Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Mudhata Yohaannisii 12:1 - Waadaa Haarawa

1 Kanaan duubatti ol aana'aa fi malakanni dinqisiisaan sami'itti ni muldhate, aduu ta uffatte, ji'a miila isi'ii jalaan ta taasfatte, urjjiiwwan kudha lamaa akka gonfataa mataa isi'ii irratti ta godhatte, dubarttiin takka ni muldhatte.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

WAADAA LAMMATAA

1 Malkanni guddaan sami'itti mudhate. Dubartiin aduu uffate ta addeessa luka isi'ii jalaa qabdu urjii kudha lamaa mataa ufii irratti gonfatte fakkaattu takkatu jira.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

1 Malkanni guddaan sami'itti mudhate. Intalattiin aduu uffatte ta addeessa luka isi'ii jalaa qabdu urjii kudha lamaa mataa ufii irratti gonfatte fakkaattu takkatu jira.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Mudhata Yohaannisii 12:1
35 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Itti aansee'llee Yesus akkana ni jedhe, «Adu'uu fi ji'a, urjjiiwwan irratti'llee malkanni maalale'ee ni mulidhatan, arddii mara irratti'llee ummattoonni marrinuu qoonqqa naasisaa garba ciisa'aa fi danbali'ii irraa ka'een sodaatanii ni sarddaman.


Dhossaan kun ol aana'aa, kana'llee ka jedhu waayee Kristositii fi waayee woldaya amanti'ii fakkeenna taasiseeti.


urjjiiwwan sami'ii ni kufan, huminnoonni samii jiran'llee ni raafaman.


Bakka maratti'llee sochiin cimaan arddi'ii, beelaa fi weerarissi dhibe'ee ni ta'a. Wonittoonni sodaachisaanii fi malkattoonni ol aanaan, sami'itti ni muldhatan.


ulfinni Waaqaa waan isi'ii ibisuu fi Hoolchi ifa isi'ii waan ta'eef, magaalattiin aduu yookiin jiin akka isi'ii ibisuuf isii hin barbaachifnne.


Ka bira'aa malikata ol aana'aa fi dinqisiisaa sami'itti ni arge, dheekkamissi Waaqaa ka ittiin raawwatamu ka muumme'ee ka ta'an, balaawwan torbban qabatanii ka jiran, maleyikkoonni torbaa ni arge.


Akkuma kanaan'llee malikanni bira'aa sami'itti ni muldhate, mataawwan torbaa fi gaaffota kudhanii ni qaba ka ture, xaraan diimaan guddaan ni muldhate, mataawwan isaa irratti'llee gonfatawwan torbaa isaa irra'llee kaayatee jira ture,


Samii ka jiru Manni Waaqaa ka waaqeffanna'aa'llee ni baname, taabonni isaa ka waada'aa'llee Mana Waaqeffanna'aa keessatti ni mulidhate. Bakakkaa, qoonqqa manddiisu'uu, sochii arddi'iitii fi baradaan ol aanaan'llee ni ta'e.


Ol sami'itti wonittoota maalale'ee, gad lafatti'llee baasota ni muldhisa, Dhiiga, ibidda, aarri qayyootaa'llee ni muldhata.


Kanaan duubatti malkanni Ilma Namaa'llee sami'itti ni muldhata, yeroo sanitti ummatoonni biyya lafaa irra jiran marrinuu ni booyan. Ilmi Namaa'llee huminnaa fi ulfinna ol aana'aan duumessa irraan, ta'ee yoo dhufu ni argganiin,


Fannoo Gooftaa keenna Yesus Kristosii malee waan bira'aatiin dhaadachuun ana irraa haa fagaatu, fannoo kanaan'llee biyyi lafaa ana irraa fooyamee jira, ani'llee biyya lafaa irraa fooyamee jira.


Yeroo sanitti barsiisonni seeraa tokko tokkoo fi Fariisoonni Yesusiin, «Yaa barsiisaa! Ati baasaa yoo taasfttu argu'uuf ni barbaanna!» jedhaniin.


Kaabaan dhaga'aa ka magaalatti'ii hunddeewwan kudha lamaa ni qaban ture, hundeewwan isaanii irratti'llee, maqaawwan ergamittoota kudha lamaanii barreeffamanii jiran ture,


Harka kiyya ka mirgaa titti ka argite urjjiiwwan torbanii fi dhossaan baattuuwwan worqqi'ii torbanii kana, urjjiiwwan torbban maleyikkoota woldaya amaniti'ii torbaniiti, baattuuwwan torban'llee, woldaya amanti'ii torbban.»


Cuuphamu'uun Kristosiin woliin tokko ka taatan marrinuu, Kristosiin akka uffataa titti uffattaniinii jirttan.


Akka durbba duudaa qulqullittiin takka durbummaa isi'iitiin abbaa worra tokkoof qaadhimamittuu titti, ani'llee isin Kirstosiif waan isin qaadhimeef, waayee keessaniif hinaaffaa hafuuraa ni hinaafa.


Kanaaf Waaqinni daloo woyiituu uduu hin taasisin, Yesus Kristostti worra amanan maraaf, qulqullaawoma ni kenna.


Idaayyittii naminni qabu idaayya'a, jaaltichi ka fuudhuu garuu ka fuudhu bira dhaabatee ni dhageeffataan, qooniqqa isaa'llee dhagayu'uun ni gammada, kanaaf gammachuun kiyya'llee kana, inni'llee amma muda maleessa ta'ee jira.


Kanaaf Gooftaa Yesus Kristosiin uffadhaanii malee, fedhii foon keessan guutu'uuf, hin yaadinaa.


Ol sami'ii ka taate Yerusaalem garuu isiin bilisa, isiin'llee haadha mara keennaati.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ