9 Isa woliin'llee worra keessan ka ta'e ka amanamee jiruu fi ka jaalatame obboleessi keenna Oneesimos gara keessa ni dhufa, isaan waayee waan bakka kana jiru maraa isinitti ni beekisisan.
Xikiqoos waayee kiyya waan maraa isinitti ni hima, inni obboleessa jaalatamaa, tajaajilaa amanama'aa fi hujii Goofta'aatiin'llee waahela kiyya ka tajaajilaati.