Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Mudhata Yohaannisii 12:4 - Waadaa Haarawa

4 Eegee isaatiin harka sadihi keessaa harka tokkoo urjjiiwwanii sami'ii harkisee gara arddi'ii isaan ni gate, dubarttiin yeroo deetutti ilma isi'ii liqimssu'uuf yaadee, xaraan gara dubarttii dayu'uuf dhiyaatee durana isi'iitiin ni dhaabate,

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

WAADAA LAMMATAA

4 Eegeen isaa urjii sami'ii sadi keessaa harka tokko gara lafaa gad-jisse. Jawweenillee hennaa dubbartittiin deette daa'ima isi'ii nyaachu'uuf dubartittii dayu'uuf taatu san afoo dhaabate.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

4 Eegeen isaa urjii sami'ii sadihi keessaa harka tokko gara lafaa gad jisse. Jawweenillee hennaa intalattiin deette daa'ima isi'ii nyaachu'uuf intalattii dayu'uuf taatu san afoo dhaabate.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Mudhata Yohaannisii 12:4
22 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

«Isin ijoollee abbaa keessan sheexanaati, fedhiin keessan'llee hawwii abbaa keessan raawwachu'u, inni'llee Jalqabumaa kaasee lubbuu ajjeesaa ture, dhugaan isa keessa waan hin jirreef dhuga'aan woliin wolitti dhufeenna woyiituu hin qabu, inni dharaalessaa fi abbaa dhara maraa waan ta'eef, dhara yeroo dubbatutti mataa isaa irraa kaasee ni dubbata.


Hagatti jiraadhaa, dammaqaa! diinni keessan sheexanni waan liqimssu barbaadu'uun akka leencca aaduu, naannoo keessan asii fi achi ni naannaya.


Sami'itti'llee woraanni ni ka'e, Mikaa'elii fi maleyikkoonni isaa xara'aan woliin wol ni woraanan, xara'aa fi maleyikkoonni'llee deebisanii wol ni woraanan. Maleyikkoota isaa woliin'llee wol ni woraanan,


Xaraan ol aanaan'llee gara gadii ni gatame, inni'llee arddii mara ka dogoggorssiisu daabiloos yookiin sheexana jedhamee ka waamamu, bofa duraaniiti. Inni gara arddi'ii gadi ni gatame, maleyikkoonni isaa'llee isa woliin gadi ni gataman.


Bineenssi arge'llee qeerranssa ni fakkaata ture, miilli isaa miila goljja'aa, afaan isaa'llee afaan leeniccaa ni fakkaata ture. Xaraan huminna fi teessoo aangoo guddaa'llee, bineesichaaf ni kenne.


Bineenssichaaf aangoon kennamuu isaatiin namoonni marrinuu xarichaaf ni sagadan, «Bineensicha ka fakkaatu eennu ree? Isa woliin'llee eennutu wol woraanu'uuf danda'aa? jedha'aa isaaf ni sagadan.»


Afaan xarichaatii fi afaan bineensichaatii, afaan nabiyyicha dharaatii'llee, raachota wonittoonni fakkaatan hafuuronni battiiwwan sadihiin, yoo bayan ni arge.


«Dubarttiin argite'llee nugusota arddi'ii irratti ta mootomttu, magaalattii ol aanttu'u.»


Xaricha'llee qabee woggaa kumaa ni hidheen, xaraan kun'llee daabiloos yookiin sheexana ka jedhamu, bofa duraaniiti,


Maleyikkaan sadaffaa'llee xurunbbaa isaa ka laali'ii ni afuufe, urjjiin ol aanaan akka xomborra'aa titti gubatu'llee sami'ii ni kufe, ka kufe'llee harka sadihi keessaa harka tokkoo laggiin irrattii fi burqaawwan bishaanii irratti.


Maqaan urjjichaa'llee «Hadheeso» ni jedhama, harka sadihi keessaa harki tokkoon bishaanii'llee hadhaayaa ni ta'e, waayee bishaan hadaayaa ta'eetiin'llee, namoonni baayi'een ni du'an.


Maleyikkaan arfaffaa xurunbbaa isaa ka laali'ii ni afuufe, harka sadihi adu'uu keessaa harki tokko, harka sadihi ji'aa keessaa harki tokko, harka sadihi urjji'ii keessaa harki tokko ni dhayame, kanaaf isa keessaa harka sadihi keessaa harki tokko ni dukkanaaye, bifa kanaan guyya'aa keessaa harki tokkoon guyya'aa, ifa malee ni ta'e.


Maleyikkaan jalqabaa xurunbbaa isaanii ka laali'ii ni afuufe, barada'aa fi dhiiginni ka itti wolitti makame ibidda ni ta'e, gara arddi'ii titti'llee ni gatame, harka sadihi keessa harki tokkoon arddi'ii ni gubate, mukkiin keessaa'llee harka sadihi keessaa harki tokko ni gubate, margi lalise marri'llee ni gubate.


Maleyikkaan lamaffaa'llee xurunbbaa isaa ka laali'ii ni afuufe, gaara guddaa wonitti fakkaatu bobaya'aa gara garba ciisa'aa titti ni gatame, harka sadihi keessaa harki tokkoon garba ciisa'aa'llee diigaa ni ta'e,


garba ciisaa keessa ka jiraatan uumamittoota lubbuu qaban keessaa'llee harka sadihi keessaa harki tokko ni du'an, harka sadihi keessa harki tokkoon dooniiwwanii'llee ni dhabame.


Akka eegee qaajjibbu'uu titti waan ittiin iddan ni qaban ture, eegee isaanii keessatti namoota ji'a jahaaf huminna ittiin miidhan, ni qaban turan.


Huminni farado'oo afaan isaaniitii fi eegee isaanii irra ture, eegeen isaanii'llee bofa ni fakkaata mataa bofaa'llee ni qaba, nama'llee ka miidhan isaan ture.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ