Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Mudhata Yohaannisii 1:5 - Waadaa Haarawa

5 ka nu jaalatuu fi dhiiga isaatiin cubbuu keenna irraa bilisa ka nu baase, Yesus Kristosiin irraa kennaan isaa ka bilisaatii fi nageenni isiniif haa ta'u.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

5 akkasuma Yesuus Kiristoos ragaa dhuga'aa amanamaa ka worra du'an keessaa hangafa ta'ee kaafameef, Yohaannisii bulchaa mootota lafa kanaa ta'e irraa badhaadhumma'aa fi nageenni isiniif haa ta'u. Ka nu jaalatee cubbuu keenna irraa dhiiga ufiitiin nu dhiqee bilisa nu baasee,

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Mudhata Yohaannisii 1:5
53 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Ilmi Namaa'llee tajaajilu'uuf fi baayi'eewwan fayyisu'uuf lubbuu isaa dabarssee kennu'uuf dhufe malee, akka isa tajaajilaniif hin dhufinne.»


Yesus'llee gara isaanii dhiyaateeti akkana isaaniin jedhe, «Aangoon marrinuu sami'ii fi arddi'itti'llee naaf kennamee jira,


Kunoo, yeroon Ayyaana Faasiikaa Yihudotaatiin durana ni ture, Yesus biyya lafaa kana dhiisee gara Waaqa Abba'aa yeroon itti deemu gayuu isaa ni beeke. Biyya lafaa kana ka jiran worra isaa isaan jaalatee ture, Haga muumme'ee titti'llee isaan ni jaalate.


Ufii keessan akka wol jaalattaniif ajaja haarawa isinii ni kenna, akkuma ani isin jaaladhetti, ufii keessanii'llee wol jaaladhaa.


Waaqinni Abbaan ana akkuma jaalate, ani'llee isin ni jaaladhe, kanaaf jaalala kiyyaan jiraadhaa.


Philaaxos'llee, «Eegaa, ati, nugusa kaa?» jedheen. Yesus'llee, «Ani nugusa akka ta'e ati dubbatee jirta, ani ka dhaladhee fi gara biyya lafaa'llee ka dhufe waayee dhuga'aa ragaa bayu'uuf, ka gara dhuga'aatii ta'e marrinuu dubbii kiyya ni dhagaya» jechu'uun, ni deebise.


Dhugaa siin jedha, waan beekinnu ni dubbanna, waan arginu'llee ragaa ni baana, isin garuu ragummaa keenna hin fudhattan.


Ka isatti amanu marrinuu jireenna bara baraa akka qabaatuuf malee akka hin badinne Waaqinni biyya lafaa haalaan waan jaalateef, Ilma isaa tokko ni kenne.


Inni'llee waan ka fi ka argee fi ka dhagaye ragaa ni baya, garuu ragummaa isaa ka fudhatu hin jiru.


Hafuurri Qulqulluun isin ephis qophoosota taasisee isin muudee jira, eegaa mataa keessan fi gobbu'uuf'llee ufi eeggadhaa, woldaya amanti'ii ta Waaqinni dhiiga ilma isaatiin fayyiseen eegaa.


Isaan ka dubbatan, ‹Masihichi rakkina ni fudhata, du'aa ka'uun'llee ka jalqabaa ta'ee ifa fayyinnaa ummata Israa'eeliitii fi ummata Waaqa dhugaa titti hin amanneef ni ibisa› jedhaniiti.»


Waaqinni Yesus Kristosiin kitimaa taasisee ka dhiyeesseen worri isatti amanan marrinuu dhiiga isaatiin dhiifama cubbu'uu isaanii akka argataniif, Waaqinni kana raawwachuun obissa isaatiin cubbuu isaa ka duraanii akka waan hin jirree taasisu'uun, murttii mataa isaa qajeelaa muldhisu'uuf.


Eegaa ka nu jaalate Kristosiin wonittoota kanniin maraa injifachu'uun, worra injifattootaa maraa ni caala.


Isin keessaa'llee tokko tokkoon keessan akkuma kana turttan, ammaa garuu maqaa Gooftaa Yesus Kristositii fi hafuura Waaqa keennaatiin cubbuu irraa miicamttanii jirttan, Waaqaaf'llee ka addaan baye ummata Qulqulluu taatanii jirttan, qulqullaayomttanii'llee jirttan.


Ani Kristosiin woliin akkuma waan fannifamee titti waan laakkayuuf ammaa achitti Kristos ana keessa ni jiraata malee lubbuu kiyyaaf ka jiraadhuu miti, amma'llee qaama kiyya ka fooniitiin ka jiraadhu ka ana jaalatee fi waayee kiyyaaf'llee mataa isaa dabarssee ka kenne, Ilma Waaqaa titti amanu'uun jireenna argamuun.


Garuu dhiifaminni Waaqaa baayi'ee ta'uu isaatii fi jaalallitti nu'uuf qabu'llee ol aanaa ta'uu irraa ka ka'een,


Kristos akka nu jaalatee fi foolii mishaa Waaqa gammachiisuu ka qabu kenna'aa fi kitimaa taasisee lubbuu isaa waayee keennaaf dabarssee akkuma kenne, isin'llee jaalalaan jiraadhaa.


Inni'llee qaama isaa ka taate mataa woldaya amanti'iiti, waan maraanuu durssaa akka ta'u du'aa ka'uun'llee ka duranaatii fi ka jalqabaati.


Waan maraafuu jireenna ka kennu Waaqaa fi Philaaxosiin pheenxanaawicha duranatti ufitti amanamummaa misha'aan ka ragaa baye, Yesus Kristosiin duratti'llee si ni ajaja.


Mulidhachuun Kristosii'llee ka eebbifamee fi adduma isaa titti bulichaa ka ta'e Ngugusa nugusotaa, Gooftaan goofttotaa guyyaa muritteessetti ni ta'a.


Eegaa ka Ilma Waaqaa tuffate, ka ittiin qulqullaawome dhiiga waada'aa ka batteesse, Hafuura kennaa isaa ka bilisaa ka arrabise, adabbiin attami jiru ka jabaatetu, isaaf mala isinitti fakkaata!


Karaa Hafuura bara baraatiin mataa isaa ciinccaa heeyibii hin qabnne taasisee, Waaqaaf ka dhiyeesse, dhiiginni Kristosii Waaqa jiraataa akka tajaajilluuf, sammuu keenna hujii du'aa irraa attam caala'atti qulqulleessa ta'inna?


Isin ka bitamtan heeyibii yookiin akka hoolaa hanqqinna hin qabnnee Qulqullu'uu ka ta'e, dhiiga Kristosii kabajama'aan.


Garuu inni ifa keessa akka jiru nu'llee ifa keessa uduu jiraannee, ufii keenna tokkummaa ni qabaanna. Deebi'ee'llee dhiiginni Ilma isaa Yesus Kristosii, cubbuu mara irraayyuu nu ni qulqulleessa.


Jaalala jechuun akkana, nu'u waan Waaqa jaalanneef uduu hin ta'in, inni waan nu jaalatee fi cubbuun keenna'llee akka nuuf dhabamisiifamuuf, Ilma isaa waan nuuf ergeef.


Maleyikkaan torbaffaa'llee xurumbbaa isaa ka laali'ii ni afuufe, sami'itti'llee, «Mootummaan biyya lafaa ka Masihicha Waaqa Gooftaa keennaa taatee jirtti, inni baraa haga baraa titti ni mootoma» ka jedhan qooniqqi ol aanttonni ni dhagayaman.


ragaan kiyya lamaan uffata gaddaa uffatanii guyyaa kuma tokkoof dhibba lamaa fi jahaatamaa raaga akka dubbataniif, huminna isaaniif ni kenna.»


Isaan Hoolcha irratti woraanni ni banan, garuu Hoolchi Gooftaa Gooftotaatii fi nugusa nugusotaa waan ta'eef injifatee isaan ni moo'a, isaan woliin ka jiran, ka waamaman, ka filatamanii fi ka amanamaan.»


Kanaan duubatti samiin banamttee ni arge, kunoo fardda adii ni arge, ka fardda yaabbate'llee amanama'aa fi dhugaalessa ka jedhamu, inni'llee qajeelatti ni murtteessa, ni woraana'lle'e,


Uffata isaatii fi gudeeda isaa irratti, «Nugusa nugusotaa, Gooftaa gooftotaa» maqaan jedhu, barreeffamee jira.


ati bakka teessoon sheexanaa jiru jiraachuu kee ni beeka, haa ta'u malee maqaa kiyya jabeessitee qabatee jirta, amantii ana irratti qabddu'llee hin waakkanne, ragaa kiyya amanamaa ka ture Antiiphaan'llee, bakka sheexanni jiraatu magaalaa kee keessatti yoma ajjeeffametti'llee, anatti amanuu kee hin dhiifnne.


Maleyikkaa woldaya amantii Loodooqiya'aatiif akkana jedhii barreessi, Kun Ameenii ka ta'e, amanama'aa fi ragaa dhugaalessa ka ta'e irraa, uumama Waaqaa maraaf argama ka ta'e irraa ka himame,


Ani'llee, «Yaa Gooftaa, ati ni beekita» ni jedheen. Inni'llee akkana naan jedhe, «Kunniin rakkinna ol aanaa bira dabrranii worra dhufan, uffata isaanii'llee diiga Hoolichaatiin miicanii, adii taasisaanii jiran.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ