulichaan biyya lafa tanaa sheexanni dhufuu isaa waan ta'eef ammaa achitti isin woliin baayi'ee hin haasayu. Inni'llee ana irratti huminna woyiituu hin qabu,


waayee murti'ii ka saaxilu bulichaan biyya lafa kanaa, waan itti murteeffameef.»


«Isin ijoollee abbaa keessan sheexanaati, fedhiin keessan'llee hawwii abbaa keessan raawwachu'u, inni'llee Jalqabumaa kaasee lubbuu ajjeesaa ture, dhugaan isa keessa waan hin jirreef dhuga'aan woliin wolitti dhufeenna woyiituu hin qabu, inni dharaalessaa fi abbaa dhara maraa waan ta'eef, dhara yeroo dubbatutti mataa isaa irraa kaasee ni dubbata.


Ija isaanii akka isaanii banttuu fi dukkana keessaa gara ifaa titti akka isaan baafttuuf, bulchiinsa sheexanaa jalaa'llee gara Waaqaa titti akka isaan deebifttuuf si ni taasisa, isaan'llee sababa anatti amanuu isaaniitiin dhiifama cubbuu ni argatan, worra filataman jiddu'utti'llee qabiyyee ni qoodaman.


Phexiros garuu akkana ni jedheen, «Yaa Anaaniyaas! Hafuura Qulqulluu akka sobdduu fi gurgurttaa lafaa irraa'llee wolakkaa akka hanbifattuuf Sheexanni si taasise, maali'iitiif gara onnee keetii aseene?


Namoonni bifa kanaa kunniin mataa isaanii malee Gooftaa keenna Kristosiin hin tajaajilaniin. Jechoota lallaafaa ta'an ka nama jajaniin onnee namoota gara laafeyyi'ii ni soban.


Kana yoo raawwattan Waaqinni nagayaa dadafee sheexana miila keessan jalatti, isiniif ni cacabssa. Kennaan bilisaa ka Gooftaa keenna Yesus Kristosii, isin woliin haa ta'u.


Kun'llee waan nama dinqisiisuu miti, Sheexanninuu maleyikkaa ifaa fakkaachu'uuf, mataa isaa ni jijjiira.


Bofinni Hewaanin dabaan akkuma isii dogoggorssiiseen yookiin yaadinni keessan'llee badee, Kristosiif ka qabddan yaadinni qajeelaan, qulqulluu fi amanammummaa ni dhiifittan jedhee sodaadha.


Kanniin wonittoota ol aanota natti mulidhatan irraa ka ka'een akka ufi hin dhaadinnef, foon kiyya akka qore'ee titti ka woraanu makkaraarnni naaf ni kenname, kun'llee barataa sheexanaa ta'u'uun ana gad qabee makkaraarssu'uun, akka ani ufi hin dhaadinne ana taasisa.


Kana'llee ka raawwadhu hujii sheexanaa ka dabaa waan beekinuuf, akka Sheexanni nu hin sobinneef jedheeti.


Biyya lafaa kanatti bulichaa ka ta'e sheexanni onnee namoota hin amannee ni jaamisse, kanaan'llee bifa Waaqaatiin ka muldhate wongeelli Kristosii ka ulfinnaa ifa isaaniif ibisu akka hin arginneef, isaan ni taasise.


Ammaa achitti daba sossoba namootaatiin ka qophaaye, bubbee barisiisa dogoggorssa'aatii fi honbololatti'iin garanaa fi garas dhiibamanii akka daa'imman fudhatamanii hin taanu.


Naminni kumi'llee bifa kamiinuu isin hin sobin, durssee wol waakkiin uduu hin dhufin, gara ibidda asaabaa titti ka galu nama jeeqamaa ka ta'e'llee uduu hin muldhatin, guyyaan sun hin dhufu.


Akkuma kana ta sobamttee fi Seera Waaqaa'llee ka diigidde dubarti'ii malee, ka sobame Addaamii miti.


Garuu namoonni hamaaleyyi'ii fi fakkeesitoonni garuu, namoota dogoggorssa'aatii fi mataa isaanii'llee dogoggorssa'aa, hamaa irratti hammeenna dabala'aa ni deeman,


Kanaaf ijoolleen tunniin dhiigaa fi foon namoota qaban waan ta'aniif, Yesus'llee akkuma isaanii nama ni ta'e, kana ka raawwateef'llee karaa du'a isaatiin du'a irratti aangoo ka qabu sheexana balleessu'uuf,


Hagatti jiraadhaa, dammaqaa! diinni keessan sheexanni waan liqimssu barbaadu'uun akka leencca aaduu, naannoo keessan asii fi achi ni naannaya.


Nu ka Waaqaa ta'uu keenna ni beekinna. Biyyi lafaa garuu marri isaatuu bitamaa sheexanaa ta'anii jiran.


Itti gaafatamaan maleyikkootaa Mikaa'el'llee waayee reeffa Muse'eetiif sheexanaan woliin yeroo mormmetti, «Gooftaan sitti haa baanatu!» jedheen malee, jecha arrabaa itti hin dubbanne.


kanaaf samiiwwanii fi ka isaan keessa jiraatan marrinuu gammadaa! Yeroon muraafnni qoftti akka isa hafe waan beekeef daabiloos dallanissuu ol aana'aan gara keessan bu'ee jiraatii, arddi'ii fi garbi ciisaan isinii uunsha'a!»


Akkuma kanaan'llee malikanni bira'aa sami'itti ni muldhate, mataawwan torbaa fi gaaffota kudhanii ni qaba ka ture, xaraan diimaan guddaan ni muldhate, mataawwan isaa irratti'llee gonfatawwan torbaa isaa irra'llee kaayatee jira ture,


Sami'itti'llee woraanni ni ka'e, Mikaa'elii fi maleyikkoonni isaa xara'aan woliin wol ni woraanan, xara'aa fi maleyikkoonni'llee deebisanii wol ni woraanan. Maleyikkoota isaa woliin'llee wol ni woraanan,


garuu xara'aa fi maleyikkoonni isaa'llee ni injifataman, saniin duubatti'llee sami'itti bakki isaaniif hin argaminne.


Bineenssa jalqaba duranatti akka taasfamu sababaa baasota eeyyamameetiin, namoota arddii irra jiraatan ni dogoggorssa ture, bilayaan madaayee ka fayye ulfinna bineensichaatiif suuraa akka isaa hojjatuuf'llee, namoota arddii irra jiraatan ni ajaja.


Isaan baasa ka taasisan hafuurota jinniiwwaniiti, hafuuronni kunniin guyyaa woraanaa ka Waaqa maraa danda'uu ta'utti namoota wolitti qabu'uuf, gara nugusota biyya lafaa mara ni deeman.


Qoonqqa ol aana'aan'llee akkana jechu'uun ni iyye, «Baabilooniiin ol aanittuun Kuftte! Kuftte! Bakka jireenna jinniiwwan battiiwwanii ni taate, bakka bulttii hafuurota batti'ii'llee ni taate! Bakka bulttii hafuurota batti'ii'llee ni taate! Waan fuula guursisuu fi boqata sinbirrootaa jibbisiisan'llee ni taate!


Ibisaan ifaa ammaa achitti si keessatti hin ibisu, qooniqqi ka fuudhuutii fi qooniqqi idaayyitti'ii'llee ammaa achitti si keessatti hin dhagayamu, daldalittoonni tee namoota ol aanttota arddi'ii ni turan, asimmaa keetiitiin ummata kee mara dogoggorssiiftee jirta.»


garuu bineenssichi ni qabame, isa woliin'llee isa duranatti baasa baayi'ee ni taasisa ka ture nabiyyichi dharaa'llee ni qabame, inni malikanni bineenssichaa isaan irra ni jira worra turanii fi suuraa bineensichaatiif'llee ni sagadan ka turan, maalalee raawwata'aa isaan ni dogoggorssa ture, kunniin marrinuu gara ibidda garba ciisa'aa dinni'iin gubatuu titti, lubbuma isaanii woliin ni gataman.


ati bakka teessoon sheexanaa jiru jiraachuu kee ni beeka, haa ta'u malee maqaa kiyya jabeessitee qabatee jirta, amantii ana irratti qabddu'llee hin waakkanne, ragaa kiyya amanamaa ka ture Antiiphaan'llee, bakka sheexanni jiraatu magaalaa kee keessatti yoma ajjeeffametti'llee, anatti amanuu kee hin dhiifnne.


«Tiyaaxiroonii ka jirttan ergaa badaa kana worra hin fudhatin maraaf, akkuma kana tokko tokko, ‹dhossaa sheexanaa ka gad fago'ooti› ka jedhaniin, isin worra hin horddofinitti, fe'aa bira'aa isinitti hin fe'u,


rakkinnaa keetii fi hiyyummaa kee'llee ni beeka, haa ta'u malee ati dureessa, Yihudota uduu hin ta'in nu'u Yihudota worri jedhan, miseenssa sheexanaa ka ta'an, maqaa kee akka balleessan ni beeka,


Ka isaan dogoggorssiise daabiloos, bineenissichii fi nabiyyichi dharaa gara jiran, dinni'iin ka gubatu ibidda garba ciisa'aa keessatti ni gataman, achitti'llee halkanii fi guyya baraa haga baraa titti, ni makkaraaran.


ummatoonni arddii mara irratti arigaman jechu'uun, Googii fi Mangoogiin dogoggorssiisu'uu fi woraanaaf'llee hirmaachissu'uuf ni baya, laakkofssi isaanii'llee akka cirracha garba ciisaa biratti,


Eegaa, Yihudota uduu hin ta'in nu'u Yihudota worra jedhan sanniin miseenssa yaa'ii sheexanaa ka ta'an sobddoonni dhufanii miila kee jalatti akka kufan isaan ni taasisa, akka ani si jaaladhe'llee akka beekan isaan ni taasisa.


Maleyikkaan shanaffaa xurubbaa isaa ka laali'ii ni afuufe, kunoo sami'ii gara ardi'ii ka kufe urjjii tokko ni arge, furttuun boolla gad fago'oo'llee ni kennameef.


Balaawwan kanniiniin du'a irraa ka hafan fiixaan ilma namaa hujii harka isaanii irraa dhiifamaan gara Waaqaa hin deebine, jinniiwwanii fi worqqii, meeta, sibiila diimaa, dhaga'aa fi muka irraa ka hojjataman laaluu yookiin dhagayuu, yookiin waaqolee harkaan hojjataman ka deemu'uuf hin dandeenne, waaqeffachuu'llee hin dhiifnne.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ