Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Gara Worra Galaatiyaa 2:9 - Waadaa Haarawa

9 Akka utuba'aa fakkaatanii durssitoonni mulidhatan Yaaqoob, Phexirosii fi Yohaannis'llee, Waaqinni kennaa isaa ka bilisaatiin carraa addaa ka tajaajilaa kana akka naaf kenne yeroo hubatanitti, anaa fi Baarnaabaasiin malikata nu'u woliin hirmmaachuu isaanii ka ta'e harka isaanii ka mirgaa nuuf ni kennan, nu'u gara ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amannee akka deeminuuf isaan'llee gara Yihudotaa akka deemaniif, wolii ni galan.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

WAADAA LAMMATAA

9 Worri bulchoota ijoo fakkaatanii mudhatan, Yaaqoob, Keefa'aa fi Yohaannisillee Rabbi akka kennaa badhaadhummaa naa kenne hubbatanii nu gara worra Yihuudii hin taanee, isaan ammoo gara worra Yihuodotaa akka dhaqan, anaa fi Barnaabaasiin woliin wolii galan.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

9 Worri bulchoota ijoo fakkaatanii mudhatan Yaaqoob, Keefa'aa fi Yohaannisillee Rabbi akka kennaa badhaadhummaa naa kenne hubatanii nu gara worra Yihuudii hin taanee, isaan ammo gara worra Yihuudotaa akka dhaqan, anaa fi Barnaabaasiin woliin wolii galan.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Gara Worra Galaatiyaa 2:9
32 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Ani'llee akkana siin jedha, ati (Phexiros) siida'a, dhagaa bu'uraa, kana irratti woldaya kiyya ka amanti'ii ni ijaara, woldaya amanti'ii kiyya'llee huminni du'aatuu isii hin injifatuun.


Yesus, «Irbaata Faasika'aa akka nyaannuuf deema'aatii, nuuf qopheessaa!» jechu'uun, Phexirosii fi Yohaannisiin ni erge.


Kanaan duubatti Indriyaas Simooniin, gara Yesusii ni fideen. Yesus'llee guutatee laaleeniiti, «Ati ilma Yoana'aa Simoon! Ammaa achitti garuu, Keefaa ni jedhamta» jedheen. (Keefaa jechuun Phexiros yookiin dhagaa siidaa jechu'u.)


Inni garuu akka caldhisaniif harka isaatiin akeekee, Gooftaan mana hidha'aatii attamitti akka isa baaseen isaanitti odeesseeti, «Waan kana Yaaqoobii fi amantoota hafanitti'llee himaa» isaaniin ni jedhe. Isaan irraa fooyamee'llee gara bakka bira'aa ni deeme.


Isaan dubbatanii eegaa geessaniin duubatti, Yaaqoob akkana jechu'uun ni deebise, «Yaa obboleeyyan! Mee ana dhageeffadhaa!


mormmiin baayi'een eega raawwatameen duubatti'llee Phexiros ka'ee akkana isaaniin ni jedhe, «Yaa obboleeyyan! Ummata Waaqa dhugaa titti hin amannee karaa kiyyaan dubbii Wongeelaa dhagayanii gonkumaa asiin durana Waaqinni ana Waaqinni isin jiddu'uu akka ana filate ni beekittan.


Dhalataa biyya Qophiroos ka ta'e, Yooseef ka jedhamu Leewicha tokkotuu jira ture, ergamittoonni «Baarnaabaas» jedha'aa ni waamaniin ture, hiikkaan isaa'llee, «Ilma obissiinssaa» jechu'u.


Waayee maqaa Kristositiif ummanni Waaqa dhuga'aa titti hin amanne marrinuu akka amananii fi akka ajajaman taasisu'uuf karaa isaatiin, kennaa isaa ka bilisaa ka ergamitumma'aaf isaan geessu fudhannee jirra.


Dabalee'llee tokkoon tokkoon keessan haga amantii Waaqinni isiniif kenneetiin mataa gad qabataan yaadaa malee, haga barbaachisuu olitti waayee mataa keessaniitiif ufi tuulumma'aan hin yaadinaa jedhee, kennaa isaa ka bilisaa ka naaf kennameen isinitti ni hima.


Wonittoota tokko tokko isin yaadachiisu'uuf barbaadee ergaa kana akkaataa kennaa isaa ka bilisaa ka Waaqinni naaf kenneetiin, uggiinsaan isiniif ni barreesse.


Garuu ani amma waan ta'u ta'ee ka argamu kennaa bilisaa ka Waaqaatiin, kennaan bilisaa ka naaf kenname'llee firii malee hin hafinne, gonkumaa kaanniin caala'atti huji'iin dadhabee jira, garuu kana ka taasise kennaa bilisaa ka Waaqaa ka ana woliin jiru malee, anaa miti.


Garuu ani ergamittoota ol aanota ta'an kanniin womaanuu ka hanqadhu natti hin fakkaatu.


Akka gowwa'aa ni dubbadhe! Eegaa, akkanatti akka dubbadhu ka ana taasfttan isin, ana galateeffachuu ka qabddan isin turttan, ani nama eennummaan kiyya ka hin beekkaminne yoma ta'e'llee, ergamittoota ol aanttota jedhaman womaanuu hin hanqadhu.


Kristaanonni Yihudaa jiran carraan gargaaru'uu akka isaan hin dhoogamnneef'llee, cimisanii nu ni kadhatan,


Ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanne'llee waayee Ilma isaa dubbii gammachu'uu akka dubbadhu Waaqinni Ilma isaa naa ibisu'uuf yeroo jaalatetti, ani eennuun woliin'llee hin mari'anne,


Itti aanssee'llee woggaa sadiin duubatti Keefaa ka jedhamu Phexirosiin laalu'uuf gara Yerusaalemii ni deeme, achitti'llee isaaniin woliin guyyaa kudha shanii ni ture.


Woggaa kudha afuriin duubatti Baarnaabaasiin woliin gara Yerusaalemii deebi'ee ni deeme, Tiitoosiin'llee ana woliin qabadheenii deemee ture.


Ka deeme'llee akka Waaqinni anaaf ibiseen. Kanaan ka ittiin hojjadhee fi ammma'llee ka hojjadu tasa ta'ee akka hin hafinne jechu'uun, ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanneef wongeelli lallabu namoota hangafoota durssitoota ta'aniif, dhuunffa'aan isaaniif ni beekisise.


Naminni kum'llee waan kaanniin irra itti fooyyayaa ta'e uduu hin qabaatin, «Ani kaan ni caala» jedhee yoo yaade, mataa isaa ni soba.


Bu'ura ergamittootaatii fi nabiyyootaa irratti'llee ijaaramttanii jirttan, dhagaan cabisata mata'aa'llee Yesus Kristos.


Ani ka Qulqullaayomota maraa gadii yoma ta'e'llee, daangaa ka hin qabnne durummaa Krirstosii ummata Waaqa dhuga'aa hin amannetti akka dubbadhuuf, kennaa Waaqaa ka bilisaatiin carraan kun naaf ni kenname.


Waaqinni huminna isaa ol aanaa ta'een ana keessatti waan hojjatuuf karaa huminna kanaatiin, kaayyoon kun akka raawwatamuuf, ciminnaan woldhaana'aa ni dadhaba.


Mana Waaqa jiraata'aatii fi utubaa bu'ura dhuga'aa ka ta'e maatii Waaqaa keessatti, namoonni maal raawwachuun akka isaan irraa malu akka beekittaniif, qajeelcha kana isiniif ni barreessina.


Nu'uun woliin tokkummaa akka qabaattaniif ka arginee fi ka dhageenne'llee isinitti'llee ni himnna. Tokkummaan keenna'llee Waaqa Abba'aa fi Ilma isaa Yesus Kristosiin woliin.


Injifatee ka moo'u utubaa Mana Waaqeffannaa Waaqa kiyyaa isa ni taasisaan, achii'llee gonkumaa hin bayu, maqaa Waaqa kiyyaatii fi maqaa magaalaa Waaqa kiyyaa isa irratti ni barreessa, magaalaan tun'llee sami'ii Waaqa kiyya biraa ta buutu, Yerusaalemii haarofititti'i, maqaa kiyya haarawa'llee isa irratti ni barreessa.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ