Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Mudhata Yohaannisii 1:11 - Waadaa Haarawa

11 «Waan laala'aa jirttu kana kitaabatti bareessiitii gara woldayoota amanti'ii torbanii, jechu'uun'llee gara Efesoonii, gara gara Semrnees gara Phergamoon, gara Tiyaaxiroonii, Saardeesii, gara Filaadelfiya'aatii fi gara Loodooqiyaa ergi.»

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

WAADAA LAMMATAA

11 Akkasuma, «Waan arga'aartu kitaabatti barreessii, gara Efesoonii, Samirneesii, Phergamoonii, Tiyaaxiroonii, Sardeesii, Filaadelifiya'aa, Lodoqiya'aa fi gara tokkummaa woldoota Kiristaanaa torban Isiyaa keessa jiraatanii ergi» naan jedhe.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

11 Akkasuma, «Waan arga'aartu kitaabatti barreessii gara Efesoonii, Samirneesii, Phergamoonii, Tiyaaxiroonii, Sardeesii, Filaadelfiya'aa, Lodoqiya'aa fi gara tokkummaa woldoota Kiristaanaa torban Isiyaa keessa jiraatanii ergi» naan jedhe.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Mudhata Yohaannisii 1:11
37 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Dubarttoota nu dhageeffatan turan keessaa'llee takka, dhalattuu magaalaa Tiyaaxiroon ka taate, daldalttuu uffata diimaa, dubarttii Liidiyaa jedhamttu takka ni turtte, Isiin'llee dubarttii Waaqaaf sagaddu ni turtte, Gooftaan'llee onnee waan isii baneef, waan Phaawulos dubbatu ni dhageeffatti ture,


Yihudichi Ahpolos jedhame ka nama biyya Iskindriyaa ta'e tokko, gara Efesoonii ni dhufe. Inni'llee kitaabban Qulqulluu xumuree ka baratee fi nama danddeettii haasaya mishaa qabu ture.


Phaawulos Miilexoosii gara Efesoonii nama ergee, jaarsotii woldayaa ni waamsise,


Akka yaada namaa ani Efesoonitti, bineenssa bosonaatiin woldhaanu'uf faayiddaan kiyya maali'i? Worri du'an du'aa ka hin muldhanne yoo ta'e ammoo, «Boru waan duunuuf kootaa haa nyaannuu, haa dhuginnuu» akka jedhame ta'uu isaati.


Garuu haga ayyaana Phenxeqosxe'ee, Efesoonii titti ni tura.


Fedhii Waaqaatiin ergamittichaa Yesus Kristosii ka ta'e Phaawulosiin irraa, Yesus Kristosiin amanamoota ka ta'aniif, Qulqulluuwwan Efesonitti argamaniif,


Waayee keessan fi waayee namoota Loodoqiyaa jiraniitiif, akkuma kana fuuluma kiyya'llee arganii waayee namoota hin beekinne maraafuu, hagam woldhaanssoo cimttuu akka taasisu akka beekittaniif ni jaaladha.


Gara Maqedooniyaa yeroo deemutti akkuma yaboo siin jedheen namoonni achi jiran tokko tokko barsiisa sobaa akka hin barsiifinne akka taasfttu, Efesooniin taa'i.


Yeroo isa argetti'llee akka nama du'ee ta'ee miila isaa jalatti ni kufe, inni garuu harka isaa ka mirgaa narra kaayeeti akkana naan ni jedhe, «Hin sodaatin! Ka jalqabaatii fi ka muumme'ee'llee ana,


Eegaa ka argite, ka amma jiruu fi maa'ii ka dhufu'llee barreessi.


Yohaannis'llee waayee dubbii Waaqaatii fi waayee dhugaa Yesus Kristos barsiisee, akkuma kanaa waayee waan argee mara'llee ragaa ni baye.


Harka kiyya ka mirgaa titti ka argite urjjiiwwan torbanii fi dhossaan baattuuwwan worqqi'ii torbanii kana, urjjiiwwan torbban maleyikkoota woldaya amaniti'ii torbaniiti, baattuuwwan torban'llee, woldaya amanti'ii torbban.»


Yohaannisiin irraa woldayoota amanti'ii torbban Asiya'aatiif, Ka jiru, ka turee fi Waaqa dhufu irraa, teessoo duranaa ka jiran hafuurota torbban, akkuma kana du'aa ka'uun hangafa ka ta'e, bitaatii nugusa nugusota arddi'iitii fi akkuma kana du'aa kaiinssaan ka jalqabaa ka ta'e,


Ka jiru, ka duraan turee, ka dhufu'llee, Waaqinni Gooftaan maraa danda'u, «Alfa'aa fi Omeegaan, ka jalqabaatii fi ka muumme'e'llee anaa!» jedha.


Bakakkaawwan torbban qooniqqa isaanii yeroo dhageesisanitti ani barreessu'uuf ni yaade, garuu, «Bakakkaawwan torbanuu waan dubbatan cufiitii dhossa'aa qabi malee hin barreessiniin!» qooniqqa jedhu, sami'ii ni dhagaye.


Sami'ii qoonqqa akkana jedhu ni dhagaye, «Kana barreessi, ammaa achitti ka Gooftaa Yesusii ka ta'anii worri du'an, isaa ka eebbifaman!» Hafuurri Qulqulluun'llee, «Ee» «Dadhabbii isaanii irraa akka boqataniif, hujiin isaanii isaan ni horddofa» jedha.


Kanaan duubatti maleyikkichi, «Gara cidha Hoolchaa titti ka waamaman ka eebbifaman» jedhii barreessi naan jedhe, itti aanssee'llee, «Kun Dubbii Waaqaa ka dhuga'aati» jedhe.


Maleyikkaa woldaya Efesoniitiif akkana jedhii barreessi, «Kun urjjiiwwan torbban harka isaa ka mirgaa titti ka qabatee jiruu fi baattuuwwan worqqi'ii torbban jidduu ka dedeebi'u irraa ka dubbatame,


Maleyikkaa woldaya Phergamooniitiif akkana jedhii barreessi, Kun bilaya gara lamaan qara qabu ka qabate ka dubbatame,


Maleyikkaa woldaya amantii Tiyaaxirooniitiif akkana jedhii barreessi, Kun arraba ibiddaa ija fakkaatan ka qabu irraa fi sibiila diimaa mukukula ibiddaatiin baqe miila fakkaatan ka qabu, Ilma Waaqaa irraa ka dubbatame.


«Tiyaaxiroonii ka jirttan ergaa badaa kana worra hin fudhatin maraaf, akkuma kana tokko tokko, ‹dhossaa sheexanaa ka gad fago'ooti› ka jedhaniin, isin worra hin horddofinitti, fe'aa bira'aa isinitti hin fe'u,


Maleyikkaa woldaya Semrineestiif akkana jedhii barreessi, Kun ka jalqabaatii fi ka muumme'ee ka ta'e, du'ee'llee ka turee fi jiraataa ka ta'e irraa ka dubbatame,


Ka teessoo irra taa'ee jiru'llee, «Kunoo! Ani waan maraa haarawa ni taasisa!» ni jedhe, itti aansee'llee, «Dubbiin kun ka amanamee fi dhugaalessa waan ta'eef barreessi!» naan ni jedhe.


Itti aansee'llee akkana naan ni jedhe, «Yeroon isaa ka dhiyaate waan ta'eef, dubbii raagaa ka kitaaba kanaa chaapha'aan hin cufiin,


«Ani Yesus ragummaa kana akka isinii kennuuf maleyikkaa kiyya woldaya amanti'iitiif ergee jira, ani hiddaa dhaloota Daawiitiitii fi fiixa'a, urjjii bariisa'aa ka'ifu'lle'e.»


Maleyikkaa woldaya amanti'ii ka Saardeesiitiif akkana jedhii barreessi, Kun Hafuuronni torbban Waaqaatii fi urjjiiwwan torbban ka qabate irraa ka dubbatame, hujii kee ni beeka, maqaa keetiin jiraata'a, garuu duutee jirta.


Maleyikkaa woldaya amantii Loodooqiya'aatiif akkana jedhii barreessi, Kun Ameenii ka ta'e, amanama'aa fi ragaa dhugaalessa ka ta'e irraa, uumama Waaqaa maraaf argama ka ta'e irraa ka himame,


Garuu uffata isaanii ka hin batteessin Sardees keessa namoonni muraafnni si'iin woliin ni jiran, isaan uffata adii uffachuun ka isaaniin malu waan ta'aniif, uffata adii uffatanii anaan woliin ni deeman.


Woldaya amantii Filaadelfiya'aatiif akkana jedhiitii barreessi, Kun Qulqullu'uu fi dhugaallessa ka ta'e, furttuu mana Daawiitii ka qabatee jiru irraa ka dubbatame, ka inni banu eennu'llee hin cufu, ka inni cufu'llee eennu'llee hin banu.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ