Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Gara Tiito'oo 3:2 - Waadaa Haarawa

2 eennuun irratti'llee waan hamaa akka hin dubbanneef isaan yaadachiisi, kana irra namaan woliin ka wol hin dhabinnee fi gara laafeyyii, mataa gad qabata mudaa hin qabnne, nama maratti ka mulidhisan haa ta'an,

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

WAADAA LAMMATAA

2 Ka eennuunillee hin arrabsine, worra hin mormine, gara-laafeeyyii, worra nama marattuu fayyaalummaa mudhisan akka ta'an isaan qaabsis.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

2 ka eennuunillee hin arrabsine, worra hin mormine, gara laafeyyii, worra nama marattuu fayyaalummaa mudhisan akka ta'an isaan qaabsis.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Gara Tiito'oo 3:2
35 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Qambara kiyya ufi irratti baadhadhaa, ana irraa'llee baradhaa, ani'llee gara laafessaa fi kaso'o, lubbuu teessaniif'llee boqannaa ni argattan.


Phaawulos'llee, «Yaa obboleeyyan tiyya! Itti gaafatamaa qeesotaa ta'uu isaa hin beeku ture, sababaan'llee ‹itti gaafatamaa ummata keetii irratti waan jecha hamaa hin dubbatin› ka jedhu, barreeffamee ni jira» jedhe.


yookiin hattoota, yookiin haafayoota, yookiin machoofttota, yookiin worra maqaa namaa balleessan, yookiin saamttonni, Mootummaa Waaqaa hin dhaalan.


Ani garbicha eennuu'llee uduu hin ta'in nama bilisa ta'e, haa ta'u malee haga naaf danda'ameen baayi'eewwan isaanii fayyisu'uun fayyadu'uuf jedhee, garbicha maraa ta'ee jira.


Ani Phaawulos isin durana yeroo jirutti gara laafessa ni jedhame, isin irraa yeroo fagaadhu garuu isin irratti uggaa ni jedhame, arjjummaa Kristositii fi mishummaa isaatiin isin ni kadhadha,


Ani garas yeroo dhufutti yookiin akka ta'uu qabddan uduu hin ta'in, ani'llee akka isin barbaadan uduu hin ta'in, wol argina ta'a jedhee ni sodaadha, akkuma kana isin biratti wol dhabiinssi, hinaaffaan, dallansuun, mataa ufii jaalachuun, maqaa namaa balleessuu, hamtti, ufi tuulumma'aa fi jeeqamnni ni jiraata ta'a jedhee ni sodaadha.


Firiin Hafuura Qulqullu'uu garuu jaalala, gammachuu, nagaya, obissa, mishummaa, amanammummaa,


Yaa obboleeyyan! Naminni dogoggoree balleessaa tokko raawwatee yoo argame isin worri namoota hafuuraa taatan, isin nama akkanaa kana gara laafnnaan qajeelcha'aanii, garuu isin'llee qormmaata akkanaa kanaan akka hin kufnneef, ufi eeggadhaa.


Yeroo mijaayaa yoo arganne namoota maraaf gonkumaa maatii namoota hin amanneetiif, waan mishaa haa raawwanuu.


Jaalalaan ufii keessan wolii obissa'aa yeroo mara mataa gad qabataa fi gara laafnnaan, wol danda'uun'llee jiraadhaa.


Hadhaayummaa, aarii, dallanissuu, jeeqama, arrabaa fi hameenni bifa kamii marrinuu, isin irraa garasi haa fagaatu.


Mishummaan keessan nama mara birattuu ka beekkame haa ta'u, Gooftaan deebi'ee dhufu'uuf dhiyaatee jira,


Ergamittoota Kristosii akka ta'uu keennaa titti barbaachisaa waan ta'e isin irraa gaafachu'uuf ni dandeenna ture, garuu akkuma haadha ijoollee isi'iitiif ufi eeggannaa taasfttuu titti, gara laafnnaan jidduu keessantti ni dedeebine.


Akkuma kana haawotiin worraa isaanii ka bajaman, nama ka hin hamanne, hagatti ka jiraatan, waan maraanuu amanamoota ta'utu isaan irra jira.


ka hin machoofnne, wol mormmii ka hin jaalanne, gara laafessa, ka namaan wol hin dhabinne, ka qarshii hin jaalanne,


Garuu ogummaan Waaqa biraa argamu jalqaba qulqullu'u, itti aanssee'llee nagaya jaalataa, misha'aa, ajajamaa, dhiifama taasisaa, ka firiin mishaan itti guute, dalo'oo fi fakkeessitummaa ka hin qabnne.


Yaa obboleeyyan! Ufii keessan wol hin hamatinaa, nama ka hamattu yookiin nama irratti ka murtteessu seera ni hamata, seera irratti'llee ni murtteessa, seera irratti yoo murtteessite ammoo murtteessaa ta'uu keeti malee, seera raawwata'aa miti.


Eegaa hammeenna mara, sobuu mara, fakkeessitummaa, hinaaffaa, hama bifa kamiituu dhabamissiisaa.


Kitaabnni Qulqulluun akka jedhutti, «Jireenna ka jaalatuu fi guyyoota mishaa'llee argu'uuf ka barbaadu, arrabinni isaa waan hamaa akka hin dubbanneef, hidhiin isaa'llee waan dabaa akka hin dubbanneef, haa dhooggu.


Waan hafeen marri keessanuu ufii keessan wolii galu'uun jiraadhaa, rakkinna nama bira'aa akka mataa keessan taasisa'aatii laakkayaa, jaalala obbolumma'aatiin wol jaaladhaa, mishaawwanii fi gara laafeyyii ta'aa.


Amma garuu waan kanaan aango'oo olitti isaan woliin naamusaan ol bayu'uun hirmmaachuu dhabuu keessaniin ni baaseffatan, isaan'llee ni arrabissan.


Keessummaanuu isaan sanniin worra kajeellaa isaanii ka foonii battii ta'e horddofanii fi aangoo Waaqaa worra tuffatan, murti'iif eegee isaan ni turssiisa.


Namoonni kunniin garuu hubachuu waan dadhaban maraafuu nama ni arrabissan, akka beeyiladoota sammuu uumamaan hin qabnee titti'llee, waanuma miira isaanii ka uumamaan beekan yoo jiraate'llee, isaan ni badan.


Akkuma kana namoonni kunniin eebjjuu isaaniitiin eemarama'aa foon isaanii ni batteessan, aangoo qabeeyyi'iif'llee hin ajajaman, sami'itti ulfinna worra qaban'llee ni arrabissan.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ