Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Gara Tiito'oo 3:3 - Waadaa Haarawa

3 nu'llee asiin durana gowwoota, ka hin ajajaminne diddoota, karaa keenna ka dogoggore seera dabartoota, kajeellaa adda addaa ka fooniitiif gammachuu foonaya'aaf ka bitamnne, dabaa fi hinaaffa'aan ka jiraannu, ka jibbamnnee fi ufii keennaa'llee ka wol jibbinu turre.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

WAADAA LAMMATAA

3 Nullee akkasuma duraan worra waa hin hubanne, ka hin ajajamne, worra dogoggoru, haawwi'ii fi gammachuu foonii ka adda addaatiif garbicha taanee, hammeennaa fi hinaaffa'aan worra jiraatu, worra wol-loluu fi worra wol jibbu turre.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

3 Nullee akkasuma duraan worra waa hin hubanne, worra hin ajajamne, worra dogoggoru, haawwi'ii fi gammachuu foonii ka adda addaatiif garboota taanee, hammeennaa fi hinaaffa'aan worra jiraatu, worra wol loluu fi worra wol jibbu turre.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Gara Tiito'oo 3:3
37 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Ilmi'llee, ‹dide hin deemu!› jedhe. Ha ata'u malee maa'ii gaabbeeti, hojjachu'uuf ni deeme.


Yesus'llee akkana jechu'uun isaanii ni deebise, «Akka hin dogoggorreef ufi eeggadhaa! Baayi'eewwan, ‹ani Kristos! Kunoo, yeroon dhiyaatee jira!› jedha'aa, maqaa kiyyaan ni dhufan, isaan'llee hin horddofinaa.


Yesus'llee akkana jechu'uun isaanii ni deebise, «Dhugamaa isiniin jedha, ka cubbuu hojjatu marrinuu garibcha cubbu'uuti,


Isin Ummanni Waaqa dhuga'aa titti hin amanne duranaan worra Waaqaaf hin ajajaminne ni turttan, amma garuu waayee ajajamuu dhabuu Yihudotaatiin, isin dhiifama Waaqaa argattanii jirttan.


Kanaaf cubbuun qaama keessan ka du'u irratti aangoo akka qabaatuu fi fedhaaf'llee bitamaa akka isin hin taasfinneef, hin eeyyamina'aafii.


Isin durssitanii garboota cubbu'uu ni turttan, amma garuu barnnoota fudhattaniif onne'een ajajamuu keessaniin, Waaqaaf galanni haa ta'u.


Amma garuu garbrummaa cubbu'uu jalaa bilisa baatanii jirttan, tajaajilttoota Waaqaa ta'uu keessaniin qulqullaayomaa ni argattan, muummeen Qulqullummaa'llee jireenna bara baraati.


Cubbamaan qaaminni keenna akka dhabamuu fi garbroota cubbu'uu ta'uun keenna akka hafuuf, qaaminni keenna moofaan Kristosiin woliin fannifamuu isaa ni beekinna.


Ani garas yeroo dhufutti yookiin akka ta'uu qabddan uduu hin ta'in, ani'llee akka isin barbaadan uduu hin ta'in, wol argina ta'a jedhee ni sodaadha, akkuma kana isin biratti wol dhabiinssi, hinaaffaan, dallansuun, mataa ufii jaalachuun, maqaa namaa balleessuu, hamtti, ufi tuulumma'aa fi jeeqamnni ni jiraata ta'a jedhee ni sodaadha.


Naminni kum'llee waan kaanniin irra itti fooyyayaa ta'e uduu hin qabaatin, «Ani kaan ni caala» jedhee yoo yaade, mataa isaa ni soba.


Duri Waaqa irraa fagaattanii ni jiraattan turttan, waayee yaada keessaniitii fi hujii hamaa keessaniitiin'llee, diinota isaa ni turttan.


Isin'llee mataa keessan asiin durana namoota hin ajajaminne jidduu yeroo jirttanitti, wonittoota kanniin raawwachu'uun ni jiraattan ture.


Garuu namoonni hamaaleyyi'ii fi fakkeesitoonni garuu, namoota dogoggorssa'aatii fi mataa isaanii'llee dogoggorssa'aa, hamaa irratti hammeenna dabala'aa ni deeman,


Namoonni kunniin gara mana maraa huluuqanii aseenu'uun, dubarttoota cubbuun baayi'een isaan irratti tuulameef, hawwii adda addaatiin worra eemaraman, dubarttoota hafuuraan dadhabddootaa ta'an, akka namoota isaan qabaniiti.


«Waaqa ni beekinna» jedhan, hujii isaaniitiin garuu ni waakkataniin, isaan jibbisiiftotaa fi hujii mishaa raawwachu'uuf worra hin dandeenne.


Kennaan bilisaa kun'llee waakki'ii fi hawwii foonayaa dhiisu'uun mataa ufii toowachu'uun, qajeelumaa fi nama hafuuraa ta'u'uun biyya lafaa kana irra akka jiraannu nu barsiisa.


Arraba isaa uduu hin toowatin Waaqa ni waaqeffadha naminni jedhu, ufi ni soba, waaqeffannaan isaa'llee tasa.


Ijoollee ajajamoota taatanii beekkomissa dhabaan duraan ni qabddan ka turttan, hawwa hamaa hin horddofinaa,


Xaraan ol aanaan'llee gara gadii ni gatame, inni'llee arddii mara ka dogoggorssiisu daabiloos yookiin sheexana jedhamee ka waamamu, bofa duraaniiti. Inni gara arddi'ii gadi ni gatame, maleyikkoonni isaa'llee isa woliin gadi ni gataman.


Bineenssa jalqaba duranatti akka taasfamu sababaa baasota eeyyamameetiin, namoota arddii irra jiraatan ni dogoggorssa ture, bilayaan madaayee ka fayye ulfinna bineensichaatiif suuraa akka isaa hojjatuuf'llee, namoota arddii irra jiraatan ni ajaja.


Qoonqqa ol aana'aan'llee akkana jechu'uun ni iyye, «Baabilooniiin ol aanittuun Kuftte! Kuftte! Bakka jireenna jinniiwwan battiiwwanii ni taate, bakka bulttii hafuurota batti'ii'llee ni taate! Bakka bulttii hafuurota batti'ii'llee ni taate! Waan fuula guursisuu fi boqata sinbirrootaa jibbisiisan'llee ni taate!


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ