Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Gara Worra Qolasaayisii 2:4 - Waadaa Haarawa

4 Kana'llee ka isiniin jedhu eennu'llee dubbii sossobi'iitiin akka isin hin sobinneef jedheeti,

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

WAADAA LAMMATAA

4 Eennullee dubbii sossobu'uutiin akka isin hin dogoggorsine kana jedha.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

4 Eennullee dubbii sossobu'uutiin akka isin hin dogoggorsine kana jedha.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Gara Worra Qolasaayisii 2:4
28 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Masihoonni dharaatii fi nabiyyoonni dharaa ni ka'an, isaan uduu danda'aniitii worruma filatamoota Waaqaa'llee dogoggorssu'uuf, baasa ol aana'aa fi wonittoota maalale'ee'llee ni muldhisan.»


Yesus akkana jechu'uun isaanii ni deebisee, «Naminni kumi'llee akka isin hin dogoggorssine ufi eeggadhaa!


Masihoonni dharaatii fi nabiyyoonni dharaa'llee ni dhufan, isaan uduu danda'anii worruma filatamanuu dogoggorssu'uuf, baasaa fi wonittoota maalale'ee ni raawwatan.


Akkuma kana namoonni tokko tokko jidduu keessan ka'anii, barsiisa sobaa barsiisuun, amantoota baay'ee gara isaanii ni harkisan.


Haasofnni kiyyaa fi lallabnni kiyya'llee ogummaa namaatii fi haasayaa midhaassu'uun uduu hin ta'in, huminna Hafuura Waaqaatiin ka irkifame ture.


Bofinni Hewaanin dabaan akkuma isii dogoggorssiiseen yookiin yaadinni keessan'llee badee, Kristosiif ka qabddan yaadinni qajeelaan, qulqulluu fi amanammummaa ni dhiifittan jedhee sodaadha.


Garuu jidduu keennaan huluuqanii dhossa'aan worri aseenan obboleeyyan dharttoonni tokko tokko akka gadooman barbaadanii turan, namoonni kunniin basaasaaf jidduu keenna huluuqanii ka aseenan, Yesus Kristosiin bilisummaa qabnnu fudhanii, gara garbumma'aa titti nu deebisu'uuf yaadaniiti.


Ammaa achitti daba sossoba namootaatiin ka qophaaye, bubbee barisiisa dogoggorssa'aatii fi honbololatti'iin garanaa fi garas dhiibamanii akka daa'imman fudhatamanii hin taanu.


Ammaa achitti akka worra yaanni isaanii tasa ta'ee akka ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amannee hin ta'inaa, jedhee maqaa Goofta'aatiin isin ufi ni eeggachiisa.


Sababa wonittoota kanniiniitiin namoota hin ajajaminne irratti dheekkamissi Waaqaa waan dhufuuf, eennu'llee haasaya tasaatiin isin hin sobin.


Mata gad qabata tasaatiin malayikkoota waaqeffachu'uun ka dhaadatu naminni kumi'llee, gatii malee akka isin hin hanbbfnneef ufi eeggadhaa. Naminni akkanaa kun waayee muldhata arguutiin ufi dhaada'aa, tasaa fi yaada fooniitiin ufi ni dhaada.


Kristosiin irratti ka hunddeeffame uduu hin ta'in aadaa naminni baasee fi seera biyya lafaa irratti hundaaye falaasafamaa tasaatiin, eennu'llee akka isin hin qabnneef ufi eeggadhaa.


Woca biyya lafaa ka tasa ta'ee irraa'llee fagaadhu, wocinni akkanaa kun namoota caala'atti Waaqa irraa akka fagaatan isaan ni taasisa,


Garuu namoonni hamaaleyyi'ii fi fakkeesitoonni garuu, namoota dogoggorssa'aatii fi mataa isaanii'llee dogoggorssa'aa, hamaa irratti hammeenna dabala'aa ni deeman,


Yaa ijoolle! Kun yeroo muumme'eet, «Mormmataan Kristosii ni dhufa» yoo jedhamu dhageettanii jirttan, kunoo ammumaayyuu mormmatoonni Kristosii baayi'een ka'anii jiran, waayee kanaan yeroo muumme'ee ta'uu isaa ni beekinna.


Waayee namoota isin sossobanii ka isiniif barreessee jira,


Yaa waaheloota! biyya lafaa irratti nabiyyoonni dharaa baay'een waan ka'aniif hafuura maraa hin amaninaa, kana irra hafuuronni ka Waaqaa ta'uu isaaniitii fi ta'uu dhabuu isaanii qoradhaa.


Yesus Kristos nama ta'ee fooniin mulidhachuu isaa ka hin amanne dogoggorstoonni baay'een, biyya lafaa irratti ka'aanii jiran. Naminni akkanaa kun soba'aa fi mormmataa Kristositi.


Xaraan ol aanaan'llee gara gadii ni gatame, inni'llee arddii mara ka dogoggorssiisu daabiloos yookiin sheexana jedhamee ka waamamu, bofa duraaniiti. Inni gara arddi'ii gadi ni gatame, maleyikkoonni isaa'llee isa woliin gadi ni gataman.


Yeroo arddiin uumamittee jala qabee worra maqaan isaanii kitaaba jireennaa ka Hoolicha qalamee irratti hin barreeffamin biyya lafaa irra namoota jiraatan marrinuu, bineensichaaf ni sagadan.


Woggaan kumaa haga raawwatamutti ummatoota akka hin dogoggorssineef, maleyikkichi xaricha gara boolla gadi fago'oo titti ni gateen, itti cufee'llee caapha'aan ni chaaphesseen, kanaan duubatti yeroo muraasaaf hiikkamuun ni malaan.


ummatoonni arddii mara irratti arigaman jechu'uun, Googii fi Mangoogiin dogoggorssiisu'uu fi woraanaaf'llee hirmaachissu'uuf ni baya, laakkofssi isaanii'llee akka cirracha garba ciisaa biratti,


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ