Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Mudhata Yohaannisii 11:8 - Waadaa Haarawa

8 Reeffi isaanii waamiinssa fakkeennumma'aatiin Sodoom yookiin Gibxi ka jedhamttu bakka yaa'ii magaalaa ol aanttu'utti ni irkifama, magaalattiin tun'llee ta Gooftaan isaanii itti fannifame.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

WAADAA LAMMATAA

8 Reeffi isaaniillee afoo qachaa gudditti'ii ciisa; isiinillee akka fakkeenna hafuuraatiin soodomiif Misirii jedhamteeti akkasuma hulee Gooftaan isaanii itti fannifame.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

8 Reeffi isaaniillee afoo qachaa gudditti'ii ciisa; isiinillee akka fakkeenna hafuuraatiin soodomii fi Misirii jedhamteeti akkasuma hulee Gooftaan isaanii itti fannifame.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Mudhata Yohaannisii 11:8
40 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Dhugamaan isiniin jedha, Guyyaa Murti'ii Waaqaa titti magaalaa san irra namoota Sadoomii fi Gamora'aatiif, adabbiin isaaniif ni diqqaataaf.»


Yeroo sanitti lafa irratti ni kufe, «Saa'ol! Saa'ol! Maali'iif ana ariitaa?» qooniqqa jedhu'llee, ni dhagaye.


akkuma kana Yesus ummata dhiiga mataa isaatiin isaan qulqullaawomssuuf, balbala magaalaati'iitiin alatti rakkinna ni fudhate.


kana maraan duubatti amantii isaanii yoo waakkatan, isaan mataa isaaniitii Ilma Waaqaa irra deebi'anii waan isa fannisanii fi ifatti isa waan salphisaniif, isaan gara dhiifamaa titti deebi'uuf hin danda'an.


dabalee'llee worri Waaqa hin waaqeffanne marrinuu fakkeenna adabamaa akka ta'aniif, magaalaawwan Sodoomii fi Gamoora'aa haga daaraa ta'anitti, gubanii akka balleessaniif isaanitti ni murtteesse,


Bifuma kanaan Sodoomii fi Gamooraan magaalawwan naannaya isaanii jiran'llee sagaagalttoota ni ta'an, seera uumamaatiin alatti'llee sagaagala ni raawwatan. Kanaaf isaan ibidda bara baraatiin worra adabamaniif, fakkeenna ta'anii jiran.


Saa'aatima sanitti sochiin arddi'ii ol aanaan ni ta'e, harka kudhan keessaa harki tokkoon magaalatti'ii'llee ni diigame, sababa sochii arddi'iitiin'llee namoonni kuma torbaa ni du'an, du'a irraa ka haalaan'llee haalaan ni sodaatan, Waaqa sami'ii'llee ni kabajatan.


Worra adda addaatiif gosoota, afaan adda addaa dubbattootaatii fi ummattoonni, guyyaa sadihii fi wolakka'aaf reeffa isaanii ni laalan, reeffi isaanii akka hin awwaalaminneef'llee ni dhoogan.


Magaala'aan ala ka jiru bakka itti cuunffaa woyinnii magaala'aa titti'llee ni cuunffame, bakka itti cuunffa'aatii haga lugaama farddaa titti ka ol jedhee fi haga fageenna kiilomeetira meetira dhibba sadihi ka gayu, dhiiginni'llee bayee ni jige.


Maleyikkaan bira'aa lamaffaan'llee, «Ka macheessu daadhii sagaagala isi'ii ka woyinni'ii ummata mara ka obaaftte, Baabilooniin ol aanttuun sun ni kuftte! kuftte!» jedha'aa, maleyikkicha jalqabaa ni horddofe.


Magaalaan ol aanttuun'llee bakka sadihitti ni qoodamtte, magaalonni ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amannee'llee ni didiigaman, Waaqinni'llee Baabiloonii ol aanittuu taate ni yaadate, duloo dheekkamissaa cima'aa daadhii woyinnii itti guuttame'llee, akka dhugiddu'llee isii ni taasiseen.


Duloowwan torbaan qabatanii ka turan maleyikkoota torbaan keessaa tokko gara kiyya dhufee akkana naan jedhe, «Koottu! Bishaanota baayi'ee irra taa'ee ka jiru, sagaagaltittii ol aanttuu irratti murtii gayu isi'itti ni mulidhisa,


«Dubarttiin argite'llee nugusota arddi'ii irratti ta mootomttu, magaalattii ol aanttu'u.»


Kallacha isi'ii irratti'llee, «Haadha sagaagalttootaatii fi haadha battiiwwan arddii maraa, Baabiloonii ol aanittuu» ka jedhu, maqaan dhossa'a itti barreeffamee jira ture.


Makkaraarnna isi'ii sodaachu'uun'llee fagoo dhaabatanii, «Ati magaalattiin ol aanittuu, ati magaalattiin cimttuu yaa Baabiloon! Murtiin kee sa'aatii tokko keessatti waan dhufeef si uunisha'a! Si uunisha'a!» ni jedhan.


isiin yoo gubattu aara bayu yeroo arganitti, «Magaalaa ol aanttuu tana ka fakkaattu magaalaan bira'aa gonkumaa ni jirtti turee ree?» jedha'aa, ni iyyan.


Qoonqqa ol aana'aan'llee akkana jechu'uun ni iyye, «Baabilooniiin ol aanittuun Kuftte! Kuftte! Bakka jireenna jinniiwwan battiiwwanii ni taate, bakka bulttii hafuurota batti'ii'llee ni taate! Bakka bulttii hafuurota batti'ii'llee ni taate! Waan fuula guursisuu fi boqata sinbirrootaa jibbisiisan'llee ni taate!


Kanaan duubatti maleyikkaan cimaan tokko, dhagaa guddaa daakka'aa ka gayu dhagaa tokko fuudhee, gara garba ciisa'aa ni dabrre, «Magaalattiin ol aanttuun Baabiloon kana huminnaan dhiibamttee ni kuftti, ammaa achitti'llee gonkumaa deebitee hin argamittu,


«Isii keessatti arddiin nabiyyootaa fi Qulqullu'uu irratti dhiiginni namoota ajjeefamanii marrinuu, argamee jira.»


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ