Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Mudhata Yohaannisii 1:9 - Waadaa Haarawa

9 Yesus Kristosiin ka rakkinna isaatii fi ka mootummaa isaa, akkuma kana qoodama obissa isaa'llee isin woliin ka ta'e, ani obboleessi keessan Yohaannis, dubbii Waaqaatii fi sababa ragummaa Yesusiitiin hidhamee, eddoolaa Phaaximoo jedhamttu irra ni ture,

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

WAADAA LAMMATAA

9 Ani Obboleessa keessan ka isin woliin rakkinna jennataa fi obsa Yesuus Kiristoosii qoodamu waan dubbii Rabbii tiif waan ragaa Yesuus Kiristoosiitiif lafa bisaaniin marfamte ta Fiximoo jedhamtu irra ture.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

9 Ani Obboleessa keessan ka isin woliin rakkinna jeennataa fi obsa Yesuus Kiristoosii qoodamu waan dubbii Rabbiitii fi waan ragaa Yesuus Kiristoosiitiif lafa bisaaniin marfamte ta Fiximoo jedhamtu irra ture.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Mudhata Yohaannisii 1:9
35 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Yesus'llee, «Qajeelumaan duloo ani dhugu ta rakkinnaa ni dhugiddan, garuu namoota mirga kiyyaa fi bitaa kiyyaan akka taa'an ka taasisu anaa miti, bakkeen kun ka kennamu namoota Abbaan kiyya isaanii qopheessef.»


Isaan'llee, «Ee, ni dandeenna» jedhan. Yesus'llee akkana isaaniin jedhe, «Dhugamaanuu duloo ani dhugu ni dhugiddan, cuuphama ani cuuphamu'llee ni cuuphamttan,


Kana isinitti dubbachuun kiyya ana keessa taatanii nageenna akka qabaattaniif jedheeti, biyya lafaa kana irra haga jirttanitti rakkinnatu isinitti jira, garuu jabaadhaa, ani biyya lafaa injifadhee jira.»


Yeroo sanitti Phexiros amanittootaa dhibba tokkoo fi diddamaa ta'an jidduu dhaabateeti akkana ni jedhe,


Biyyoota sanniin mara keessattuu amanttoonni amantii isaaniitiin akka jajabaatan jajabeessuu fi gorssaan, «Gara Mootummaa Waaqaa titti galu'uuf rakkinna baayi'ee fudhachuu qabnna» jedha'aa isaan ni barsiisan.


Eega Ijoollee Waaqaa taane dhaalttota isaati, Kristosiin woliin'llee ni dhaalla, amma qoodamtoota rakkinna Kristosii yoo taane, maai'ii ammoo qoodamtoota ulfinna isaa ni taana.


Waan hin argine abddii yoo taasfanne garuu, obissaan ni eeganna.


Haguma rakkinna keenna qoodamttaniin jajabaachuu keenna'llee akka qoodamttan waan beekinuuf, abddiin isin irratti qabnnu cima'a.


Amma yeroo mana hidha'aa jiruttii fi hidhamuu kiyyaan duranatti'llee, dhugaa wongeelaatiif ittifachuu fi isa'llee jabeessu'uuf, Waaqinni kennaa isaa ka bilisaatiin carraa naaf kenne keessatti, isin marrinuu qoodamtoota waan taataniif isin yeroo maraa onnee tiyya keessa ni jirttan. Kanaaf waayee keessaniif miirri natti dhagayamu sirri'i.


Haa ta'u malee isin qoodamtoota rakkinna kiyyaa taatanii arigamuu keessaniif, mishaa ni raawwattan.


Gooftaan onnee teessan gara jaalala Waaqaatii fi gara obissa Kristosii titti isa haa eemaruun.


Egaa waayee Gooftaa keennaa ragaa bayu'uuf hin saalifatin, waayee isaatiif ka itti hidhame anatti'llee hin saalfatin, garuu huminna Waaqinni siif kennuun, anaan woliin rakkinna fudhadhu.


Fedhii Waaqaa raawwattanii waan Waaqinni isinii kennu'uuf waadaa isiniif aseene argachu'uuf, obissaan eeggachuu isin ni barbaachisa.


Eegaa ani isaaniin woliin jaarssa woldaya amantii ka ta'e, rakkinna Kristosii'llee ragaa ka ta'e, akkuma kana ulfinna ufi durana mulidhatuu'llee qoodamaa ka ta'u, jidduu keessan ka jiran jaarssotii woldayaa amanti'ii ni gorssa.


Muldhanni kun yeroo dhiyoo keessatti waan ta'u tajaajilttoota isaa titti akka muldhisuuf ka Waaqinni Yesus Kristosiif kenne, Yesus Kristos'llee maleyikkaa isaa ergee tajaajilaa isaa Yohaannisiif, muldhata kana ni ibiseef.


Yohaannis'llee waayee dubbii Waaqaatii fi waayee dhugaa Yesus Kristos barsiisee, akkuma kanaa waayee waan argee mara'llee ragaa ni baye.


Yohaannisiin irraa woldayoota amanti'ii torbban Asiya'aatiif, Ka jiru, ka turee fi Waaqa dhufu irraa, teessoo duranaa ka jiran hafuurota torbban, akkuma kana du'aa ka'uun hangafa ka ta'e, bitaatii nugusa nugusota arddi'iitii fi akkuma kana du'aa kaiinssaan ka jalqabaa ka ta'e,


Waaqa fi Abbaa Yesus Kristosii akka tajaajilluuf, mootummaa qeesotaa ka nu taasise, Yesus Kristositiif ulfinnii fi huminni, bara haga baraa titti haa ta'u! Ameen.


Ragummaa isaanii eega xumuraniin duubatti bineenssi boolla gad fago'oo keessaa bayu, isaaniin woliin wol woraanee isaan ni injifata, isaan'llee ni ajjeesa.


isaan diiga Hoolichaatii fi jecha ragumma'aa ka dubbataniin isa injifataniinii jiran, lubbuu isaaniitiif'llee uduu hin sodaatiin mataa isaanii du'aaf dabarsanii kennanii jiran,


Xarichi'llee dubarttii irraatti dallanee fiixaa isi'ii worra hafaniin woliin wol woraanu'uuf ni deeme, isaan'llee ajajoota Waaqaa worra eeggatanii fi Yesusiif'llee amanamumma'aan worra ragaa bayan.


Booji'amu'uuf ka ramadame ni booji'ama, billayaan ajjeefamu'uuf ka ramadame billayaan ni ajjeefama eegaa obissi worra Qulqullootaatii fi amantiin isaanii ka barbaachisu yeroo kanatti.


«Ajaja Waaqaa worra eeggatanii fi Yesusiin'llee amanu'uun qulqullaawota jabaatan dhaabatan irraa, obissi eeggamu asi irratti.»


Ain'llee maleyikkichaaf sagadu'uuf miila isaa jalatti kallacha kiyyaan ni kufe, inni garuu, «Ati dhiisi kana hin raawwatin! Ani'llee si'ii fi obboleeyyan ragummaa Yesusii qabataniin woliin tajaajila'a, Waaqaaf Sagadi! Ragummaan Yesusii hafuura raagaati» naan jedhe.


Kanaan duubatti teessoowwan ni arge, teessoowwan irra'llee worri aangoon murtteessu'uu isaanii kenname ta'anii ni arge, waayee Yesusii ragaa bayuu isaaniitii fi waayee dubbii Waaqaatiif namoota mataawwan isaanii irraa muraman lubbuuwwan isaanii ni arge, isaan'llee bineensichaa fi suuraa isaatiif ka hin sagadin, malikata isaa'llee kallacha isaanii ta'ee harka isaanii irratti ka hin godhatin, isaan du'aa ka'anii Kristosiin woliin woggaa kumaa ni moo'an.


Obissa ka qabddu ta'i dubbii kiyya ka ani siin jedhe waan eegiddeef ani'llee biyya lafaa irra worra jiraattan qormmaatu'uuf arddii mara irratti saa'aatii rakkinni dhufu irraa si ni eega.


Chaaphaa shanaffaa yeroo itti banametti, waayee dubbii Waaqaatii fi waayee ragummaa isaan kennaniitiif, lubbuuwwan namoota ajjeefamanii furddaa gaditti ni arge,


Ani'llee, «Yaa Gooftaa, ati ni beekita» ni jedheen. Inni'llee akkana naan jedhe, «Kunniin rakkinna ol aanaa bira dabrranii worra dhufan, uffata isaanii'llee diiga Hoolichaatiin miicanii, adii taasisaanii jiran.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ